Waxabajjii 20, 2006 (Oromiyaa) - Godina Arsii Ona Siraaroo keessatti Tarkaanfiin Lukkeewwan Diinaa irratti fudhatamu jabaatee itti fufee jira. Waxabajjii 17,2006 halkan keessaa sa`aa sadi irratti ganda Shashoo Golgee jedhamutti I/aana Dura taa`aa kan ta`e Muhaammad Nuree Tusaa jedhamu irratti Adabbiin Du`aa fudhatamee jira. Kaabineewwan gandaa Hafanis Baqatanii Halkaniin Naannoo isaanii gadi dhiisanii bayuun dhagahame.
Gama biraan Godinuma Arsii Ona siraaroo keessatti Daangaa Sidaamaa fii Gosoota Arsii Oromoo Gidduutti Mootummaan Wayyaanee ammas bifa haarawaan walitti buusaa jira. Guyyuma Waxabajjii 17,2006 kana Lafa Oromoonni irra jiraatan Warra Sidaamaatiif waan gurguraniif Ummanni kuni walitti bu`uu danda`e. Walitti bu`iinsa hanga ammaatti ta`aa jiru irrattis gama Oromootiin namni lama du`an namni lama yoo madaayu gama warra sidaamaatiinis namni 12 du`ee namni 17 madaayee jira. Rakkoo kana hiikuuf Ammas akkuma armaan duraa Jaarsolin gama Lamaaniituu Edduu Uummataa seenanii Jaarsummaa dhaan fixuuf Carraaqqii godhaa jiru.
Gama biraan Ona Shaashamannee keessatti Ergamaan Wayyaanee kan ta`ee Bulchaan magaalaa Shaashamannee Damisee shittoo Lafa UUmmataa Gurgurataa jiraatuun isaa dhagahame. Bulchaan kuni Tarkaanfii yeroo ammaa Godina kanatti Lukkeewwan Diinaa irratti fudhatamaa jiruu kanaan akka malee kan rifate Qabeenya uummataa Gurgurataa jira. Gama biraan namoota Yeroo inni qabeenya uummataa kana Gurguratu Afoo dhaabbatan mana Qopheessaa Magaalaa shaashamannee keessa jiran badii tokko malee hujii isaanii rraa ari`aa jiraachuun isaa dhagahame. Gama biraatiinis Mana Gandaa Ilmaan oromoo Keeessa jiraatan Osoo isaan keessa jiran irratti akka gurgurataa jiru dhagahame. Kanneen keessaa Mana Namni Obboo Isheetuu Magarsaa jedhamu keessa jiraatu tokko osoo inni keessa jiru irratti nama Tirfee Jedhamu tokkoof Gurguratee jira. Kanaaf Sabboontonni Naannoo Gochaa Lammiin Tigree UUmmata keenya Irratti Raawwataa jiru kana UUmmanni Bakka Jirutti Dammaqee akka afoo dhaabbatu Waamicha Godhanii jiru. Gama biraan Guyyuma kana Waraanni Wayyaanee Magaalaa shaashamannee Qubate Uummata Saamuu Itti fufee jira Konkolaachisaa Minibaasii Kan ta`e Obboo Raahimatoo Shukrii Jedhaman Badii tokko malee Konkolaataa isaanii irraa buusanii Saamuu dhaan Qaama
isaanii irrattis miidhaa geessanii biraa Deemanii jiru.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
|