Waxabajjii 21, 2006 (Oromiyaa) - Kaaba Shawaa koree zoonichaa fi mandheele gara garaa wajjiin marii gochudhaan haala TBD irrati erga mari'anne barbachisummaa isaatti amanuun kanaan booda gara ummataa gallee barsiisuuf qophiidha jedhani jiru. Itti aansun sabbontotni kun wayyaanen ofumaa isheetif bombii magaala hidhabuu Abootee keessatii dhoosun barattoota Oromootti haqachuuf tattaafachaa jiraachun ishee hubatameera. Haaluma kanaan hangaa hireen ummataa keenyaa ofiin murteefachuu mirkanaa'utti wantaa nurraa eeggamu hundaa ni baana jechuun walga'ii koree zoonii fi maadheeleen nagahaan xummurrataniiru.
********
Godina jimmaa Ona Qarsaa magaalaa Sarboorratti dargaggoota ammas hidhaa jiru Akka kanaan mucaa Kaalid Jamaal jedhamu guyyaa harr`aa poolisoonni 10 manasaa dhaqanii erga haala hamaan rukutaniin booda waajjira poolisa magaalaa sarbootti hidhani jiru. Sababani hidhaa isaas tishertii kana A B O irraa situ fuudhee raabsa jedhaniiti. Gara biraan ilmi Oromoo Xahaa A/Fiixaa jedhamu dheengadda hidhame sana ija tokko otuu rukutanuu jaamsaniiru. Akkasumas ilmi Oromoo Najiib A/Jihaad jedhamu harkaa qarshii 1000.00 kan inni of harkaa qabu saamaniiru. Hanga yoonaatti qarshii koo naa galmeessaa jedhuunuu hin beeknu qarshii eessaa fuute kan A B O ti kan jedhutu deebi’eef. Namoonni tarkaanfii cimaa kana fudhataa jirani 1. Ahimid A/Nagaa Shee Abraar (Itti gaafatamaa dame milishaa onaa Qarsaati). 2. Naasir (qaama bulchiinsa Ona kanaa) 3. Tashaalee Araggaa Poolisa Ona kanaati. Akkuma walii galaatti namoonni kun ilmaan Oromoo irratti rakkoo cimaa uumaa jiru.
*********
Ibsa Ejjennoo Maadhee
Lixa wallaggaa keessatti Madheen BASASTU jalatii ijaramanii kan jiran madhee GARA ARBA lakkobsa 107 fi Madhe CALI CALANQO bakka adda addati walitti dhufuun waliga`ii ergaa godhatan boda koree hojji gegesitun maadhee kana walitii dhufanii Ibsaa ejenno baafatanii jiru. Nutii madhen basastu jalati ijaramnee kanii jiru madhen GARA ARBA lako 107 fi madhen CALI CALANQO ebsa ejenoo qabxii 5[shani} of kesati qabu bafaneraa
1. TBD ABOn godhe nidegera xumura issa akka fixan ba’uf halkanii fi guyyaa ni hojjenna.
2. Hanga Oromiyan kan Oromo taatutti nutii madholin 3 kana jala hiriree Qabsoo darani ni fininsina.
3. Fincila Didda Gabruma ummati keenya Gocha jiru cina ni dhabanna.
4. Qabso ummati Oromo ABOn hoganammu beekumsanis ta’e qabenya qabnuun duka hirrira.
5. Warregamma barbachisu kafaluu dha fi qophii ta’u keenya waada keenya ni haaromisina.
Injifanon ummata Oromof !!
Madhe Basastu
Madhe Gara Arba
Madhe Cali calanqo
|