Waxamabjjii 4, 2006 (Oromiyaa) - wayyaaneen dhiheenya kana humna waraana isiitiifii kan gandarraa walitti guurte sakattaa bal'aaf bobbaasuu isii kanaan dura dhaamuun keenya ni yaadatama, humna wayyaaneen sakattaaf bobbaafte kanaafii humni furgaatuun WBO gaafa 01/06/06 ona mi'eessoo bakka bililo ja'amtuutti walitti bu'uun humna diinaa irraa tokko du'ee hedduun irraa madaawee qilaasha 1 hidhannoo guutuu waliin irraa booji'amee warri hafan dheefa gara irraa dhufanitti deebi'an.
Akkasumatti gaafa 02/06/06 ammaas humna furgaatuu WBO murna biroo waliin walitti bu'iinsa humna wayyaanee waliin ta'een, loltoota hedduu irraa madeessanii kilaasha 1 hidhannoo guutuu waliin irraa hiikkachuun qabsoo bilisummaa oromootiif oolchan, humni diinaa kana hafe baqatee akka if duuba deebi'e gabaafame bakki dibaalaa jedhamti ona mi'eessoo keessa.
Gaafuma kana humni furgaatuun WBO murni biroo bakka sabbaaq jedhamtutti hidhattoota wayyaaneen hidhachiifte walitti qabuun ummata naannoo duratti gorsa kannaniifii naga'aan gara mana isaaniitti akka deebi'an godhame.
**********
Miidhaa barattoota Oromoo yuniversity maqalee irra gahaa jiru Maddi isaa :
Mucaan dhalootan Tigree ta'e tokko yuniversity Adaamaatti qaphxii gadaanaa fidee " under" waan ta'eef torban amma dhume kana keesssa waan of ajjeesseef barattoonni Oromoo fi kan waliin ta'uu dhan gara iddoo dhaloota isaa Tigiraayitti yoo geggessan kalleessa (02/06/2006) galgala reef isaa Maqalee yoo ga'u ijoolleen dhalootaan Tigree ta'an walga'anii mar'achuu dhaan utuu ijoolleen Oromoo waan tokkollee quba hin qabaatiin ibsaa mooraa yuniversity Keessaa
balleessuu dhaan Dormii ijoolleen Oromoo jiranitti seenuu dhaan reebicha irratti raawwataniiru.
Kana keessatti ijoolleen Oromoo qophii tokkollee wan hin qabneef warri qopha'anii dhufan Tigiroonni miidhaa guddaa ijoollee Oromoorraan ga'aniiru. Ammaaf kan miidhaman baayyee yoo ta'an illee ammaaf maqaaa isaanii sirriitti beekuun hin danda'amne. Garuu Oromoonni hedduun miidhamanii Hospitaala seenuu isaanii qulqulleeffaneera.
Warri Tigiree galgala kalleessaa nama Afaan isaanii hin beekne hunda tumaa waan turaniif mucaa dhalootaan uummata kibbaa keessaa ta'ee ammaaf maqaa isaa beekuu hin dandeenye tokkorratti miidhaa guddaa geessanii hospitaala seenee jira. Mucaan kun ilmaan Oromoo
caalaa miidhaan guddaan waan irra ga'eef waarra lubbuuf sodaachisan keessaa isa tokko dha.
Tumiinsa kana keessatti bulchiisni yuniversiitichaa ibsaa balleessuu dhaan ijoollee Tigre gargaaruun isaa beekaa jeequmsi kun akka ho'u gochuurratti qooda guddaa fudhateera.
Loltoonno Federaalas naannoodhuma sana waan jiraniif dhimma kana akka salphaatti to'annoo jala oolchuu utuu danda'anii beekaa callisanii erga Tigiroonni ilmaan Oromtoo miidhanii mooraa seenaniiru.
Ammaan tana sirni awwalcha mucaa of ajjessee raawwatamaa kan jiru yoo ta'u mooraa keessa tasgabiin hin jiru.
Ijoolleen Tigrootaa reefa keenya awwallannee sinitti deebna jedhanii dhadachaa kan deeman waan ta'eef ijoolleen Oromoo gara itti milqan dhabanii dhiphuu guddaatuu moonaa sana keessa jira.
Oromoon, Dhabileen mirga namaaf falman hundi akkasumas hawwaasni addunyaa marti akka birmatuuf(Iyya Reebuuf) ijoolleen Oromoo kun jabeessani dhammataniiru.
*******
Dhimmi dallaa yuniversity maqalee keessatti ta'aa jiru barattoota Oromoo fi ummata Oromoo guddoo yaachisaa jira. Uummanni magaalaa Maqalee daandii irratti gadi bahuun uummata Oromoof (Barattoota Oromootti) dhaadachaa oolan. Sirba haaraa dhimma Oromoo balaallefatu gadhiisanii waliin dhaadannoo daandii gurguddoo magaalaatti bahanii dhageessisaa oolan. Har'a guyyaa guutuu illee uummanni magaalaa gara foonaa yunivarsiitii (business and economics) akkasumas main campus duulee to'annoo poolisiif waranaan ol ta'ee jira. Lubbuun barattoota Oromoo yunivarsiitii tigiraay (Maqalee)baratanii balaa guddaa keessa jira. Poolisiif wardiyyaan bartoota keenya dhaanu, ukkaamsu, doorsisutti jiru. Gochaa galgala ta'e keessatti barattoonni madaa'an, akka malee rukutaman, caccaban, burukuteffaman, garaacha irra dhaawamanii nyaata nyaachuu dadhaban, yaalii dhabanii kufan maqaan isanii akka kana:
- Yaadasaa Kennaa, 2. Kaasaa Kumarraa, 3. Duulaa Dabalaa, 4. Caalaa Hordofaa 5. Xibabuu Mokonon, 6. Taaffasaa Baqqalaa , 7. Baahiruu Kabbadaa, 8. Kumsaa Margaa 9. Bantii Kadiir, 10. Moluu Diimaa
Yoo ta'an barattoonni afur yeroof maqaan isaanii hin beekamne foonaa business and economics keessaa ammoo ukkaamsamaniiru.
Iyyannoo keenya addunyaan nuufaa dhagahu!
Oromoon bakka jiru cufaa ka'ee gumaa keenya nuuf haabahu!
Qabsoof furmaata dhumaa haa barbaadu!
Saboontonni Oromoo, barattoonni obbolaa keenya nuuf haa birmatan!
Ammaan kana illee uummanni magaalaa Maqalee galgala kana barattoota Oromoo irratti duulu kana jedhu oduun ni jira, Poolisii federaalaaf dallaa keessa sosso'uun dhibaadha. Atattamaan gara qaama ilaallatuu nuuf dhaamaa, qaamni mirga dhala namaaf dhaabbatte nu haa qabu.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!