Waxabajjii 16, 2006 (Oromiyaa) - Erga TBDn ijaaramee wayyaaneen waan qabatuu fi waan gadidhiistu dhabdee raafamaa jiraachuun ishee ni beekama. Sababa kanaan kan ka'e wal amantii fi wal hubachuun sabaa fi sablamoota biratti akka hin jiraannee fi namoonni hunduu ija wal shakiin akka wal eegan gochuuf bakkee adda addaatti saboota adda addaa walitti naquudhaaf horii,fi namootashee guddinaan qindeeffattee sochoo'aa jirti.
Akkaataa kanaanis sochiin Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti ka'ee tures bu'aadhuma kanaati kan jedhan ni jiru. Yunivarsiitii Adaamaa keessatti toorbee darban Barattoota Oromoo miseensa OPDO ta'an qobaatti waamtee walgahii teessiisuuf sarvisii kaampaasichaan fee'atee mooraa keessaa yammoo baasuuf yaaltutti sabbontonni barattoota oromoo warra miseensa OPDO ta'an irraaati jeequmsa kaasanii barattoota muraasa reebuudhaan ijifannoodhaan akeeka wayyanee fashleessanii jiru. Kanumaaf isaan qorachuudhaaf barattoota yammuu walitti qabanitti dallaan kun dallaa barumsaati malee dall itti saba tokko iddoo meeqatti qoodan miti jechuudhaan dabballoota qaanessanii deebisaniiru.
Kan Oromoota addaan qooduun isaan jalaa fashloofnaan barattoota Oromoo fi Tigiree walitti naquudhaaf qophahanii yeroo baratootni tigiree walgahii irra jiranitti Barattoonni oromoo dura darbanii dammaquudhaan Bratootni Oromoo Miseensa OPDO illee kan turan osoo hin hafiin Tarkaanfii gammachiisaa ilmaan Tigiree irratti Fudhatanii jiru. Kanaaf mani barnootaa kaan illee muxannoo Yunivarsiitii Adaamaa irraa barachuun warri miseensa OPDO ta'aniis qalbii jijjirsiftanii tokkumaan diina saba Oromoo irratti tarkaanfii akka fudhatan baratootni Yunivarsiitichaa waamicha dabarsaniiru.
Baratoota Tigiree kan onneessee, hidhachiisee barattoota Oromoo fi saba Oromoo irratti kan kakaasaa jiru Daldaalota Tigiree Magaalota Oromoo keessa jiran ta'uun isaa irra gahamee jira. Haaluma kanaan walitti bunsa baratoota Yuunivarsiitii Adaamaa keessatti ka'e irratti tigiroota kan jajjabeessaa ture daldaala Abbaa Mana Foonii Marab jedhamuu fi daldaaltotaa fi dureyyoota Tigiree nurratti sooroman turan. Baratoonni Yunivarsitichaa fi sabni Oromoo naannoo fi magaala Adaamaa jiraatan gocha kanatti baayee waan gaddaniif namoota kana gocha isaanii irraa akka of qusatan waamicha dabarsaa, gocha isaanii kana iraaa of qusatanii saba kana ifatti dhiifama hin gaafatan taanaan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne isaanii fi qabeenya isaanii irratti akka fudhatamu akeekkachiisaniiru.
Karaa biraa immo guuaa waxabajjii 12,2006 naannoo gambeellaa bakka jawwee jedhamee beekamutti Salaam Bus kan jedhamu konkolaataa geejibaa karaa dheeraa irratti tarkaanfii humna hin beekamneen fudhatameen Namoota lammiin Anyuwaak jedhaman afur hanbisuudhaan kaan gutummaan guutuutti akka fixan oduun bilbilaan naannichaa nu qaqqabe ni addeessa. Haata'u malee namoonni tokko tokko waa'ee kanaa yammuu odeessan gocha kana kan raawwate wayyanee yammuu ta'u, kunis saboota idduutti walitti bu'insi uumamee akeekni TBD akka fixaan hin baaneef kan jedhan ni jiru.
*************
Barataa Diriirsaa Qajeelaa kan maqleetti hidhamee jiru yeroo ammaa gochaa gadadoo hidhattoota wayyaanee irratti raawwataa jirtuun mana hidhaa wayyanee maqaleetti argamu keessatti akka malee reebicha irra ga'een kaleen isaa miidhamee hedduu dhukkubsachaa jira. Kana malees bilbila isaa humnaan erga baansiisanii booda harkaa fuudhanii isa fakkaachuun ergaa namoota gara isaatti bilbilanii fuudhaa fi isa fakkaatanii namatti bilbiluu irratti argamu.
