Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Adooleessa 11, 2006 (Oromiyaa) - Karoora karaa damee tikaatin Oromiyaa keessatti diriifamaa jiru. Innis :-

Baadiyyaa keessa nama jiruu tokko malee deemu waraqaa Eenyummeessaa nama kana gaafachuu, eenyuun bira akka deemu faana bu’anii qoratuu, namni inni bira deemu eenyu akka ta’e baruu fi nama waraqaa Eenyummeessaa hin qabne kana qabanii gara Karchalleetti darbachuudha.

Magaalaa keessatti ammoo namni tokko yaroo mana kireeffatu Abbaan mana sanaa waraqaa Eenyummeessaa isaa waliin gara gandaa fidee keessa jiraatuutti geessee beeksisuu, gandi ammoo xalaa gaggeessituu gaafatee akka inni dhiyeeffatu gochuu yookana fidachuu ykn hin qabaanne namni sun gara Poolisaatti kennamuudha. Namni ulaagaa kana malee namtokko manasaa keessa kaa’ee yoo argame qarshii 1000-1500 akka adabamu; yookana dhabe hidhaa ji’a sadiin akka adabamu dameen tikaan murtaa’ee qaama ilaallatutti maratiin darbeera.

Dabalata ammoo ganda tokko keessa dhimma nageenyaa jedhamee namni tokko kaa’aameera. Namni kun ji’atti qarshii 1050 ykn kuma tokko fi shantama argata. Quunnamtiinsaa dhimma nageenyaa Onaa qofaaf. Miindaas garuma sanaan argata; eenyuyuu koreen gandaa isa hin beeku. Akkasumas humni dafee  dhaqqabaa ganda gandatti leenjifamanii deebi’an namni 30ni nama kana jalatti hammatamanii isa qofaan hogganamu. Isaan illee durgoo gahaatu kennamaaf.

Haala kana irratti Oromoon bakka bakka deemee akka hin jiraanne Dhiibbaa guddaa itti uuma. Mirga Oromoon biyya isaa irratti jirachu Illee kan ugguruu akka ta´e sabbononni Oromoo dubbatu. Karoorri kun Oromoo hunda bakka jirutti mana hidhaa galchuu dha jedhu. Caasaan Kun caasaa kana dura gooxii fi gareen ijaarame irra akka hamaa ta´es  Dubbatama.

***********

Dhukkuba Aaka malee babaldhataa jirru wayyaaneen callisee ilaaluun ummataa fi ogeeyyeota fayyaa Oromoo gaddisiise.

Godina Arsii onoota Shaashamannee fi Arsii Nageellee keessatti Dhibeen Ha’aa fi Baasaa Ariifachiisaa /Koleeraa/ ka’ee jira. Dhibeen kuni kan ka’e Guyyaa 20,10,1998 A.L.H ttii yemmuu ta’u Onoota armaan Olii kana keessatti Ummata irraan miidhaa gfuddaa gahaa jira. Namoonni dhibee kanaan qabaman laakkoofsii isaanii yeroo yerootti dabalaa kan dhufaa jiru yemmuu ta’u Ona Shaashamannee keessatti hanga ammaatti namoonni dhibee kanaan Lubbuun isaanii Dabrite 20 Gahanii jiru.

Haaluma kanaan Ona arsii nageellee keessattis namoonni 12 Du’anii jiru. Dhibeen kuni nama qabee Saa´aa muraasaan booda yoo yaala hin arganne Kan nama ajjeessu ta’uun isaa beekkamaadha. Haata’u malee namoonni Guyyaa guyyaan gara mana Wal’aansaa Dhufan Laakkoofsi isaanii akka malee dabaluun Guyyaan namoota 30-50 waan ta’eef Onoolee biraattis akkuma Salphaatti dabruu akka danda’u irra gahamee jira. Dhibee kana ilaalchisee Gama Mootummaatiin Hanga ammaatti Wal´aansi ummataaf godhamaa jiru Laafaa waan ta’eef Lakkofsi ummata Dhibee kanaan qabamee Lakkofsi isaanii 500 ni oli akka ta’uu danda’u Ogeeyyonni fayaa Godinicha Kana tokko tokko irraa hubatuun danda’amee jira.

Gama biraan dhibeen amma Godina kana keessatti ka’e kan armaan dura waggoota12n dura ka’ee namoota dhibbantamaan laakkawaman Osoo hin too’atamin Gara Onoolee biroottis Dabree Lubbuu namoota Hedduu galaafatuu isaa Odeessa biiroo Eggumsa Fayyaa Godina arsii lixaa irraa baye irraa hubatuun danda’amee jira. Yeroo ammaattio dhibeen kuni osoo akka malee Ummata fixaa jiruu Lukkeewwan diinaa Haala siyaasaa isaanii Ummata Barsiisuuf keessattuu barattootaa fi Barsiisota Godina Arsii lixaa jedhamee mooggame keessatti nama Dhamaasaa jiran dhagahame.

Dhibeen Guyyaa guyyaan ummata Laakkofsi isaa guddaa fixaa jiru kana akka Hawaasa addunyaatti beeksifamee Qarqaarsa barbaachisu hingaafanne Mootummaa Feediraalaa Irraa Ajajjani itti kennamuunis dhagahamee jira. Addunyaatti Dhibeen Koleera Seene jennee yoo beeksifne Meeshaa biyya keessa gara Alaatti Ergamu irratti rakkoo nutti fida kuni immoo Dinagdee biyyattii irratti Kisaaraa Guddaa nutti fida jechuudhaan hanga ammaatti ummata addunyaa irraa Dhokfamuun dhibee kana dhagahame. Gama Miidiyaa Wayyaaneetiinis akka hindarbine dhoorkamuun isaa dhagahamee jira.

Haaluma Ogeeyyonni fayaa tokko tokko Hammeenyi dhibee kanaa akka malee isaan yaachise fi Hawaasnii naannoo Ummanni Addunyaa fi Hawaasni Biyyatti keessa jiran Gochaa Mootummaan wayyaanee nurratti raawwataa jiru kana hubatee akka Hawaasa Addunyaatti nuuf iyyatan jedhanii jiru. Itti Dabaluudhaan Ogeeyyonni Fayyaa kuni Gochaa Mootummaan wayyaanee Ummata irratti Raawwataa jiru kana Ummanni itti Dammaquudhaan yeroo Mallattoo Dhibee kana Argan Osoo yeroo itti hinkennin gama Eggumsa fayyaa naannichaa Shaffisaan dhufuudhaan gorsaa ogeessota fayyaa irraa argatan fi Dhukkubni kuni akka Onoolee birootti hindarbine Mala ittisaa gaafatuudhaan fayyaa isaanii akka eeggatan Ogeeyyonni fayyaa ´´Godina arsii Lixaa´´ tokko tokko Dhaamsa isaanii ummataaf dabarsanii jiru.

Kana duras mootummaan wayyaanee dhukkuboota adda addaa biyyittii keessa jiran itti dhimma bahuun ummata hubaa ture ni yaadatama.

Injifsnnoo Ummata Oromoo!

Gadaan gadaa bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net