Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 30, 2006 (Oromiyaa) - Ona mi'eessoo fii ona doobbaa keessa wayyaaneen namoota walitti guurtee hidhachiisuun akka ummata nagayaa kan baadiyaa irra gara magaalaa dhufe rakkisan gootee jirti. warri hidhachiifte kuni warra gowwaa waan tokko hin beenne garaa isaanii malee waan tahaniif ajaja isiitiin ummata nagayaa saamuufii tumuun waraana wayyaanee aliin tahanii itti jiran jara kana maqaan ummanni yeroo ammaa itti beeku gowwajjees jedhamanii beekkaman ummata biratti. warra naasuu namaa hin qabne kan ufii isaatiifuu waan tahe ufin beenneedha.

Akkasumatti onuma mi'eessoo keessaa manguddoon wayyaaneen tofatte hangi tokko gumaa basaasota diinaa kan ummanni ufirraa tarkaanfii itti fudhate ni baafna dhiiga isaanii jechuun wayyaanee jala olii fii gadi fiigaa jiran. kanaaf warra lamaan kana wanni dhaamnuuf yoo gochaa amma itti jiran kanarraa if deebisuu baatan tarkaanfiin waarra basaasotaa sunirratti fudhatamte isiniifiis akka teessu hubadhaa kan jedhuudha dhaamnaaf.

Wayyaaneen ummata oromoo fii warra ollaa isaa jiran walitti buusuuf halkanii guyyaa fiigaa jirti, oromoo fii soomaalee, oromoofii Afar, oromoo fii Amaara,fii kkf walitti buusuuf wanni isiin hin goone hin jirtu.kana keessa ummata oromoo midhuuf saganteeffatteti, odoo kuni jiruu warri OPDO ufiin jedhu ummanni keenya akka diina isaa kanaaf jilbbiiffatuuf hidhaa fii saamiinsa hammana hin jedhamne wayyaanee waliin tahuun irra geessisaa jiran. Ummata qe'ee isaa irraa arihuun, biyyaa baasuun, biyya anbaatti yoo baqatees achitti mootummaa suniin wal tahuun rakkoo irratti uumuudhaan darara hammana hin jedhamne irraan gahaa jiran.

Walii galteen dhaaboonni dhiheenya kana godhan mootummaa wayyaanee fii ilmaan tigree warra tahe hundatti summii hamaa tahee sammuu isaanii jeeqaa jira.yeroo ammaatti tigroonni wanni jedhanii itti if jajjabeessaa jiran, oromoonni waan soomaloonni isaan muddaa jiraniif gara amaaraatti dheessan jechuun ilmaan tigrootaatin jajjabeessaa jira.

Gara birootiin yeroo ammaa mana dhugaatii kan tigrootaa isaan malee namni tokkolleen akka seenaa hin jirre barame.manneen dhugaatii kan tigrootaa harki caalaan cufameeti jira, warri hafaniis akka cufaman yeroo gabaaduu keessatti ni ibsama. wayyaanoonni yeroo ammaa dalla'a manneen isaanii shuboo qorrantii qabduun marsaa jiran, waardiyaas manneen hunda duratti ramaduun achuma oolaa jira,

Injifannoo ummata oromoof!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net