Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Waxabajjii 6, 2006 (Oromiyaa) - Yunivarsiti maqalee dallaa lameenu kessatti (Indaayassuusi fi Addii haaqqii) jequumsii guddaan guyyoota afuran darban irraa kaasee itti jira. Sababaan isaatis barataan tigree tokkoo yunivarsiti Adaamaa kessatti ajjeefame....gumaa isaa baafna jedhanii ummatni tigree waan fincileefi. sababaa kanaan guyyaa dhengaddaa dabree (guyyaa afur dura) galgala irraa kaasani ijollee Oromoo rebutti kan bobbaa'an yeroo tahuu.. ummatni magaalaa maqaleetis dallaa yunivarsiti kessa galuun ijollee Oromoo irra balaa dhaqqabsisani jiru.

Guyyaa dhengadaa yeroo reffii barataa tigrichaa awwaalamu demuu ummatni magalaa hirira bahuun gumaa isaani kaffallachuuf dhaadachaa olani, galgaluma san yeroo lammafaatif gara mooraa yunivarsiti lamaanuu ulee, albee, qawwee, qaruuraa fi sibila qabachuu dhaan gara dallaa lamaani dulaniti jiru. Karaa dallaa senuf yeroo jedhan walitti bu'insii guddaan humna polisii federaalaa kan dhigaan Oromoo ta'an waliin umameera. Sababaa kanarraa kan ka'ee guyyaa itti anuu polisootni tigree (Agaaziis dabaltee) dallaatti galaniru. kun kan ta'uu danda'e polisiin federaala baay'een isaanii lammiillee Tigraay waan hin tahinif dallaa gadhisani bahuu qaban jedhani ilmaan tigiree waan himatanifi.

Guyyaa kaleessaa sa'aati duura dallaa FBE (ykn Addii Haaqqii) kessatti walitti bu'insii guddaan barattoota Oromoo fi Tigiree jidduutti umameeti ture.

Sanin wal qabatee barattoota Oromoo baay'ee gara mana hidhaatti guraniru. Sa'aati booda barattootni tigiree dallaa Indaayasuusis hirira bayuudhaan gaaffiillee armaan gadii kasani jiru:

1. Tigraay bilisoomu qabdii. (fottooquu barbaadna.), 2. Oromoon biyya kenyatti hin barattuu,

3. Polisin federaalaa Oromo duwwaa waan taatef dallaa kessaa haanurraa baatu fi kkf

Haallii amma jiruu baay'ee yaachiisaa dha. Sababaan isatis jiraattootni magaalaa maqaleetis barattoota Oromoo midhuu dhaaf barattoota isaani waliin sochoo'aa jiru. polisootni lammiin isani tigiree ta'ees haaluma san hordoofu.

Dallaa Addii haaqqiitti immoo xalayaa akkekachisaa maxxansani jiru. Akkii jedhuu.. barattootni Oromoo guyyaa sadii kessatti Tigraay gadhisani demu qabu. Yoo ta'uu baatee hunda isaanii irratti balaa gurguddaa gessifna"

Kaleessa guyyaa Abbaa barataa Adaamatti ajjeefamee jedhamee sanifi abbootin amanti dallaa kessa galuu dhaan barataan kun ofif of fanniissee akka du'ee ilmaan tigreetti himanis, Barattootni tigraay nutii gaaffiin kenya ebaluu du'ee fi ajjefamee qofaa miti. Oromoo tasuma ijaan arguu hin barbaadnu..biyya isaanitti haa galani jedhaniti jiru.

Walummaa galatti haallii jiru: galgala sa'aati 3:00 booda dormii kessaa bahuun hin danda'amu, dallaa addii haaqqii ...yeruma hunda dallaa kessaa bahuun hin jiru, haalkani fi guyyaa rasaasa dhukaafamu fi iyyansa duwwaattu dhagayama.

Ilmaan Tigiree wal ga'ani mari'atuu...qaamni isaan tuqu hin jiru. Yoo barattoono Oromoo walitti qabaman immoo rasaasaa fi ulee dhaan faccaafamu. Haakimootni mana yaalaa jiran illeen nuti ilmaan Oromoo mada'an hin wal'aannuu...yoo feedhan haa du'ani jechuu dhaan ijolleen Oromoo mada'anifi midhaman wal'aansa akka hin argannee godhaniru.

Kana malees barattoota Oromoo baay'ee hidhatti kan guran yennaa tahu...polisootni federaalaa dhigaan Oromoo ta'an yeroo bay'ee polisoota naannoo tigraayi fi humna Agaazii waliin hugguu walitti bu'an mul'atera. Kun wan baay'ee nama boonsuu dha. Namuu guyyaa itti dammaqu ni qaba.

********

Godina Lixa Showaa Aanaa Meettaa Roobii keessaa Qabeenya Abbaa Bultoo /Garbii Bultoo/ yeroo Dargii keessa saamamee harka Moottummaa Dargii jala kan ture Qabeenya uumamaafii kansoso'u Hundee Aanaa kanaa kan ta'e Bulchiinsaa Aanichaa kan ture obbo Taaffasaa Adunyaa kan jedhamu Aanicharraa gara Aanaa Buraayyuutti yoo jijjiiramu konkolaataadhaan deddeebi'ee fedhateera kan haala kan mijeesseefii itti gaafatamaa tikaafii sab-qunnamtii Aanichaa kan ta'e obbo Getaachoo Baayechaa ta'uunis beekamee jira. Kun osoo kanaan jiruu obbo Getaachoon ABO ummata keessa galee soso'aa jira miseensa baay'ee horatee jira waan ta'eef manni  namootaa shakkamanii osoo isaan hin dammaqiin haa sakkattanu jedhee yaada dhiyeessee qophiirra waan jiraniif miseensonni keenyi akka of hin daganne sagaleetiin dhaamaafii.

Dabalatas obbo Getaachoon kaabiinee Aanichaa waliin icciitiidhaan walii galanii Baajeta Moottummaan Baasu faayidaa Mataasaaniif akka oolchachaa jiranis beekamee jira Fknf baajeta bishaan baasuufii eerkanii baasuuf ramadames faayidaa dhuunfaa isaaniif oolchatanii jiraachuun is keessa beektonni ni dubbatu.

Gadaan gadaa Bilisummaa ti!

Injifannoo ummata Oromoof!!

 

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net