Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Waxabajjii 24, 2006 Oromiyaa) - Godina Jimmaa Ona Qarsaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Waachoo keessatti gaafa guyyaa 12/10/98 A L H tti walitti bu’iinsa barsiisota gidduutti uumameen manni barumsaa kun guyyaa 2f cufaatti ooleera. Sababni isaas dura bu’aa mana barumsicha kanaa 1.     Barsiisaa Mahammad Usmaan, 2.     Barsiiftuu Muntahaa Juundii (haadha manaa dura ta’aa kanaa), 3.     Barsiisaa Magarsaa Shifarraa jedhaman kun dhiibbaa sab-boontota barsiisota Oromoo mana barumsaa kanarraan gahaniin.

Akka kanaan barsiisonni armaan olitti caqafaman kun beeksisa qormaata mana barumsaa bahee maxxanfame ofumaasaaniitii cicciranii ka’anii barsiisota ilaalcha A B O qaban as keessa jirantu akka qormaanni hin gaggeeffamneef akkas godhan jedhanii caasaa gandaatti iyyachuurraan rakkoon kun uumame. Bariisonni rakkoo kana uumaa jiran miseensa OPDO fi jala kaattuu wayyaanee waan ta’aniif barsiisota ilmaan Oromoo Oromummaa isaaniitiin boonanurratti rakkoo guddaa uumaa jirani.

Egaa iyyannaa kana kan dhiyeeffatan miseensota barsiisota maadhee “Jiim Sadan“ tu akka namoota kana sadirratti of eeggannoon itti kennamuufiin dhaammatani. Dhumarrattis Namoonni sadan kun gochaa isaanii kanarraa yoo irraa of hin qusanne yaroo gabaabaa keessa tarkaanfiin irratti irratti fudhatanu akeekkachiisani Jiru.  *********

Ibsa Waldaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yunivarsiitii Maqalee

(Oromoon yoomiyyuu gidiraaf harka laachuu hin qabu!)

Uummanni Oromoo akkuma saba addunyaa kana irra jiraatu tokkootti gaanfa Afrikaa dachee Oromiyaatti uumame. Biyya abbaa isaa keessatti dhalatee jiraate kana keessatti mirgi sabummaa fi namummaa dhabee jira. Daaree beela’eera; dheebotee hongaa’eera. Yeroo dhaa yerootti humni gita bittaa Habashaa itti walfuruun uummata kana dararee jira. Seenaa afaanii fi eenyummaa uummata bal’aa kanaa ukkaamsanii, awwaalanii dhabamsiisuuf boolla isaan hin seenne, gaarri isaan hin bane hin turre.

Uummata kana hanga danda’an ajjeesaniiru; harkaaf miila irraa muraniiru; hidhaaf dhaannichaan hiraarsaniiru. Har’a illee tooftaa isaanii jijjiiruun wanti isaan raawwachaa jiran kanuma.

Ilmaan Tigiree kan mootummaan Wayyaanee Oromoota qawween, hidhaan, reebbichaan ifaaf dhoksaan lafa irraa fixaa jiru hanqateetu; isaan illee hojii mootummaa isaanii tumsuun ilmaan Oromoo Yunivarsiitii Maqalee baratan irratti duula ajjeechaa banan. Yunivarsiiticha halkan sadii fi guyyaa sadiif dirree waraanaa taasisan. “Kan sangaan iyyuu malte qacceen iyyiti” jedha Oromoon yoo mamaaku. Barattoonni Oromoo yunivarsiitii Maqalee baratan gama hedduun (barnootaan, dhukkubsatanii yaalii dhabuun, doorsisaaf reebbichaa Wayyaaneen, kkf) osoo gidiraa argaa jiranii hinumaayyuu hin xiqqaate jettee dabballeen wayyaanee uummanni Tigiraay osoo akka nutti duulu beektuu haala mijeessiteefi callistee nurratti ilaalte.

Barataa keenya yunivarsiitii Adaamaatti du’e, Oromootu nu jalaa ajjeese, kanaaf ilmaan Oromoo as keessa jiran ajjeesnee gumaa bahuu qabna; kan jedhu ka’umsa jaraati. Dhimmi kun dhuguma osoo haqa ta’ee iyyuu; Oromoonni meeqa Wayyaaneedhaan bakkee gara garaatti yerootti isaan osoo hin ajjeefamiin oolan hin jiru. Ammallee yoo gochaa akaakilleen isaanii Minilik fi Yohanis harkaaf harma ilmaan Oromoo muruun lakkoofsa saba kanaa walakkaan gadi hir’ise san irra deebi’uun raawwachuu yoo fedhan ta’e nuti hin beeknu.

