Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Waxabajjii 1, 2006 (Oromiyaa) - Godina Kibba Lixa Shawaa  Aanaa Ammayyaa keessatti Gidiiraan Uummata irra ga`aa jiru akkuma itti cimetti jira.

Ji`a darbe Edda FDG Baratootan ka`ee kaasee  Waayyaanonniifii Jala deemtu ishee uummata nagaa ba`aa gala wallaalchisaa akka jiran  oduun achi irraa dhufe ibsee jira.

Kan isaan raawwatan keessa:-

  • Uummata waaqeffannaaf deemu  dhorkuun mana waaqeffannaa cufanii namoota achi irraa hari`uun
  • Uummata baadiyyaadhaa Gara magaalaa Gindoo dhufudhiira dubartii ijoollee otoo hin jenne mataa dhaa hanga miilatti sakata`uun mi`a isaan baatan mara hiikanii ilaalun
  • Uummata nagaa dhimma mataa isaaf deemu guyyaa keessaa sa`aatii 10:00 booda magaalaa keessa fi naannoo magaalaa socho`uu dhoowwun yoo socho`an ta`e qabanii  reebufii mana hidhaa galchuun,
  • Hojjatoota Mootummaas ta`ee kan dhuunfaa  nama naanoo biraa irra dhufe mara addaan baasanii sochii dhorkuun bakka silaa argatanitti qabanii reebun,
  • Sabboontota Oromoo shakkan  bakka mana nyaataa isaan seenaniifii mana dhugaatii isaan seenan hordofuun  Suummiin adamsuun,

Baratoota mana hidhaa jiranirratti  jalee wayyaanee kan ta`e Inspeektar ol`aanaa Zawuduu Dirribaa, Kafiyaalaw Dajanee(umna Milshaa) fi Guutamaa Dagguu Bulchiinsa irratti Boombin akka darbatamu ofuma isaanif taasisanii namaan maqaa balleesaaf ; Boonbii kana kan darbate Loltuu issanii kan ta`e Ajajjaa 50 Mulunaa Itichaa kan jedhamu  yoo ta`u  loltuu kanas yeerof to`annaa jala oolchanii  jecha isaa akka inni itti gaafatamaa dhaaba Kongirasii oromoo biyyoolessaa   Aanaa Ammayyaa kan  ta`e Obboo Taaddasaa Margarsa tu boombii kana natti kenne jedhee akka jecha isaa kennu taasisanii , Obboo taaddasaa Magarsaa mana hidhaa galchanii reebicha gara jabeenyaa irratti raawwachaa ljiru.

Maatin baratoota hidhamanii fii uummata hedhamee akka deemaniii lhin gaafanne , nyaata akka hin geessine  kan taasifaman yoo ta`u . Uummanni amma lee mormii isaa dhageessisaa akka jiru wal- ga`ii OPDOn waamte irratti dubbatanii jiru kan dubbatan keessaa:- ijoollen keenya yaahikkamtu, Reebichi ijoollee keenya irratti mana hidhaa keessatti raawatamaa jiru kun haadhabatu, Waraana nurra safarchiiftan kana nurraa kaasaa jechuun wal ga`ii irratti gaafatanii jiru.

Baratoota Sababa FDG  keessa jirtu jedhamanii mana hidhaa keessatti gidiraa argaa jiran keessaa.

  • Masfin Faajjii Barataa yoo ta`u asiin dura Ma`kalaawwitti hidhamee kan ba`e , 2. Kabbadaa Abarraa barataa , 3. Assaffaa Kumsaa barataa , 4. Adaanaa Guutuu barataa, 5. Galaanaa Daggafaa bartaa, 6. Adaanaa Milkeessaa barataa, 7. Alamuu Moosisaa Barataa, 8. Dirribaa Daammasaa barataa, 9. Obboo Taaddasaa Margaa Qotee bulaa, 10. Mulunaa Itichaa Loltuu isaanii yoo ta`an Barattoonni  lakkoofni isaanii hin beekkamne biyyaa baqatanii bakki ga`an hin baramin heddu ta`uu isaanii oduun achii ba`e kun ibsee jira.

 *********

 Wayyaaneen akkuma aadaa isiitti ummata adda qoqqooduu itti fufteeti jirti, akka kanaan basaastuu wayyaanee kan ture kan dhalootaan oromoo bakka tokkoonillee hin seenne, fuutee oromoodha gosa ituuti jechuudhaan manguddoo garaaf bitamtu ufitti qabdee basaasticha tarkaanfiin irratti fudhatamte Masaay kan jedhamu ituudhaa gosa Alaatu nurraa ajjeesee gumaa isaa bahuudha qabna akka jedhanii ummata oromoo walitti diran godhaati jirti, kanaan manguddoo garaaf bitamtee ummata oromoo irratt shira kana wayyaanee waliin rachaa jiran kuni yoo shaffisaan irraa hin dhaabbanne tarkaanfii barnoota warra biroof taatu akka irratti fudhatamtu ammumaan beessifna.

Gara birootiin ummata oromoo kan baadiyaa saamuuf humna waraana isii fii warreen gandarraa walitti guurte sakattaa guyyaa kudhaaniif jettee ummata oromoo kan baadiyaalee mi'eessoo fii Asaboot qubatanirratii bobbaafteeti jirti. Ummanni oromoo guchaa kana bakka jiruu dura dhaabbatee,warreen wayyaanee waliin amma fiigaa jiran kanaas firri isaanii akka qabatan waamicha goonaaf, kun tahuu baannaan rakkina dhufu kan fide ufirratti matuma isaanii tahuu akka hubatan yaadachiifna.

Ayyaan Waaggaa 15ffaa  OPDO iirrattii Uummanni aallaggaa Lixaa keessuumayyuu Aanaa najjoo keessatti guyyaan kun guyyaa garbummaa jaarraa tokkon olii caalaa guyyaa itti salphifamuun,hidhamuun ,ilmaan dhabuun.ajjeefamuun,barataan keenya barumsarraa ari’amuun itti nutti dhufeedha jechuudhaan bakka walga’ii dhaquu didee mana manatti gaddaan isa durii caalaa yaadachaa olaniru,kan seera sodaatanii dhaqanis altokko illee fuulli isaanii usuu hin ifiin dhaqanii galaniru.

Naasuu kanarraan kan ka’ee Baadiyaattis Magaallattis maqaa Uummata dhiifama gaafachuun sossobachuu jedhuun  guyyaaboriitti ganda Gandattii bakka hundaatti wal ga’ii waamanii waan jiraniif Uummati dura dhabbachuu akka qabuu itti haahimamu jedhaniru.


3* Kanarratti maadheen Naa.2005 Ibsa baafataniin nuti kanaan booda sossobbaafi dhiifama gaafachuun madaa keenya waan hin fayyifneef Uummanni Oromoo salphina kanaan dura nurra tureefi nurra jiru yaadachuu qaba malee dhiifamaan gowwoomuu akka hin qabnee nuuf
hubachiisaa”

Injifannoo ummata oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net