Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Adooleessa 5, 2006 (Oromiyaa) - Akkuma beekamu gutumaa Oromiyaa keessatii farreen qabsoo Oromoo habashoonnii fi eergamtoonii saani (OPDO)n  yeroo adda addaa qabsoo Oromoo irratii gufuu ta'a akka turan yoo beekame ilee yeroo ammaa qabsoon Oromoo sadarkaa amansisaa bakka ga'e jiruti habashooni hamlee kutachuudhaan eejenoo sukaneesa Caasaa wajjiraa motumaa bakka adda addaati ijaruu dhaan abbotii qabeenya Oromoo ta'ani daldaltoota, hojeetoota motumaa sabbontoota kan ta'an irratii fudhacha akka jiranii fi fudhachuuf akka qophii irra jiran saxilameera.

FKN.Wallaga Baha Aanaa Abbay Coomman Magalaa Finca'aa Keessatii abba qabeenya kan ta'an Obbo Hamsaaluu Oljiraa irratii gafa 24/06/06  halkaan keesaa sa'a 6:30 irrati  polisiin wayyanee kan ta'e Bantii Margoo habashoota magalaa sana wajjin harka walkeesaa naqachuu dhaan  mallattoo eenyuuma Oromoo kan ta'e Hooteela Yadii (qabeenya Obbo Hamsaalu) fulduraaa irrati dhagaa Marbilii bifa magarsaan  Odaa hojetame irra jiruu Rasaasaan reebuudhaan akkasuumsa abba qabeenya kana lubudhaan dhabamsisuuf tabbarro gamtaan hojetameen rasaasa jatama ol ta'uun dhukasaani yoo milka'uu batani illee yaliin issani godhanii fi gochaa jiran abba qabeenya kana qofa osso hin tane saboontoota Oromoo hundaaf  kan yadame ta'u issa beekame. 

*************

Waggaa darbe OPDO fi gooftoliin isaanii hawwii miseensa horachuu jedhuun guutamanii ji’a tokko tokkoo hojjetoota mootummaa walittii qabanii kanaafis baasii guddaa baasanii humnaan miseensa godhachaa akka turan ni yaadatama. Yeroo sana hojjetootni sodaatiin miseensummaatti haagalmahan malee fedha isaaniin waan hintaneef dirqama miseensummaa raawwachuu irratti rakkoo guddaa OPDO irratti uumaa akka jiran oduun keessa beektota biraa nu qaqqabu ni addeessa.

Kana malees, hojjetootni dirqiitiin miseensa ta’an nuyis miseensa jechuudhaan soda tokko malee dabbaloota OPDO murmaa fi tuffiidhaan akka isaan hasofsiisan bekamee jira. Sababa kanaan kan ka’e keessumaa hojjetootni misoomaa (DAn) dabballootatti mataa boyoo ta’anii jiru. Kanaaf yeroo ammaa kana dabballonni OPDO “Miseensa horanna jennee Bineensa horanne” jechaa jiru. Jechii isaanii kun akka rakkatan haa ibsu malee bineensi kan dhiiga isaa nyaatu akka ta’e ibsuun barbaada.

 

Walumaa galatti miseensonni dirqii kun dirqama miseensummaa kan ta’ee buusii kaffaluu waan didaniif dhaabni maxxannee OPDOn peroolii irratti buusiin miseensummaa akka citu hojjetoota mootummaa miseensumman yeroo darbe galmahan irratti qajeelfama dabarsitee jirti.

******** 

Akkuma kannan dura ibsinee Geetahuun Ayyaanaa  namni jedhamu dhiha oromiyaa keessa naannahee gocha badii kana akka hojjechaa jiru ni beekama. Kanaaf, raga kan ta’u jedhee alabaa fi waraqaa eenyummaa chapaa sobaa ABOtiin kan chaapeffamee agarsiisu dhaan namoota Oromoo Wallaggaa dhufan karaa irratti qabuu dhaan qarshii harkaa akkaa sassaaban fayidaa mataa isaaniirra olfachaa isaaniin immoo hisisaa jiru.

 

  Injifannoo Ummata Oromoof!

  Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net