Caamsaa 29, 2006 (Oromiya) - Godina Arsii Ona Siraaroo keessatti Fincillii Diddaa Gabrummaa Ummataan jabaatee itti fufee jira. Ummanni Ona Siraaroo Meeshaa qabu cufaan gadi bahee Diina isaa afoo dhaabbataa jira. Ummanni Hedduun yeroo ammaa Gaaratti galee Waraanaa Wayyaanee Naannoo san irra qubateen Gootummaa dhaan Afoo dhaabbatee ufirraa Dhooggaa jira. Tarkaanfii uummataa kanatti akka malee kan rifate Mootummaan Waraanaa Hedduminaan aras bobbaasaa jira Gama biraatiin Lukkeewwan Diinaa Tarkaanfii Ummanni Mana marii fi Mana murtii irratti fudhateen akka malee kan rifatan Ummata Gosaan walitti buusuu dhaaf Yaaliin isaan godhan uummataan harkaa Fashalaayee. Haalli Uummataa kuni akka malee kan isaan rifachiise ummata nagayaa Halkaniin mana isaanii keessaa ukkamsanii Hidhaa jiru.
Gama biraatiin Barattootaa fi Jaarsota biyyaa Armaan dura Hiitee mana hidhaa keessatti Dararaa turte Halkaniin Gara Godinaa Fidanii Tumaa fi Miidhaa Hiriyyaa hin qabne irraan geessaa jiru. Kanneen keessaa Imaamni Masjiida Ajjee keessatti argamu. Gama birootiin Godinuma Arsii kana keessatti Ona kofalee irraa Barattoonni armaan dura Waajjira Poolisii Kofalee keessatti hidhamanii Dararaamaa turan Ragaa Dharaa irratti Raggaasisanii Murtii sobaatiin akka yakkamaa jiran dhagahame. Kanneen keessa Darggaggoo Qeerroo Waaqoo Harki isaa yeroo amma Laamshayee argama.
********
Godinuma Arsii Ona Arsii Nageellee Keessatti walgayiin OPDOn Miseensota isii waamte osoo hin milkaayin hafuun isaa dhagahame. Caamsaa 25,2006 Walgayii isaanii yemmuu miseensotaaf banan ABO irratti Olola Oofuu kan jedhu yemmuu ta`u Miseensota irraa Jecha isaanii kana osoo hin deeggaramin hafee jira. Miseensonni kuni kan Ganna dabre Adaamaa fi Kolleejii Adaamaatti Dirqamaan Miseensummaa fudhachiisan yemmuu ta`u gaffiin isaan itti dhiyeessaa turan keessa Guyyaa miseensummaa nu guchiisiistan ABOn walii gala jirra jettanii turtani amma ammo isarratti Olola Oofaa nuun jedhaa jirtu jecha akkanaa nutis hin dalagnu uummannis nurraa hin fudhatu Tooftaan akkanaa kuni yeroo ammaa dabree jira jedhanii jiru. Uummanni yeroo ammaa Dhaaba kana duuka hiriiree fincila diddaa gabrummaa finiinsaa jira yeroo kanatti osoo nuti waan akkanaa itti kaafnee waan nu jalaa dhagayu isinitti fakkaataa? Jechaa gaaffiin dhiphisaa turuun isaanii dhagahamee jira.
Gadaan gadaa bilisummaa ti!
Injifannoo ummata Oromoof!!
|