Waxabajjii 5, 2006 (Oromiyaa) - Godina Iluu A/Booraa Ona Bachoo naannoo Fardoo jedhumtti gaafa guyyaa 18/09/98 A L Htti yaroof kan maqaansaa isaa nu hin geenye barataan tokko du’eera. Kan ajjeeses Lammii Tigiree akka ta’ee dha. Akka kanaan sababa barataan kun du’uutiin lammii Tigiree irratti bakka hundatti tarkaanfii boonsaa fudhataa jira, ummanni Iluu. Yaroo ammaa kana lammii Tigiree kana ta’an hundii Gabaa dhaqachuu fi karaa deemuu irraa kutamanii jiru. Mana irratti gubuufaatu haalan adeemsifamaa jira. *******
Yeroo dhaaf maqaa barattoota Oromoo yuniversity maqalee keessatti dallaa business fi economics baratan akka malee ilmaan tigreen miidhamanii hidhaman muraasa. Of dura ammoo kan hafan isinif dhaama: 1. Aalelinyi Derejee (Seera waggaa 2ffaa), 2. Takkaalinyi Nuuraa (account waggaa 2ffaa), 3. Wosen Daamxewu (account waggaa 2ffaa kan har'a (waxabajjii, 4, 2006) uummani magaalaa itti duulee akka malee miidhe, YEROO AMMAA AMMOO MANA YAALAA GEESSUU IRRA GARA MANA HIDHAA GEEFFAMEE JIRA), 5. Eeliyaas Guksaa (ACCOUNT waggaa 1ffaa) kan har'a uummani magaalaa itti duulee akka malee miidhe), 6. Diriirsaa Qajeelaa (seera waggaa 3ffaa,mana hidhaatti argama)
**********
Godina Shawaa Kibba Lixaa Ona Sabbataa Hawaas mana barumsaa sad. 2ffaa magaalaa Sabbataa keessatti gaafa guyyaa 26/09/98 A L H tti 1. barataa sisay Sabbooqaa, 2. Barataa Dajanee Baqqalaa, 3. Barattuu Meeroon Geetinnat jedhaman guyyaa kaleessaa yaroo jarri qormaata fudhataa jiranitti guyyaa kaleessaa qabanii hidhaniiru; yaroo ammaa kanas waajjira poolisa ona sabbataatti hidhamanii argamu. Akka kanaan barataan Dajanee Baqqalaa jedhamu kun rukuttaan cimaan irra waan gaheef baayyee miidhamee jira. Boquun isaallee bakki baayyeen dhiigee akka jiru madden ijaan argan ni dubbatu. Sababni hidhaa ijoollee kanaas kaayyoo ABO baballiftu, hojii meedhee baballistu, fi mana barumsaa keessatti sadarkaa tokkoffaa kaaftanii fincila barattootaa qindeessaa turtan jechuudhani. Lukkeewwan wayyaanee gochaa kana raawwataa jiranii fi raawwachiisaa jiranis inispeekter (dura bu’aa) waajjira poolisa Ona Sabbataa 1. Baqqalaa Miidhagsaa, 2. Solomon Mokonnin innis poolisuma, 3. Kantiibaa magaalichaa kan ta’e Daandanaa Horaa jedhamtu sab-boontoota magaalaa kanaa hiisisaa jiru; kan barattoota kana qaamaan deemee qabes namootuma kanaa dha. Akkuma walii galaatti barattoota kanarra yaroo ammaa miidhaa daangaa hin qabne irraan gahaa jiru. Gaaffiin jaraas qaama isin hojjechiisaa jiru himaa, fi caasaa ABO asi keessatti diriiree jiru nuu himaa jechuun miidhaa jiru. ********** Godina Iluu A/Booraa Ona Bachoo naannoo Fardoo jedhumtti gaafa guyyaa 18/09/98 A L Htti yaroof kan maqaansaa isaa nu hin geenye barataan tokko du’eera. Kan ajjeeses Lammii Tigiree akka ta’ee dha. Akka kanaan sababa barataan kun du’uutiin lammii Tigiree irratti bakka hundatti tarkaanfii boonsaa fudhataa jira, ummanni Iluu. Yaroo ammaa kana lammii Tigiree kana ta’an hundii Gabaa dhaqachuu fi karaa deemuu irraa kutamanii jiru. Mana irratti gubuufaatu haalan adeemsifamaa jira. Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!! Injifannoo Ummata Oromoof!! |