Xalayaa mana hidhaa Karchale
Ministeera Haqaatiif (Lafiituh Ministeer)
Mana Marii Uummataatiif
Kongirasii Biyyoolessa Oromootiif
Warraaqsa Feediraalistii Oromootiif
D.r Nagaasoo Gidaadaatiif
Caffee Oromiyaatiif
Waliigala mana murtii Oromiyaatiif (Oromiyaa Xaqlaayi Firdibeet)
Biiroo Seeraa fi Haqa Oromiyaa (Oromiya Fitih Biiroo)
Isaamaaguudhaaf
Kongirasii Ameerikaatiif
Tokkummaa Awuroophaatiif
Waldaa Barsiisota Itoopiyaatiif
Aministii Internationaliif
Huumaan Raayit Woochiif
Raadiyoo Ameerikaa fi BBCiif
Raadiyoo Jarmaniif
Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo irraa .
Nuti Hidhamtoonni Siyaasaa Oromoo Mootummaa Huumnaan Garagalchuuf Yaaluu fi Mootummaa Irratti Lola Kakaasuu sababa jedhuun Yakka Sobaa uumee Nurratti banuudhaan Himatamnee yeroo adda addaa qabamnee Ilaalcha keenyaa fi Oromummaa keenya qofaan hidhamnee Haqaa fi (Fiitih) murtii tokko malee mana hidhaa keessatti yeroo dheeraadhaaf Dararamaa jirra. Kanaan alattis yeroo adda addaa mirga namummaa keenya sarbamnee ( Sab`aawii Mabtoochaachiin )Tajaajiloota namummaa Dhoowwatamnee Dhukkubsataa Dararamaa fi Du`aati argamnna!
1. Heerri Bulchiinsa E.F.D.R ( Ya Ethiyopa Federalawi Demokratic Rrepublic Higga Mangist) Keeyyanni 20(1) namoonni Seeraan Himataman Karaa Seera ta`een dhimmi isaanii mana murtii qulqulluutti ilaalamee fi Hatantamaan akka murtii argatan yoo lafa kaayellee Heerri Mootummaa Kuni (yih Higga mangisti ) mirgi keenya akkuma laayyootti sarbamee yeroon murtii keenyaa uf duuba nurraa Harkifataa jira. Fakkeenyaaf
·
Galmee Taganuu G/ Sillaasee Faan namoonni Himatamne Adaamaa fi naannoo ishee irraa qabamnee
Oromoonni qulqulluun 48 mana murtii Olanaa Feediraalaa Dhaddacha Yaaakkaa 2ffaa Himannaan sobaa
nurratti dhiyaatee bara 1990 ALH irraa eegallee murtii tokko malee waggoota 8tiif mana hidhaa keessatti
Dararamaa jirra.
Dirree Dawaa fi naannoo ishee irraa qabamnee Galmee Alii Ibraahim Faan kan himatamne Oromoonni Qulqulluun 48tiifii kan Baalee fi Shawaa Bahaa irraa qabamnee Galmee Muhaammad Hseen Muhaammad faan kan himatamne Lammiiwwan Oromoo Qulqulluun 41 mana murtii armaan olitti tuqametti Yakki Himannaa dharaa wal fakkaataa nurratti banamee bara 1992 irraa eegalee murtii tokko malee waggoota 6 (jahaaf) mana hidhaa keessatti gubataa jirra.
Baha Harargee fi Lixa Harargee irraa Ukkamfamnee Galmee Huseen Hamzaa faan kan himatamne namoonni
nagayaa 15 fi Harargee bahaa irraa qabamnee galmee Kadiir Zinaabuu faan kan Himatamne Oromoonni
qulqulluun 15 manuma hidhaa kana keessatti himannaan walfakkaataan nurratti banamee bara 1993 irraa
eegalee waggoota 5f mana hidhaa kana keessatti Hiraaramaa jirra
·
Baha Wallaggaa fi Dhiha wallaggaa irraa ukkaamfamnee Galmee Masfin Ittanaa faan kan himatamne
Oromoonni qulqulluun 9 bara 1995 irraa Eegalee haala wal fakkaataa dhaan dararamaa jirra.
