Waxabajjii 17, 2006 (Oromiyaa) - Godina jimmaa Ona Maannaa magaalaa Yabbuurratti gaafa guyyaa 7/09/98 A L Htti walitti bu’iinsa wayyaanotaan xaxameen Amantaa Kiristaanaa fi Amantaa Ilaamaa gidduutti uumameen manneen guraa gotaa fi qabeenyaan jaraa danuun barbadaa’eera. Balaan kun ammallee hin dhaamin jira; Haaluma kanaan Magaalaan Yabbuu jeequmsa guddaa keessa galtee jirti. Haala ummata kana walitti buuse yaroo qoratamu shira wayyaaneen ummata wal-nyaachisuuf uumte akka ta’e baramuu danda’a’meera. Ammallee haalli kun akka hin qabbanoofne wayyaanonni jala bu’anii ummata walitti naqaa jiru.
**********
Godina jimmaa Ona Qarsaa magaalaa Sarboo keesatti dargaggoota baayyeen hidhamaa jirani. Akka kanaan gaafa guyyaa 16/06/2006
1. Najiib A/Jihaad, 2. Xahaa A/Fiixaa, 3. Abdurrahiim A/Biyyaa, 4. Seefuu maqaa Abbaa isaa yaroof hin arganne, 5. Ahimaddiin A/Jabal kan jedhaman kun yaroo ammaa kana waajjira poolisa Ona Qarsaatti hidhamanii akka malee reebamaa jiru. Keessumattiiyyuu Najiib A/Jihaadii fi Xahaa A/Fiixaarra reebicha hamaa irra gaheen baayyee miidhamanii jiru; ijoolleen kun akka odeeffannoo achii bahu nuu himutti of illee hin beekani. Sababni hidhamuu jaraa fi reebamuu jaraa kunis T-shertii Alaabaa ABO qabu, Suuraa Gaaddisaa Hirphaasaa qabu fi suuraa Eebbisaa Addunyaa qabu uffatanii jiranii jedhanii uffata uffachuun isaanii yakkatti itti lakkahameeti. Tarkaanfii kana kan fudhachiisaa jiru waajjira poolisa Ona Qarsaa fi Bulchiinsa Ona Qarsaati. Namoota ijoollee kana dhaanaa jiran keessaa takko poolisii onichaa A100 Tashaalee Araggaa kan jedhamu itti gaafatama kutaa Qorannoo yakkaa ona kanaa kan ta’eedha. Ijoolleen baayyeen ammaa qabamuuf barbaadamaa jirani. Egaa nama kanatti illee hardha garaa isaaf jedhee ilmaan Oromoo irratti yakka hojjetu guyyaa jarri galan maal akka isa liqimsu haa akeekkatu jechuun sabboontonni Oromoo akeekkachiisaa jiru.
********
Ibsa Ejjennoo Koree odaa 2006 Nuti miseensonni ABO godina Iluu A/Booraa koree “Odaa 2006” jalatti ijaaramne galfata ummanni keenyaa fi ABOn nutti kenne fedha uummata keenya guutuun fudhannee hojii irra oolchuu dhaaf waadaa keenya haaromsina. Akka kanaan haala qabatamaa yeroo ammaa qabsoon ummata Oromoo ABOtiin durfamaa jiru irra gahee jiru irratti gaafa guyyaa 14/06/2006 nuti miseensonni godina kana keessaa walitti dhufnee marii ball`aa godhannee booda ibsa ejjennoo qabxii 6 of keessaa qabu akka kanaa gadiitti baafanneerra. 1. Tuumsa Bilisummaa fi Dimokraasii (TBD) A B Otiin durfamu ummame (ijaarame ) kanarratti sagalee guutuun itti amanneerra; gammachuu daangaa hin qabnes itti gammannee jirra. 2. TBD kanas bakkaan gahuuf kallacha qabsoo ummata Oromoo kan ta’e ABO waliin hiriirree bakkaan gahuuf kan yaroo kamii caalaatti jabinaan ni hojjenna. 3. Dhaaba keenya ABO waan barbaachisu hundaan walin ni dhaabbanna. 4. Ummata keenya magaalaa fi baadiyyaa ijaarree hoggana ABO jala hiriirsuu dhaan ni qabsoofna. 5. Farreen qabsoo keenyaa jala deemtoota diinaa dhaaba keenya ABO dhaaf jala buunee hordofnee ni saaxilla. 6. Koreen “Odaa 2006” kun maadhee godina Iluu A/Booraa jiran of jalatti hammachuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsuudhaaf kan yaroo kamii caalaa mudhiisaa hidhatee ka’eera. 7. Koreen “Odaa 2006” yaroo calqabaatiif gumaacha addaa kan ta’e qarshii 400.00 yaroo gumaachu gara fuula duraatti gumaachi maallaqaas ta’ee kan biroo akka ciminaan itti fufu waadaa seenna. Gadaan Gadaa Bilisummaati !!! Injifannoon Ummata Oromoof !!! Waxabajjii 14/06/2006 Koree “Odaa 2006”
Godina Iluu A/Booraa
|