Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Odeessa

Waxabajjii 27, 2006 9oromiyaa) - Dhiheenya kana oromonni qubsumaan naannoo somalii jiran walitti dhufanii marii dantaa biyya isaanii fi haala siyaasaa irratti wal marihatanii ibsa ejjennoo baafatan, Ibsi ijjannootiis akka amaan gadii kanatti baafatan:

Waltahii Ttumsa bilisummaa fi dimokraasii dhaabni keenya dhaabotti biroo walin godhe dinqisiifachaa fiixa baha isaatif if qusannoo malee irratti carraayna,,,gocha mootomni wayyaanee barattoota oromoo univ. maqalee fii manneen barnoota oromiyaa gara jabinaan hojjate ni balaaleyfanna.akkasuma kibba oromiyaa tti gosoota lameen oromo walficisifte gaddaan yaadachaa warri wayyaanee kana hojjate murtiif akka dhalaawan cimsinee gaafanna kan jedhu dabarfatan.

wayyaaneen gaafa 23/06/06 irraa eegaltee mi'a lolaa gara buufata jabuutiitiin galfachaa jirti, yeroo wanni kuni fe'amu halkan waraana jabuutiitiin karaa cufamee akka wanni takka hin dabarre godhuun mi'a kana dabarfachaa jirti konkolaattota waraanaa isii kan wal hirkisuun. Wayyaaneen gaafa 26/06/06 irraa eegaltee waraana isii kan duraan Jijjiga qubsiiftee turte gara soomaaliyaatti sochoofteeti jirti.

Naannoo jabuutiitti wayyaaneen ummata keenya ukkaamsuuf hujii shiraa oromoota keessaan hujjachaa jirti, akka kanaan Xalayaa jaarmaya ummata ABO kan alaabaa ABO qabdu namootatti kennitee dhaabaatu nu ergee miseensotaa fii deeggartoota duraan achii qabnuuf xalaayaa kana hiree jedhe jechuun ummata keessa deemanii suuraa fii maallaqa jabuutii kuma sadii irraa guuranii Safaaraa wayyaaneetti galchaa jiran, akeekni waan kanaatiis:

1, Suuraalee fii maqaa namootaa kana daangaa irra kaayanii yeroo namni raafame yoo kanaa gara biyyaatti deebi'u ittiin qabachuu,

2, Mootummaa jabuutiitti maqaa fii suuraalee kana geessanii kunoo ammallee oromoon as keessatti wal jaartee ABO gargaartii nuu raafaa ykn nuu qaqqabaa gara biyyaatti nuu darbaa jechuufii saganteeffatan, warri waan kana ummata keessa deemee godhaa jiru ammallee namoota gara waraanaa deemuu barbaadu jechuun maqaa ijoollee irraa guuraa jiran.

Jarri waan kana godhaa jiru, 1, kan gara safaaraa wayyaanee qunnamee qaceelfama fudhaatee warra kaan bobbaasu Mahammad Ahmaduu jedhama, inni kuni Paaspoortii itoophiyaa fii Xalayaa jabuutii dhiheenya kana maqaa Afariin fudhatee qaba, duraan naannoo Palaas-Raanboo jedhamtutti nama Afarii waliin dukkaana banatanii turan, yeroo ammaa wayyaaneen addatti horii laatteefii naannoo bikkaa-duus jedhamtutti dukkaana kophaa banteefii jrti, warri inni bobbaasee ummata keessa deemu,

1, Husseen Alii Husseen jedhama, duraan naannoo gaboot jedhamtu waardiyaa ture, gaafa oromoota jabuutii keessaa baasaniis kan waliin bakka baqataa sunitti ramadamee achii ummata basaasaa turee, yeroo ummanni galfamu inni gara magaalaa jabuutiitti deebifamee, yeroo ammaa kan ummata keessa deemee dirqama jaraa raawwachaa jiruus isa faadha. jarri kuni dhalootaan Wallo/ Dawwee dha.

Kanaaf ummani oromoo kan naannoo jabuutii jiraatu haala kana itti dammaqanii waan jiraniif warri hin hubatiniis hubatee jara kana akka ufirraa eegan dhaamaa, akkasumatti jara kanaafii yoo waan itti jiran kana irraa if deebisuu baatan achii fii biyyattuu waan isaanirra gahu akka isaanummaan itti gaafaman  hubachiifna jedhan.

Injifannoo ummata oromoof!!

Gadaan gadaa bilisummaati!!

Odeessa diddaa kibba dhiyaa Oromiyaa.

Godina Iluu A/Booraa Ona Cooraa Qumbaabee keessatti gaafa guyyaa 25/06/2006 halkan irraa sa’aa 4:30tti mana Bulchiinsa Ona kanaarratti tarkaanfii dargaggoonni magaalaa kanaa fudhatanii jiru. Tarkaanfichis manatti dhagaa guuruu, balbala itti dhiituu fi kkfdha. Kanarraa kan ka’e halkan gaafa kanaa manni nama kanaa Poolisaan marfamee hanga yoonaa eegamaa jira.


Akka kanaan gaafa guyyaa 26/06/2006 sanbata guddaa ganama barattoonni kutaa 5-10 baratanu hir bhanii oolaniiru. Dhaadannoon jaraas

  1. OPDOn ulaagaa dhaaba tokko isa godhu waan hin qabneef dhaaba miti.
  2. Sabaa fi sab-lammii kan walitti nu buusaa  jiru balchiinsa Ona kanaati.
  3. A B On nu haa bulchu.
  4. OPDOn farra ummata Oromooti.
  5. Hidhamtoonni maqaa Oromummaan hidhaman haa hiikamanii fi kkfniin dhaadannoo jaraa dhageessifataa oolaniiri.

Baayyinni hiriira kaanaas nama dhibbaan lakkaahaman dha. Hiriira kanarratti kan argaman dargaggoonni barataa hin taanes keessatti argamu.

Tarkaanfii fudhatame kanatti waan baayyee rifatteef ijoollee hiriira kanarratti argaman ijoollee 25 yaroo ammaa kana waajjira Poolisa magaalaa Cooraatti hidhamanii argamu. Ijoollee kanalle mana hidhaa keessatti baayyee gidirsaa jiru. Isaan keessaa;-

  1. Akmal Sharafuu
  2. Shukurii Umar
  3. Muniir Shifaa
  4. Taajuddiin Muzammil
  5. Abdussalamaam Shaafii jedhaman keessatti argamu.

Gara biraan ammo trban kana keessa Onuma kana keessatti ganda solooloo jedhamutti mana Qorqorroo namoota farra QBO ta'an lama tarkaanfii miseensa maadheen fudhatameen gubameera. Sababni isaas  Zawudee Warquu Waamii mucaa jedhamu kana warren farra QBO ta’an gamtaan itti bahanii rukutanii waan miidhaniif utuu hin jaallatamin diinni afoo wayyaanee ta'ullee tarkaanfii kun irratti fudhatame. Akkasumas torbanuma kana keessa dubartiin Oromoo tokko yaroo duutu Qeesiin habashootaa Oromoon Beete kiristaana keenyatti hin awwaalamu fi kkf habashoota kanarraa yaanni akkasii waan argameef tarkaanfiin fudhatamaa jira.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net