·
1. Galmee Dirrib Damisee fi Gammadaa Qaasim Warroonni iyyatamne Hoggantoonni Waldaa Macaaf
Tuullamaa, Miseensonni, barattoonni Oromoo Yuniversiitii Finfinnee fi Gaazexeessonni mana murtii
ibsametti himannaa walfakkaataan nurratti banamee walumaa galatti Oromoonni Qulqulluun 59bara 1996
irraa eegalee waggoota 2 lamaaf mana hidhaa keessatti argamna.
·
Galmee Hayilee Taasisaa faa namoonni 9 fi Galmee Caalaa Leencoo faa namoonni 7 galmee Margaa Nagaraa
namoonni 3 galmee Eliyaas Jibriil namoonni 2 addatti kan himatamne obboo Olqabaa Lataa, obboo Liiban
Jaarsoo fi Gaazexeessaa Shifarraw Hinsarmuu manuma murti kanatti himannaan sobaa nurratti banamee
murtii malee Dararaa guddaa irra jirra.
·
Manni murtii Olaanaa Feediraalaa kuni Dhaddachi yakkaa 2ffaan Dhimma keenyaaf sababani inni murtii hin
kennineef tokkoo fi tokko qofa. Kunis Yakki ittin himatamne kan sobaa waan ta`eef Ragaa dhugaa irratti
hundaaye ta`uu dhabuu isaatii fi murtiin yoo nutti kenname qulqullummaan waan gadi dhiifamnuuf mana
hidhaa keessattiu nu tursiisuuf carraan inni qabu Haala murtii keenyaa uf duuba Harkisuu qofa waan ta`eefi.
kuni ammo Seeraan Alaa fi miga namummaatiin ala (I.Higgaawiinnaa I.sab.awii naw) waqaqn ta`eefuu
Dhimmi kuni Kallattii dhaan kan ilaalu Ministeera Haqaa Itoopiyaa(Ya Itiyoopiyaa Fiitih Ministeer)Heera
biyyatti akka kabachiisuu fi Rakkoo keenyaaf Fala hatantamaa akka nuuf kennu gaafanna.
2. Heerri bulchiinsa mootummaa E.F.D.R keeyyanni 21(1)namoonni hidhaman mana hidhaa itti hidhamanitti
mirgi namummaa fi mirgi kabajaa namummaa haala eeggameen akka turu akka qaban lafa kaaya
(Yidanaggiggaal) Haa ta`u malee nuti Hidhamtoonni Oromoo Haalli nuti keessa jirru baay`ee kan Rakkisaa fi
kan Nama Gaddisiisu ta`uun Caalaatti bakki itti Hidhamne Gubbaa fi Dhaabbanni isaa Qorqoorroo waan
ta`eef kuni immoo Heera mootummaa fi Keeyyata waliin Faallaa kan ta`ee dha.
Yeroo adda addaa Tumaa dhaa fi Rasaasaan Du`aa fi Qaama Hirdhuu Ta`aa jirra. fakkeenyaaf bara 1998
barataan Alamaayyoo Garbaa bakka Ciisutti Rasaasaan Rukutamee osoo Dararamuu Du`ee jira.
