Waxabajjii 26, 2006 ( Oromiyaa) - Godina Jimmaa Ona Qarsaa ganda Qarsuu Toliitti tarkaanfiin hidhattoota ganadaa fi Dabballoota gandaarratti fudhatamaa jira. Akka kanaan gaafa guyyaa 23-26/06/2006tti bakkoota adda addaatti tarkaanfiin gammachiisaan saboontoota dargaggoota ganda kanaatiin cimee fudhatamaa jira. Egaa akka namoonni kun gochaa isaanii kanarraa of qusatanu karaa jaarsa biyyaatii fi hiriyoota isaaniin yaroo adda addaa kadhatamanuu of sirreessuu hin dandeenye. Kanaaf tarkaanfiin fudhatamaa jiru:- adamsanii rukutuu, manarratti diiguu fi balbalarratti dhiituu fi kkf dha. Kanarraa kan ka'een jala kaattonni wayyaanee gaafa 24-25/06/2006 walgayii ballaa ganda guutuu walitti qabanii jeeqtoota of keessaa baasaa; gochaa kana kan raawwataa jiru miseensa A B O warra farra ummataa ta'an tu raawwata jiruu baasaa jedhanii ummata cinqanullee ummanni ganda kanaa ilmaan keenya badii hin qabani. Waan saaxillu hin qabnu; abbumti haala isaa haa sirreeffatu jechuu walgayichii firii tokko malee guyyaa kaleessaa tamsa'eera. Namoonni walgayicha kana adeemsisan: 1. Ahimid A/Nagaa Shee Abraar damee milishaa ona Qarsaa, 2. Dhimma nageenyaa ona kanaa yaroof maqaansaa hin arganne tokko, 3. Raayyaa Shee Kadir (Dabballee wayyaanee), 4. Naasir A/Jihaad Dabballee ganda kanaa kan ta'antu ummata dhamaasaa turani. Akkuma walii galaatti jala kaattota kana qaaniin aryatamanii deeman.
********
S abboontonni Arsii lixaa Aaanaa Dodolaatti maandhee Raayyaa Kajawaa jalatti gurmoofnee guyyaa kanatti haala qabatamaa yeroo ammaa ilaalchisee wal gayii goonee TBD irratti ballinnaan marii gooneerra. TBD ijaarame kun rakkoolee Bilisummaa Oromoo dura dhaabataa turan kan salphisu qofa osaa hin taane qabsoo Bilisummaa Oromootiif kan haala mijeessu ta’uu hubanneerra. Yeroo ammaa mootummaan woyyaanee angoo isaa irra turuuf shirri TBD irratti xaxaa jiru keessattuu ilaalcha dhaabdi ABO hin qabne itti maxxansuun Saba fi sablammoota biratti ABOn ija shakkiitiin akka ilaalamu godhuuf olola Oofaa ture akka duwwaa ta`es itti amanneerra. Waliigaltee TBD ilaalchisee nutis yaada kana qayyabannee ummata keenyallee ittiin cimsinu kan nu gargaaru ta’ee argineerra.
Tumsi kun haala kanaan qabsoo kamiyyuu kutannoo wareegama, qindoominnaf tumsa barbaachisu wajjiin ta’uun kan galma barbaadame gayuu kan nama dandeessisu ta’uu amannee jirra.
Ibsa Ejjenno Maadhee Rayyaa kajawaa lakk.1
1. TBD ijaarame kun rakkoo biyya Itoophiyaa qofa kan fura Osoo hin taane, rakkoo gaanfa Afrikaa kan hundeedhaan hiiku ta’uu itti amanneerra.
2. Ilaalcha shakkii sabaa fi sablammoonni ABO irraa qaban ni dhaamsa jennee amanna. 3. Qabsoo Bilisummaa kan adda durummaa ABO tiin geggeeffamuuf haala ni mijeessa, galma gayuu qabsoollee kan ariifachiisu ta’uu muldhisa, Ni gabbisa, caalumatti abdachiisaa dha jennee amanna. 4. Sodaa biyyattiin Itoophiyaa ni bittonnoofti jedhanii yaadaniif fala guddaa ta’a jenna. 5. kufaatii mootumma woyyaaneetiif sabaa fi sablammoonni biyya keessaa fi alaallee walta’anii tokkummaan akka qabsoo finiinsan kan taasisuu dha jennee amanna 6. TBD ijaarame kun kaayyoo ABOn Qabatee demuuf kan gumaacha guddaa godhuu fi kan caalatti saffisiisu malee kan laaffisu akka hin ta’in itti amanneerra. Kanaafuu gara kuteennaan kan deeggarru ta’uu keenya cimsinee ibsina. 7. Tumsi kun hawwii ummanni Oromoo bilisummaaf dheebotaa tureef kan deebii ta’u ta’ee argineerra. 8. TBD ijaarame kun shakkii tokko malee kufaatii mootummaa woyyaanee ni saffisiisa jennee amanna. 9. Akeekkii Woliigaltee kana irratti buufanni Raadiyoo biyya alaatiin haala itti fufiinsa qabuutiin ibis kennamaa jiru akka itti fufu hubannoo ummata keenyaa gabbisu godhamu ni gaafanna 10. Dhaabbileen siyasaa kan TBD waliin ijaaramanillee Waliigaltee kana akka ciminnan itti fufan dhaamsa dabarfanna 11. Nuyi saboontoonni Maandhee Raayyaa kajawaa jalatti ijaramane TBD ijaarame kan hubannee ummta keenya hubachiisuuf, qabsoo Bilisummaa finiinsuuf, wanta nuraa eegamu hunda raawwatuuf waadaa keenya ni haarawoomsina.
Gadaan Gadaa Bilsummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Waxabajjii 6/10/98 ALH
|