Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Waxabajjii 13, 2006 (Oromiyaa) - Godina Iluu A/Booraa fi Gaambeellaa gidduutti gaafa 11/06/2006 sa’aa 11.00 irratti Konkolaataan Kaacha Maaliin maqaansaa “Salaam Tigiraay Limaat Mahabar” jedhamu tokko gubameera. Haaluma kanaan namni 60 turan keessaa namoonni 40 du’aniiru.

Kana keessaa miseensi wayyaanee Hiwaat(TPLF) namni 3 konkolaataa kana keessa jiran keessaa yaroof qaama hin beekamne tokkoon booji’amaniiru. Sababni kun godhameef waraqaan eenyummaa miseensa Wayyaanee Hiwaat(TPLF) waan of harkaa qabaniifi. Akkuma walii galaatti godinni Iluu jeequmsa guddaa keessa jirti; waraana wayyaaneetiin weeraramteetti.

***********

Qophiin magaalaa naqamtetti qophaahuuf jedhe humna wayyonotaan fashale. Baratoon magaala Naqaamtee keessa jiraan Kolleeji dhunfaa, kan mottuma, akkasumas barattoota sadarkaa 2ffaa fi tokkeefan Kolleejii Teekinikaaf OgumaaNaqamtee keessati Qophii adaa qopheesaan turaan qiphii kana kan

Akka qophaa’u kan godhaan barattota Teekinikaaf Ogummaa Naqamtee GUMMII AADAA, SEENAA, AFAANI FI JIRUF JIREENYAA OROMOO kan jedhu Koleejii sana Keessati socho’a kan jirun ture.

Sagantaa kana irrati kan qopha’e waan aadaa fi arti Oromoo calaqisu 1.Diramaan seenaa oromoo ilalichisee., 2. Faruun tokkumma oromoo ilalichisee, 3. Sirbaa dhichiisaa, 4. Walalloo hala yeroo ilalichisee, 5. Geerarsaa., 6. Nyaata aadaa oromoo kan ta’an, 7. Wa’ee tokkumma oromoo ilalchisee wadaa(kakuu), 8. Barumssa adaa wa’e sabaa oromoo ilalichisee Fi kkf ture. Garuu guyyaa qophiin kun itti ta`u waxabajji 14,2006 yeroon isaa gafa ini sa’atin lakawamu Motummaan Wayyane akkekachiisa mana barumsaati base.

Innis sochin barataan godhuu qophaa isa miti dubaan kan barataa sochoosutu jira jedhani akka Oromoon adaa fi arti isaa hin guddifanne biyya isaa irratti danqaa ta`uun isaanii hubatame. Oromoon lafa isaa irratti aadaa fi artii isaa gudifachuu dhabuun hawaasaa fi sabboontota naannichaa gaddisiisus qopheessitotis ta`e hawaasni naannoo ittuu jabaatee aadaa fi artii isaa guddisuuf akka tattaafatu dhaamsa dabarsanii jiru. Haarka hin kennannu guyyaan akka barbannee biyya keenya irratti jiraannu ni dhufa dhiyoo dha jedhanii jiru.

*******

Godina Arsii Ona Siraaroo magaalaa Alamxeenaa  fi Magaalaa Sanbatee Shaallaa Fincila Ummataatiin Dhiphataa Olanii jiru. Guyyaa Dilbataa Waxabajjii 12, 2006 Kaabinee OPDO Ona Siraaroo jiran Bulchaa magaalaa Alemxeenaa Sirbuu buusanii kan armaan dura uummata irra miidhaa geessa ture  Dirqamaan uummata irratti filaniif battalummatti uummanni Itti finciluudhaan Kaabinoota Ona Sioraaroo irraa dhufaniifii  Kaabinoota Ganda Alamxeenaa irraatti Tarkaanfii fudhataniin miidhaa guddaa irraan gayanii jiru. UUmmanni kaabinoota kana waan qabu Cufaan itti bayee namoota 15 oli ta`an Caccabsee kaan ammoo Dhukaasan Madeessee jira yeroo ammaa kanatti Bulchaan Dirqamaan Kaabinoonni Ona Siraarroo Uummata irrattti Filan Tarkaanfii UUmmanni Irratti fudhateen Du`aafii jiruu gidduutti argama.

Onuma Siraaroo kana keessatti guyyaa tokkoo fi saa`aa walfakkaataa dhaan uummaanni magaalaa Sanbatee Shaallaa fi Naannoo ishee Kaabinoota Ona Siraarroo irraa Bulchiinsa Haqaa ijaaruu sababii jedhuun Gama naannoo sanbatee Shaallaa deeman  uummaanii Waltajjii irraa buusuu dhaan Caaccabsanii jiru.  Kaabinoonni Gandaallee osoo hin hafiin uummanni Walsaamee Tarkaanfii irratti Fudhatanii jiru. Fincilli uummataa kuni O`uudhaan Gara Sochii meeshaa waraanaatti kan fufe yemmuu ta`u Dhokaasa gama uummataa  fi Poolisoota Ona Siraarooo irraa dhufaniin walitti godhameen Ummanni 40 Oli Ta`u MADAAYEE Hopitaala kuyyaraa galanii jiru.  Uummanni kuni Tarkaanfiin waraanni Wayyaanee gara Laafina tokko malee isaan irratti fudhate kanaaf osoo ufduuba hin deebi`in meeshaa qabu hundaan itti duulee ufirraa waraanaa jira. Fincilli kuni hanga Odeessi kuni nu dhaqqabuttis jabaatee itti fufee jira.

Gama biraan Onuma kana keessatti guyyaa Sanbata xiqqaa halkan keessaa sa`aa 3:00 Sadi irraatti Huumni Uummataan ijaarame tokko Taakkiyyaa tokko ta`ee gara magaalaa Ajjee seenuu dhaan Waraana Wayyaanee magaalaa Ajjee eegaa ture irraatti Dhukaasa banuudhaan Waraanaa fii Poolisii walitti Dhukaasisaa bulanii jiru.  Huumni uummataa kuni Erga isaan Dhukaasa gama lamaanii walitti banuu eegalanii booda Edduu isaanii keessaa bahuun Ufumaa Lamaanii walitti Dhukaasaa bulanii jiru. Walitti Bu`iinsa Waraanaa fii Poolisii kanaan Hidhataan gandaa kan ta`e Obboo Hanbassaa Dhaqqabaa jedhamuu fii Poolisiin yeroof maqaa isaa hin argatin tokko Akka malee Rasaasaan Rukutamanii Hospitaala Galanii jiru.  Huumni Taakkiyyaa dhaan Magaalaa Seenee Dhukaasa itti bane kuni Osoo Rakkoon Tokkollee irra hin gayin bakka irraa Bobba`etti Deebi`ee jira. walumaa galatti Fincilli yeroo ammaa Ona Siraaroo fii Ona Shaashamannee keessatti Godhamaa jiru Jabaatee kan Duraa Caalaa itti fufee jira. Onoota kana keessatti Tarkaanfii uummanni yeroo ammaa Mootummaa irratti fudhataa jiru kana dhaamsuu dhaaf Waan danda`u Cufatti Fayyadamaa jirus Huumna isaatii oli waan ta`eef magaalaa gadi dhiisanii Gara Magaalota Ollaa akka Awaasaa Deemaa Bulaa jiru.  

 

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!



Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net