Waxabajjii 20, 2006 (Oromiyaa) - Dhimma ilmaan Tigiree Brattoota Oormoo yuniversity Maqalee irratti raawwatte waliin wal qabsiisuun barattoota lama qabaman keessaa tokko gaadhiifamee jira. Haa ta'uutii barataan Diriirsaa Qajeelaa jedhamu garuu haala badaa keessa akka jiru odeeffannoon jira. Akka malee dhaantee jirti, bakka yaraatti hidhamee jira.
Barataa kana dhimma Oromummaa qofaa irratti xiyyeeffattee isa hiite, galgala sa'aa 2:00 booda foonaa yunivarsiitii business and economics keessatti akka hin gallee ajajja itti dabarsiitee turte. Ka'umsi waan kanaa ammoo barataan kun waggaa darbe osoo eebbifamuu maluu beekaa wayyaanootaan grade jalaa balleessuun eebba dhoowwame, gaafa qaphxii kana sirreeffachuu dhufu ammoo course tokko fudhachaa dallaa keessa taa'ee akka barachuu hin dandeenye dhiibbaa irratti gochuun bakkee akka galu taasifame. Guyyaa foonaatti qabame barataan kun haala magaalaa keessa ture sodaatee gara foonaa yunivarsiitii ol seenee dallaa keessatti qabde.
Akka wayyaanooti irratti dhaadatanitti ijoollee qindeessuu mooraa yuniversity olseentee jedhu. Hundaafuu barataa kana ofuuldura illee waan gadhiisan hin fakkaatu. OPDOn Oromoofis ta`e nama ishee jala deemuuf homaa tokko gochuu hin dandeenye kunoo hojiin muldhate. Miseensota OPDO hundaaf amanamaa wayyaanee ta`uu irra Ummata Oromoof amanamaa ta`a jenna. Kan si waliin yoomiyyuu dhaabbatu lammii kee ta`uu hubadhu! Wayyaaneen akka meeshaatti sitti dhimma bahuuf si barbaaddi waan ta`eef yoomuu hin amaniin!
*************
Ibsa Ejjennoo Bakkalcha Tuulama Kaabaa
Tumsa Bilisummaa fi Dimokirasii jaarmiyootiin 5 [shaani] godhan hordofnee gadifagenyaan irratti mari'annee jirra. Haluma kanaan ibsa armaan gadii basinee ijjennoo qabnu ibsineerra.
- Dhabbileen illaalcha adda addaa qaban wal-danda`uun yaada walitti fidu irratti waliin hojjachuuun umriii wayyanee gababsee ummata isasiis fayyadamaa waan godhuuf.
- Waldhansoo gaggeffamaa jiru keessatti tumsa sabaa fi sablammoota adda addaa argachuuf.
3. Lakkoofsa diinaa gad hirisuu fi tumsa barbaachisaaa ta'e argachuuf.
4. Wareeggama ummata keenya irra gahaa jiru hambisuu fi yeroo waldhansoon fudhatu gabaabsuuf;
- Sochii TBD dhaan godhamu gama hundanuu hanga galma isaa bira gahutti cinaa dhabbannee ni deeggarra.
- Dhiimma kana ilaalchisee olola diinaa fi warra afaanfajjaween godhamu ni fashaleessina.
- Haga bilisummaan Oromoo dhugomutti arsaa barbachisaa ta'e mara ni baasna.
Madhee bakkalcha tulammaa kaaba irra.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|