Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Waxabajjii 25, 2006 (Oromiyaa) - Nuti  maadheen odaa bultum ayyaana hundeeffama SBO ilaalchisee walgeyii gooneen waada qabsoof galle haarayoomsuun tarkaanfiin dhaabni keenya ABO tumsa  ijaaruu irratti fudhate kan sirrii tahee fi deebii gaaaffii yeroodhaa waan taheef hujitti hiikuuf wareegama barbaachisu hundaahuu kan kafallu tahuu keenya waadaa keenya haaromsannee jirra.

kana malees warreen lukkee diinaa tahanii ummata keenya basaasuun gabroomfattuu tigreetiif dabarsanii kennaan kanneen  godina harargee bahaa jiran hundinuu gocha isaanii irraa akka of qusatan, yoo kuni hin taane  tarkaanfii irratti fudhamtuuf kan itti gaafataman isaanuma mataa isaanii qofa akka tahe hubatanii maatiin isaaniitiis akka gorsan jenna'

Yeroo ammaan tanaa keessatti wayyaaneen  sodaa  qabdu irraa kan ka'e barattoota Oromoo ganna kana hujii misoomaa irratti babbaasnee  nama tokkotti qarshii dhibba torba  isiniif kafalla jechaanii jiertti. dhimma kana maadheeleen jiran hundinuu hubatee akka barataan Oromoo hin gowwoomne haa goonuu jenna.

 ***********

Ibsa Ejjennoo fi Dhaamsa Barattoota Oromoo Gujii fi Booranaa, Yuniverstiy Maqalee Irraa!

(Tokkummaan Oromoo nyaaphaan tasa bakkaa hin siiqu!!)  

Akkuma beekamu Oromoon durii kaasee yoo waldhabe walii araaramuu, yoo walgufatu walii dhiisuun kan ture. Har’a garuu nyaaphi (Wayyaaneen) uummata keenya kan Gujiif Booranaa shira furmaata hin qabne xaxuun uummata takkaa seenaa keessatti walitti bu’iinsa akkanaa uumee hin beeknee fi yoo walitti bu’e illee jaarsoliin dafee walii galu; yeroo rakkoo waliif birmatuu fi walii dhiphattu waldhabsiisuun yoo feete Bulee Horaan kan Gujiiti, Loon Gujii Booranatu saame, daangaan kun kan Booranaati fi kkf lallabuun uummata kana wal-nyaachisaa siyaasa ishii ittiin oofti.

Nagaa fi hawwii billisummaa uummata keenyaaf qabnuu fi tokkummaan Oromoo Gujii fi Booranaa akka durrii akka deebi’ee cimuuf nuti barattoonni Oromoo yunivarsiitii Maqalee kan Gujiif Booranaa shira Wayyaaneen Ilmaan abbaa tokkoo(Gujii fi Boorana) wal dhabsiisuun wal ajjeesisaa jirtu balaalleffannee ibsa ejjennoo kana baafannee jirra.

  1. Nuti barattoonni Oromoo Gujii fi Booranaa waraana yookaan balaa Wayyaaneen fayidaa ofiif jecha uummata keenya irratti kakaaftee uruchaa uumaa jirtu ni balaaleffanna.
  2. Wayyaaneen nagaa uummata lamaanii fi kan Oromoo maraa booressuuf shira xaxaa jirtu akka hatattamaan akka dhaabdu cimsinee akeekkachiisna!
  3. Mootummaan Wayyaanee, nagaa hundee dimokiraasiiti jedhee of yaadu, nagaa uummata lamaan booressuun rakkoo fi gidiraan adda addaa uummatatti baay’isaa jiru hatattamaan akka dhaabu cimsinee dhaammanna!
  4. Uummanni lamaan tooftaa Wayyaaneen uumurii ishii dheereffachuuf, siyaasa ishiif itti fayyadamaa jirtu kana hubatee, wal hubachiisee jaarsummaa Wayyaaneen jettuun ala akka walitti araaramu gaafanna.
  5. Uummanni Oromoo golee Oromiyaa biroo keessa jirtan beekamummaa Wayyaaneen ala jaarsolii keessan gara jaarsolii ilmaan Oromoo Gujii fi Booranaa nuuf ergitanii araara uummata keenyaa akka gidduutti hatattamaan nuuf buuftanii fi gochaa akkanaa kana Wayyaaneen ammallee Oromoota irratti dabaltee hojjachuu akka maltu hubattanii akka irraa wal-eegdan isinitti dhaammanna, gaafanna.

Injifannoon uummata Oromoof!!

Gadaan gadaa billisummaati!!

 

Waxxabajjii 25,2006

 

Barattoota Oromoo Booranaa fi Gujii Yunivarsiitii Maqalee

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net