Waxabajjii 22. 2006 (Oromiyaa) - Hidhamtooti Oromoo amma mana hidhaa ma`ikalawii keessa jiran 300 ol ta`antu gidiraa argaa jira. Isaan keessaa fakkeenyaaf. Garii ammoo karchalleetti busaa jiru.
1. Taaddasee Beekaa. - Amboo ganda waddeessaa, 2. Olaanaa Kumalaa -Amboo ganda waddeessaa, 3. Geetuu Girmaa - Kuyyuu, 4. Tasfayee Badhaanee - kuyyuu, 5. Fayyee - Kuyyuu, 6. Biraanuu - Kuyyuu, 7. Zemaach Waaqjiraa - Ginda beret, 8. Solomon Bezuu - Ginda beret, 9. Lemmaa Gonfaa - Ginda beret, 10. Meserat Badhaadhaa - Ginda beret, 11. Mesfin Mullataa - Ginda beret, 12. Nagaasaa - Lixa shwaa, 13. Kabbadaa Qoroo - lixa shawaa, 14. Yisaq Ahimad, 15. Ism’el Kaliifaa, 16. Yasuuf Guddataa - Walisoo, 17. Abiyoot Hayiluu _ Walisoo, 18. Mulaatuu Maccaa Bakka bu’oota kongressii(OBKO) –Walisoo, 19. Baqqalaa Asaffaa kongressii (OBKO) – Walisoo, Shamarraa baatii shaniif maakalaawwii keessatti hidhamaa turan torbee darbe karchallee buusaniiru. Isaanis:- 20. Roobee (sawunnat) Amboo, 21. Imnet Hayiluu Amboo, 22. Simmany Amboo kana malees shamarran afur Arsii dhaa dhufanii baatii shanii oliif maakalaawwii keessatti gidiramaa jiru.
Dargaggoonni baatee (Walloo) irraa dhufan maqaa isaanii nu hin qaqabne heddutu jiru. 24. Tsahaay (Biiftuu) hojjettuu magaalaa Finfinnee (NGO) kanneen maqaan isaanii nuuf hin gabaafamne heddutu jiru. 25. Girmaa Lixa shawaa yammuu ta’u miseensa keenya heddu ajjeefte jechuu dhaan SAMMUU ISAA Rukuchuun URANII DHIIGNI AFAANII FI FUNYAANIIN BAATII TOKKOO OLIIF YAA’AA TURE. Mana yaalaatti yoo ergan namni waan arguuf jedhanii Jiivii fi Alkoolii qofaan yaalaa turani. Egaa mucaa kanatu wareegame! Mana hidhaa kana keessatti Torbee darbe deeggaraa A B Oti jedhanii lubbuu nama tokkoo baasan. Namnii torbee darbe utuu reebamuu qorannoorratti kan ajjeesan inspekter monii makasha fi kannen biroo ta’uu oduun mana hidhaati bahe ni addeessa. Sababa dargaggon kun du’een poolisoonni federaala (maa’ikelaawii) giddutti wal mormiin umamee jira. Poolisoonni oromoo, Amaaraa fi kibbaa ilmaan Ormoo maaliif gidiraa fi ajjeecchaa yeroo hundaa irratti raawata jecha walirratti qabsa’u eegalaniiru. Hub:- Kanneen kaan barattootaa dha. Maqaa isaanii hamman sammuutti qabame qofatu ergame malee ilmaan Oromoo 300 oltu gidarfamaa jirru.
********
Odeessa yuniversity maqalee fi lukkeelee, Bakkee sochiin qabsoo cimmutti sochiin humna faallaa illee caalatti humna qabu itti bobbaasuun akka irratti hojjatu ifa dha. Foonaa yunivarsiitii Maqalee keessattis wanti ta'aa jiru kana:
Walitti bu'iinsa ilmaan Tigireef ijoollee Oromoo fi ilmaan cunqurfamuu gidduutti tureen wal qabatee, foonaa keessatti hordoffiin guddaan humna tikaaf qaama adda addaa naannoo Tigiraayiin godhamaa jira. Kanaafis gumaacha addaa kan gochaa jiran, lukkeelee ilmaan Oromoo garaaf sabboontota Oromoo gurguraa jirtuu fi Habashoota afaan keenya beektu akka meeshaatti itti fayyadamaa jiru.
Erga walitti bu'insaa saniitii, barattoota Oromoo lamaa ol ta'anii waliin deeman lukkeeleen kun atattamaan gara humna tikaatti bilbilanii akka qabsiisan taasifamaa jira. Keesahuu torbee darbe keessa barattoota Oromoo afur ta'anii suuraa ka'aa turan t-shirt alaabaa ABO qabu uffatanii suuraa ka'aa jiru jechuun humna tikaa iitti waamuun, itti gaafatamaan tikaa, Roobeel jedhamu bartoota kana erga to'ateen booda, maaliif alaabaa ABO uffatanii; ABO diinaa mootummaa keenyaa akka ta'e hin beektanii; amma waan sareen guyyaan duttuuf isin agarsiisa jechuun itti dhaaddatee sodaachisee waraqaa eenyummaa isaanii erga irraa gureen booda mallateessisee gadhiiseera. Torbee dhuma sana keessa ammas barattoota Oromoo kudhan ta'anii 'cafteria' wahii keessa taa'aanii shayee dhugaa turan, walgahii ta'aa jiru jechuun ammallee lukkeeleen kun Roobeel itti waamanii waraanaan marsiisiisee barattoota qabuun waraqaa eenyummaa irraa guuree mallatteesisee gadidhiise.
Haalli foonaa yuniversity maqalee keessa jiru ofuuldura illee baay'ee rakkisaa fakkaata. Lakkoofsa lukkeelee ganna hojii isinii argina jechuun barattoota maallaqaan sobanii ofitti makuun lakkoofsa isaanii ol guddisuu irratti hojjachaa jiru. Ammallee DH.D.U.On office ifaan ifatti banattee lakkoofsa miseensaa ishii ol dabalaaf bartoota sobaa waan jirtuuf ofuuldura tokkummaa barattoota Oromoo laaffisuuf halkanii guyyaa hojjechaa jirti.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!