Adooleessa 9, 2006 (Oromiyaa) - Godina jimmaa Ona Qarsaatti gaafa guyyaa 26/10/98 ALH tti Biiroon barnoota Ona Qarsaa barattoota sadarkaa 2ffaa 850 keessaa barattoota 250 keessaa hambisee isin ilaalcha A B O qabdu, aadaa tottoraa hordoftu ittiin jechuun barattoota 600 maqaa miseensa keenya isin godhanna; guyyaatti qarshii 30 isiiniif herregna (durgoo qabdu) jechuun guyyaa kana walgayiif walitti qabaniiru.
Akka kanaan namtichi waltajjii kana gaggeesse ittaanaa biiroo barnootaa Ona Qarsaa Haafiz A/Duraa jedhamu moo gooftolii isaa biraa biraa mararfannaa argachuuf maqaa
qabsoo Oromoo xureessuu, A B O balaaleffatuu fi arrabsuuf heddu barattootatti qixaabaruuf yaale. Barattoonni walgayicha kanarratti hirmaatan barattoonni kaan maaf wal-gayii kanarraa qooda hin fudhanne? Sababni isaa maali ? Yoo akkas ta’e keenyas
maaliif barbaachise ? Erga obboleessi keenya fi obboleettiin keenya irritti hin hirmaannee keenyas hin barbaachisu jechuun falmii guddaa deemsisaniiru.
Haluma kanaan ergamaan wayyaanee kun Haafiz A/Duraa barattoonni 250 kun wal-gayii kanarraa hafuu qofa otuu hin taane baratanii warri alana fixanis ta’ee kan bara
dhufu xumuranu carraa mootummaa keenyaa jiruu hojii argachuu jaraa goonkumaa hin jiru. Akkasumas barattoonni kun warra “A´´, dhaan “B´´ jedhanuu dha jechuun
heddu xibaare. Dabalatas wal-gayiin kun 10/11/98 ALH tti kan itti calqabu ta’uu isaa hubachiiseera. Akkuma walii galaatti barattoonni wal-gayii kanarratti wacuu
fi kofoluun wal-gayicha firii tokko malee dhiisanii yaa’anii jiru.
Gara biraan achuma zoonii jimmaa Ona Qarsaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Dhiibuu Bijjiit keessatti gaafa guyyaa 25/10/98 A L Htti sababa manni barumsaa cufamurraatti ilaalchisee sagntaa ballaa adda addaa qupheeffachuun milkiin xumurataniiru. Akka kanaan guyyaa manni barumsaa kun cufamu Diraamaa, walaloo, geerarsa fi faaruu gootota Oromoo faarsuu qopheessuun barattoota fi maatii barattootaa sagantaa kanarratti
waamamanii fi akkasuma Koreelee gandaa, barsiisota sagantaa kanarratti affeeraman bawwaarsaa oolaniiru.
Egaa haalli diraamaan jaraa kun itti qophaahe akkataa wayyaaneen yaroo calqabaa Oromiyaa seenan Dinnicha Killee se’an, Muuzii dhaan Dhadhaa jedhanii dibatan fi waanjoo gabrummaa Goobanaa Daacee ummata Oromoorratti fe’ee fi kkfn haala gariin qopheessuun ummataa fi barattootaaf ergaa guddaa dabarsaniiru.
Dabalatas barattoonni kudhanii ol ta’an Tishertii Alaabaa A B O qabuu, Suuraa Gaaddisaa Hirphaasaa fi Eebbisaa Addunyaa qabu uffatanii sagantaa kana
gaggeessaa ooluun heddu nama gammachiisaniiru. Sagantichi bifa dansaan xumurame.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!