Barataan Gaaddisaa Hirphaasaa ammo bulchitoota mana hidhaa fi Poolisootaan Tumamee dhukkubsataa turee
lubbuun isaa dabritee jirti. Dabalataanis bara 1998 Dhukaasa Poolisoota mana hidhaatiin banameen mana
keessa osoo jiranuu obboo Amiin Kaliilii fi Darggaggoo Idiriis Awwal luka iksaanii, Darggaaggoo
Lammeessaa Taasisaa harka isaa, obboo Zakkaariyaas Taarikuu fi obboo Ashhannaafii Birruu Qoma isaanii
irra rukutamanii Qaama Hirdhuu Ta`anii jiru. Keessattuu Tajaajiloota Mirga namaaf kennamu kan akka
yaalaa Dhoowwatamnee Dhibeewwan adda addaatiin Dararamaa fi Du`aati argamna. Bara 1998 qofa Galmee
Alii Ibraahim Huseen faan himatamee kan ture Darggaggoo Muhaammad Xayyib Abdulmaalik ni du`e karaa
biraatiin Tumaa Poolisoota Feediraalaatiin namoonni Tumaan irratti Raawwatame Hedduun isaanii
Maraatanii jiru Galmee Taganuu G/ Sillaasee faan himatamanii kan turan keessaa obboo Makkooniin
Zawudee, obboo Nigusee Boojiraa fi obboo Alamaayyoo Ittafaa Galmee Alii Ibraahim Faan kan himataman
keessaa Zalaalam Baayyisaa fi obboo Umar Haajii Galmee Huseen Hamzaa faan kan himatame keessaa Haaji
Muhaammad Muussaa Miidhaa mana hidhaa irraan kan ka`e Du`anii jiru. Sammuu dhaan kan tuqaman obboo
Tolederaa Taaddasaa, obboo Umar Kadiirii fi Darggaggoo Tamaam Amadee Yaala Sammuu
Dhooggatamanii. Dhukkuba gara Caalaatti seenaa jiru. Walumaa Galatti Hedduun keenya Dhibee keenyaaf
Yaala Dhabbnee Guyyaa itti Duunu Qofa Eeggataa jirra. Murtiin keenya wanti uf duuba Harkifatuuf hundi
keenyaa Tokko tokkoon dhibeen Dararamaa akka dhumnuu fi Sodaa jedhu qabna. Kanaafuu Tumaa fi
Hiraarsaan Hatantamaan nurraa dhaabbatee Warroonni Barataa Alamaayyoo Garbaa fi Gaaddisaa Hirphaasaa
Ajjeesan Shee Alaqaa Afawarqi Tafarraa, Looltuu Fissahaa G/Maariyaam fi Loltuu Iyyaasuu fi warroonni
waliin ajjeessan akka murtitti dhiyaatanii fi Tajaajila Hawaasummaa dhabne Haala gayaa ta`een akka nuuf
kennamu Gadi qabnee Gaafanna.
- Heerri Bulchiinsa (E.F.D.R) Keeyyanni 25 Lammiiwwan hunduu Loogii kamiinuu Alatti Sanyiin,
Sabaan, Amantiin, Ilaalchaan fi Afaaniin Loogummaan osoo hin jiraatin seera afotti mirga qixaa qabuu jedha. Haa ta`u malee haalli nu ilaalu kanaan faalaa dha. Kan Hidhamnu Sabummaa keenyaan, Afaan keenyaan ilaalcha keenyaanii fi yeroo tokko tokko maqaa keenyaanis ni hidhamna. Seerri kaawwan Eegu nu hin beeku. Heerri Mootummaa kaaniif mirga jiraatuu kenne nurratti Du`a murteessa. Karaa Seeraan Ala kan nu tumuu fi kan Elektirikii dhaan nu gubaa nu qoratu gareen obboo Taddasaa Masaratiin durfamu Ilmaan Tigraayi Qofa kan ammate Gareen Poolisii Feediraalaati. Gareen kuni yeroo Qorannaa Oromoota Baay`ee ajjeesee jira. Fakkeenyaaf bara 1997 kan Alii Ibraahimii fi kan Galatuu Guutuu bara 1990 kan Muhaammad Yuusufii fi bara 1993 lubbuu Addee Sisaayi Dabalee akkuma Laayyootti Lubbuu isaanii akkuma tasaatti balleessanii jiru. Gareen kuni ilmaan Oromoo heddus qaama Hirdhuu godhee jira. Fakkeenyaaf Darggaggoo Girmaa Ittafaa Tumee Duugda isaa Kutuu dhaan Dhaabbatee akka hin deemne godhee jira. Darggaggoon kuni Hardha Lafarra shunquuqa.
