Hawaasni Oromo Australia keessa jiraatan godinaa adda addaa irraa walitti dhufuanii FDG ummatni oromoo Oromiyyaa keessatti geggeessaa jiru deggeruudhaan Ebla/May 29/06 bakka mana mootummaa Kaanbeeratti hiriira bahan. Hiriirri kun akka lakkoofsa Australiaatti ganama sa’a 10:00 irraa jalqabee haga waaree bodaatti kan geggeeffame yeroo ta’u hiriira kana irratti hawaasni oromoo Magaala Melbourne, Sydney akkasumas naannoo biro irraa dhufan argamaniiru.

|

|
HIrmaattota Hiriira Nagayaa |
Hiriira kana kan qopheesse haawaasa Oromoo magaalaa Melbourne ti. Haala kanaan Alaabaa Oromiyaa fi Australiaa wal cina qabachuun mana mootummaa fuul duratti kan bahan yommuu ta’u dhaadannoolee adda addaa kan gochaa farra dhala namummaa wayyaaneen Oromoo irraan ga’aa jirtu balaaleffatu dhageessisaniiru. Miidhaa fi sarbamuu mirgaa mootummaa itoophiyaan geggeeffamaa jiru balaaleffachuudhaan motummaan Australiaa illee rakkoo Oromoo irra jiru kanaaf natoo akka qabaatu iyyannaa dhiheeffataniiru. Gara fuulduratti illee tumsi fi deggersi yaadaa barbaachisu karaa argamu irratti hariiroon jiraachuu qabu akka diriiruu keessa’uu qaama mootummaa dhimmi isaa ilaaluu fi bakka buutotni hiriira kanaa akka waliin haasa’uuf jirantu ibsame.
|