Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Adooleessa 10, 2006 (Oromiyaa) - Hidhamtoonni mana hidhaa Karchallee Qaallittii Finfinnee marsaa 1ffaa nama 19 marsaa 2ffaa nama 51 hiikee jira. Kana quba qabdu ? Namoonni hiikaman kun kaan waggaa 8 kaan waggaa torba mana hidhaa kana keessa turanii dha. Kan jarri kana godhaa jirtuuf warra maakalaawwii keessa jira gara sana geessuuf jedhama.

**********

Godina jimmaa Ona Geeraatti itti gaafatamaa Damee milishaa Ona kanaa kanta’e Biyyaa A/Dagadaa kan jedhamu kun turban kana keessa gandoota Ona kanaa keessa olii gad-deemuun ummata walitti qabee nama Reedi’oo A B O dhaggeeffatu, VOA, sochii A B O godhuu

fi Reediyoo Eertiriyaa dhaggeeffatu namni hordofee nuu gabaase badhaasa taayitaa fi maallaqaa qaba; jechuun olii gad-deemee xibaaraa jira.

Yaroo isin kana hordoftanii nuu gabaastan namoota akkasiirratti tarkaanfii ruuhii isaaniirratti

fudhachuuf yaadig biraa haayyama guutuu fudhanneerra jedhee ummata sodaachisuu yaalaa jira.

Haata’u malee ummanni kanaan waan nu sodaachiftanu hin qabdanu; Alana sodaachisa keessanii fi doorsisa keessan keessaa baaneerra; isin hin sodaannu ittiin jedhee qaanessaa jira.

Gara biraan ona Maannaa ganda Dohaa keessatti bulchiifni ganda kanaa Naasir A/Tamaam jedhamu ummata ganda kanaa maqaa kaaseetti ba’oo dhaggeeffattu, Reedi’oo A B O fi Eertiriyaa hordoftu jedhuun baayyee ummata hiriirsaa jira. Akkas jedhu sab-bootonni

miseensa maadhee naannoo kanaa” namni kun gochaa isaa kanarraa yoo hin deebine ykn of hin sirreessine tarkaanfii mana, qabeenyaa fi Ruuhii isaarratti fudhanna jechuun akeekkachiisaniiru.

Akkasumas achuma Ona kana keeessatti ganda Sa’ee Boontuu keessa kan jiraatu barataa kutaa 10 Addisuu Dammaqee jedhamu basaasaa Bulchiinsa Ona kanaa ta’uun dargaggoota ganda kanaa baayyee saaxilaa jira. Gurbaan kun sabummaan isaa Kuulloodha. Innis yarootti gochaa

isaa kanarraa yoo hin deebine ta’e tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akkarratti fudhatamu dargaggoonni ganda kanaa ciminaan hubachiisaniiru. Asirraatti mucaan kun kan inni gabaasuuf bulchiinsa Ona kanaatiifi. Iccitaan kaa’ame.

**************

Godina jimmaa Ona Qarsaatti gaafa guyyaa 26/10/98 A L Htti Biiroon barnoota Ona Qarsaa barattoota sadarkaa 2ffaa 850 keessaa barattoota 250 keessaa hambisee isin ilaalcha A B O qabdu, aadaa tottoraa hordoftu ittiin jechuun barattoota 600 maqaa miseensa keenya isin

godhanna; guyyaatti qarshii 30 isiiniif herregna (durgoo qabdu ) jechuun guyyaa kana walgayiif walitti qabaniiru.

Akka kanaan namtichi waltajjii kana gaggeesse ittaanaa biiroo barnootaa Ona Qarsaa Haafiz A/Duraa jedhamu mootoliisaa biraa mararfannaa argachuuf maqaa qabsoo oromoo xureessuu, A B O balaaleffatuu fi arrabsuuf heddu barattootatti qixaa biruuf yaale. Barattoonni walgayicha kanarratti hirmaatan barattoonni kaan maaf wal-gayii kanarraa qooda hin fudhanne? Sababni isaa maali ? Yoo akkas ta’e keenyas maaliif barbaachise ? Erga obboleessi keenya fi obboleettiin keenya irritti hin hirmaannee keenyas hin barbaachisu jechuun falmii guddaa deemsisaniiru.

Haluma kanaan ergamaan wayyaanee kun Haafiz A/Duraa barattoonni 250 kun wal-gayii kanarraa hafuu qofa otuu hintaane baratanii warri alana fixanis ta’ee kan bara dhufu xumuranu carraa mootummaa keenyaa jiruu hojii argachuu jaraa goonkumaa hin jiru. Akkasumas

barattoonni kun warra “A, dhaan “B jedhanuudha jechuun heddu xibaare. Dabalatas wal-gayiin kun 10/11/98 A L Htti kan itti calqabu ta’uu isaa hubachiiseera. Akkuma walii galaatti barattoonni wal-gayii kanarratti wacuu fi kofoluun wal-gayicha firii tokko malee dhiisanii

yaa’aniiru.

Gara biraan achuma zoonii jimmaa Ona Qarsaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Dhiibuu Bijjiit keessatti gaafa guyyaa 25/10/98 A L Htti sababa manni barumsaa cufamurraatti ilaalchisee sagntaa ballaa adda addaa qupheeffachuun milkiin xumurataniiru. Akka kanaan guyyaa manni barumsaa kun cufamu Diraamaa, walaloo, geerarsa fi faaruu gootota Oromoo faarsuu qopheessuun barattoota fi maatii barattootaa sagantaa kanarratti waamamanii fi akkasuma Koreelee gandaa, barsiisota sagantaa kanarratti affeeraman bawwaarsaa oolaniiru.

Egaa haalli diraamaan jaraa kun itti qophaahe akkataa wayyaaneen yaroo calqabaa Oromiyaa seenan Dinnicha Killee se’an, Muuzii dhaan Dhadhaa jedhanii dibatan fi waanjoo gabrummaa Goobanaa Daacee ummata Oromoorratti fe’ee fi kkfn haala gariin qopheessuun ummataa fi barattootaaf ergaa guddaa dabarsaniiru.

Dabalatas barattoonni kudhanii ol ta’an Tishertii Alaabaa A B O qabuu, Suuraa Gaaddisaa Hirphaasaa fi Eebbisaa Addunyaa qabu uffatanii sagantaa kana gaggeessaa ooluun heddu nama gammachiisaniiru. Dhugaatti an illee heddun itti gammade. Egaa dimshaa shumatti sagantaa jaraa bifa gammachiisaan xumurataniiru. Asirratti gargaarsa dura bu’aan mana Barumsa kaanaa

godheef dhumarratti galata guddaa galchaniiruuf.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

 



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net