Seeraa fi Sirnaan ala Yakka dharaa fi Himannaa sobaa kan nutti dhiyeessan Abbootiin Alangaa Ilmaan Tigraayi. Ragaa tokko malee Himannaa sobaa nitti dhiyeessan fudhatee akka hidhamnu nurratti murteessaa Beellama qofa nutti Dheeressaa kan murtii keenya lafarra harkisu abbaa Murtii Li`uul G/Maariyaam lammii Tigreeti. Namni kuni Dhimma Hidhamtoota Oromoo bara 1983 irraa kan kophaa isaatti ilaalaa ture yoo ta`u obboo Jamaal Musxafaa, obboo Bayaan Ahmad, obboo Amiin Kaliil Aaddee Aslaa Muhaammadii fi kan biro irratti bakka hin beekkamnee fi haala hin beekkamne keessatti namoota ajjeessan jedhaa Hidhaa umrii itti murteessaa tureera.
Nutumaa, nu hiraarsaa fi nu ajjeesaa kan nu`eegan Poolisiin mana Hidhaa fi Sh/ Alaqaan qorannoo Afawarqii fi Sanyii isaa Tigroota.
Hedduun keenya Raawwattan jedhamnee Himannaa Yakkaa dharaatiin kan himatamne Oromiyaa keessatti. Seera biyyattii ( E.F.D.R ) keeyyata 52(2)92 fi keeyyata 80(2)irraatti Dhimma kana kan ilaaluu qabu manneen murtii Oromiyaati. Seerri W/m/hi/si/kanuma mirkaneessa. Seera mootuimmaa fi seera w/m/hi/si/Haala Faallessuun Finfinnee irratti akka hidhamnu sababiin godhamneef murtii Haqaa akka hin arganne yaadamee afaan hin beekneen Arrabsamaa Poolisii Tigreetiin akka qoratamnu godhamaa, Abbooti Alangaa lammiiwwan Tigraayi ta afanniin Himannaan sobaa nu irratti dhiyaataa Abbaa Murtii Tigreetiin badii tokko malee akka Hiraarruuf waan barbaadameef qofa.
Oromiyaan alatti manni murtii Feediraalaa Seera mootummaa Faallessuun Kutaa kamiinuu keessatti Edduu seenee yoo hojjatu hin mul`atu. Tigraayi irraa Yookiin Amaara fi Somaaliyaa irraa dhufee Fininnetti kan hidhame hin jiru. Kuni ammo Seeraan ala qofa osoo hin taane Loogummaa dha. Hujii dhiphummaati. Hujii sanyummaati/ kanaafuu mirgaan alaa fi seeraan ala fi adeemsi Aphaartaa yidummaa Hatantamaan Dhaabbatee bakka maatii keenyaan itti gaafamuu qabnu Kutaa Oromiyaatti mana murtii Haqaa fi kan eenyufuu hin loogneen akka murtiin keenya laallamu gadi fageessinee gaafanna. Hawaasni Addunyaa, Mootummoonni Addunyaa ,Dhaabbatoota Addunyaa Mirga dhala namaatiif Falman Mootummaan Aphaartaayiidii kuni nurraattii fi obboleeyyan keenya kan biroo irratti gochaa inni raawwataa jiru kana akka dhaabu akka dhidhiibbaa itti gootan isinitti iyyanna. Dhaabbota biyya keessaa mirga dhala namaa fi Dhaabonni Mormitootaa Gochaa Aphaartaa yidummaa kana Saaxiltanii akka Hawaasa biyya keessaa fi Addunyaatti nuuf Dhageesiitan kabajaan isin gaafanna.
Iyyaannaan keenya kuni seera kan hordofe taasisuuf Mallattoo keenya Abbootii Taayitaa mana hidhaatiin waan dhooggamneef Maqaa keenya guutuu kan qabatee fuula jaha isiniif erginee jirra.