HaalaYunivarsiitii Maqaleetti ta’ee ture yeroof qabbaneessuuf Wayyaaneen poolisii federaalaa fi kan naannoo Tigiraay gara foonaa yunivarsiitichaa bobbaasuun ishii ,nageenya barattoota Oromoof yaaddee osoo hin taane; rakkoo siyaasaa boru biyyittii keessatti dhufuu danda’uuf ofii mataa ishiif dhiphatteeti. Osoo nageenya barattoota Oromoof yaaddeetu ta’ee, durumaayyuu yerootti barattoonni Oromoo ajjeefamaa, hidhamaa, boonbiin irratti darbamaa, fi kkf ta’aa turanitti, dursitee yaaddee nageenya keenya nuu eegsisuu fi qaama dhimma kana nurratti raawwate seeratti nuu dhiheessuutu irrat ture.

Kan uummanni ishii nurratti raawwate (nu burukse, nu caccabse, qaama nu hir’ise, nu waraane) hanqateetu mootummaan Wayyaanee ammoo ibidda ofii ishii nutti qabsiisteen barattoota keenya mana hidhaatti gidirsaa turte, ammas itti jirti. Yeroo ammaa barataa Diriirsaa Qajeelaa, barataa seeraa waggaa sadaffaa mana hidhaa Addi-Hawusitti argamu keessatti; jeequmsa gaafas ture situ qindeesse, barattoota Oromoo gurmeessaa turte, yeroo biyya turte nama deeggaraa Wayyanee ta’e ajjeestee turte, yeroo filannoo akka OPDOn hin filatamne goote, mootummaan iyyuu duraanuu sibarbaadaa ture jecha jedhuun; dhara duruu barte afarsuun barataa kana waan inni gonkumaa hin gooneef hin beekneen yakkitee sababa godhachuun waan Oromoo ta’e qofaaf, mana hidhaa keessatti akka malee dhaantee lubbuun isaa ammaan kana du’aaf jiraa gidduutti argamti. Barataa kana akka hamaa sibiilaan tumuun, qaamni isaa cufti erga babaqaqee booda, dhigee dhiisuu dinnaan gara hospitaala Maqalee geessitee, qaamni isaa suphamee lubbuun barataa kanaa yeroo ammaa gaaffii keessa galtee jirti.

Hanga har’aa nyaata takkaa mana hidhaa sanii osoo hin argatiin haala suukkanneessaa fi yaachisaa ta’e keessatti kan argamu barataan kun, miidhaaf hubaatii qaama isaa irra gahe kanaan yoo atattamaan mana hidhaa keessaa bahee hospitaalatti hin wal’aanamne lubbuun isaa bahuu waan danda’uuf; uummanni Oromoo bakka jiru cufatti lubbuun barataa kanaa akka baraaramu akka uummataa fi mootummaa addunyaatti; akkanumallee qaama mirga dhala namaaf falmuutti akka nuuf iyyuufii haalli barattoonni Oromoo yunivarsiitii maqalee itti jiran hubatee akka nu hordofuu fi gumaa keenya nuuf bahu dhaamnaaf.

 

Oromiyaan dhiiga ilmaan ishiitiin ni bilisoomti!!

 

Injifannoon uummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Billisummaa ti!!

 Waxabajjii 24,2006

 Waldaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yunivarsiitii Maqalee (WTBOYM)

**********

Ibsa Ijjannooo Maadhe Tokkummaan Humnaa  

Tokkummaan Humna jalatti ijaaraman: A.      Hordofaa Daadhii, B.    Bullaallaa Guugu, C.    Hulluuqa Amboo, D.    Sbaan Boon Rooba, E.    Numaaf Nu`i  Kan TBD I jaaramu ilaalchise Tumsi ijaarame tuni kan bilisummaa Oromoo shaffisiisu waan ta`eef tofta sirri tayuu ni amanna. Siyaasni kun ummata keenyaaf harayaa waan tayeef fi ummatni Keenyi hubannoo isaa gabbifachaa akeeka tumsa kana hubachuuf Tattaaffii jabaa gochuu qaba. Nuti maadhe kana jalatti Akeeka ABO jalatti qajeelfama fudhanee qabsoo bilisummaa Oromoo kan fula dura dhaabatu ykn kan gufachisu isa wallaalaan godhu hubachiisuu isa beekaa ulee diinaa ta`uun dura dhaabbatu ammoo tarnkaanf irratti fudhachuuf qophii dha.

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Maadhe tokkumaan Humna

Waxxabajii 20,2006

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net