Barataan Hajii Abdoo jedhamu yuniversity finfinnee kilo-4 keessaa ukkamfamee erga bakka buuteen isaa dhabamee torbee caalee jira. Barataan kuni yeroo doormiitii ba'e t-shirt alaabaa ABO qabu uffatee bahu isaa hiriyyoonni isaa himu. Haga ammaatti eessa buuteen isaa hin beekamu. mana hidhaa adda addaa irraa hiriyyoonni isaa barbaadanii dhaban. Barataan kun barataa waggaa lamaffaa yeroo ta`u namoonni ilmaan Oromoof fi ilma dhala namaaf dhimmitan marti dhabamuu barataa kanaa hawaasa addunyaattis ta`e dhaabota mirga dhala namaaf dhaabbataniif falmaniif nuuf iyyitan sabboontonni Oromoo dhaammatu. Wayyaaneen barattoota Oromoo kan barumsa irratti arihuu, ajjeestuu fi reebdu irratti akka maallaqa kaffalani barnootatti deebihan gochuun barattooti akka barnoota isaanii hin baranneef danqaa itti taatee jirti. Kun hojii gabroonfataan kamiyyuu biyyootii adda addaa keessatti gochaa turee fi jiru dha. Ijoolleen kuni Mana baruumsa keessatti Siyaasa adeemsiftan jedhamanii sobaan yakkamanii mana baruumsaa irraa ari`amani. Erga ari`anii booda Huumna isaaniitii Oli Maallaqa adabamanii akka deebi`an jedhamaniis ilmaan Oromoo kun murna hawaasaa gatii kana baasuu hin dandeenye ilmaan Qotee bulaa waan ta1aniif Maallaqa gaafatan kana kanfaluu waan hin danda`iniif mana baruumsaa irraa ari`amanii jiru.
Maqaa |
Umrii |
Sadarkka Barnota |
Mana barnoota |
Qarshii gaafatame |
Abdurroo Biiftuu Nuree |
18 |
8ffaa |
Bubbisaa |
425.00 |
Xaahir waliyyii waaqoo |
18 |
8ffaa |
Bubbisaa |
300.00 |
Sulxaan Amaan Nuree |
16 |
8ffaa |
bubbisaa |
850.00 |
Umar Barandaa Tisee |
18 |
8ffaa |
Bubbisaa |
300.00 |
Jamaal Litoo Irreessaa |
18 |
8ffaa |
Bubbisaa |
200.00 |
Sulxaan Galgaluu |
18 |
8ffaa |
Bubbisaa |
200.00 |
Daawud baddaa shorogee |
18 |
8ffaa |
Bubbisaa |
750.00 |
Xaahir Nuuree |
22 |
5ffaa |
Bubbisaa |
250.00 |
Suleeyiman Nuuree Cootaa |
18 |
5ffaa |
Bubbisaa |
250.00 |
Bakar Kadiir Nuree |
21 |
5ffaa |
|
500.00 |
Sadiiq hajjaa Guyyee |
18 |
5ffaa |
|
300.00 |
Amaanaa Kadiir Nuree |
16 |
5ffaa |
|
200.00 |
Qamaroo Abbaa Tasidaa |
15 |
5ffaa |
|
400.00 |
Ibraahim Amaan Nuree |
19 |
5ffaa |
|
500.00 |
Muktaar abbaa Tasid tusaa |
13 |
5ffaa |
|
400.00 |
Muktaar abbaa Tasid tusaa |
13 |
5ffaa |
|
400.00 |
Nuroo Galgaluu Qaabatoo |
12 |
5ffaa |
|
200.00 |
Ashiim Fatoo Gishaa |
22 |
5ffaa |
|
200.00 |
|
|
|
|
|
Barataa Huseen muhaammad Jiloo Godina Baalee Magaalaa Gindhiir ganda Haroo Dikaal Keessatti dhiyeenya kana waraana Wayyaaneetiin Rasaasaan rukutamee ajjeefame umriin isaa waggaa 16 yemmuu ta`uu ijoollee ona Adaabbaa san ona, Godinaa fi ganda wanti dhiiseefi hundi isaaniituu mana baruumsa tokkoo fii ganda tokkoo ari`amani.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!