Caamsaa 26, 2006 (Oromiyaa) - FDGn bifa haaraawwaan qindaa’ee waamicha FDG isa haaraa hojii irra oolchaa jira..
Lixa shawaa aanaa xuqur hincinniitti buufata wayyanee kan ta’e torban darbe keessa duwwaa FTCn (farmers taraining center) 3 (sadii) fi manni basaastuu amanamaa wayyanee ta’e tokko baradaa’e. FTC gubatan ykn ibiddaan barbadaa’an ganda waldoo hindhee, ganda arfinjoo dogaati, Ganda gamoo gam bolaa keessatti argamu manni basaastuu gubate immoo Bareechaa Xuruuraa jedhama.
Torbeedhuma kana keessanama ummata Oromoo kan rakkisaa ture tokko irraa motora irraa basuun erga reebanii booda motora battaluma sana ibiddaan barbadeesaniiru.
Achuma aanaa xuqur hincinniitti qaraxni nurraa guurramee mootummaa Wayyaaneetiif galu hin qabu jechuun dallaa dhaaba horii erga diiganiin booda walitti qabanii gubaniiru gochaa kanatti kan aaran kadirroonni wayaanee baadiyaa keessa deemuun dallaa qotee bulaa diigsisaa jira. Jiratoonni naannoo garuu kuni tarkaanfii keenya jabeessa malee duubati hin deebisu jechuun dubbatanii jiru. Dhimma kanaan kan ka’e sabboontonni oromoo hidhaatti guurramaa jiru.
*********
Zoonii Booranaa Ona Moyyaaleetti Humni tikaa Wayyaanee ilmaan Oromoo ukkaamsee hidhaa kan jiru yoo ta'u, Caamsaa 17,2006 nama lama Alii Galgaloo Jiloo fi Abbaa Garoo Bulee Kuluu jedhaman halkan sa'aa 10:00WB ukkaamsuun eessa buuteen isaanii dhabamee jira.
Kanaaf sabboontotni Oromoo akka qaamni dhimmi ilma namaa ilaaluu fi Oromoon bakka hundaa birmatee balaa jalaa baraaru iyyatanii qaama gochaa kana raawwataa jiru ammoo akeekkachiisanii jiru!
********
G/Wallaga bahaa ona Jimmaa Gannatii sabboontonni fi barattoonni ona Jimmaa raaree FDG guutummaa Oromiyaa keessatti gaggeeffama jiru itti fufuudhaan lukkeewwan diinaa irratti tarkaanfilee adda addaa fudhatani jiru. Akkuma kanaan:
1. Nannoo Haratootti Manneetii lukkeewwanii lama, 2. Ganda Saallan jedhamutti Mammeetii lukkeewwanii lama, 3. Lukkee diinaa Ijjiguu Kabbadaa jalaa Xaafii tuullaa lama
4. Ganda Gamoo Babal'a fi Nagaroo Biqilaa manneetii lama qabeenya keessa jiru guutuu wajjin ibiddaan barbadeessani jiru.
Sababa kanaan barattoota nagaa 15 ta'a mana hidhaatti guuranii darara jiru. Karaa biraa immoo ummanni ona Jimmaa Gannatii yeroo dheeraadhaaf qarshii walitti qabateen ibsaa magaala Fincaa'aa irra galfachuuf yeroo ammaa sararri diriiree jira. Garuu wayyaanonni 'trasnformeri' buqqisanii gara ummata nagaaf gessina jechuudhaan yammuu buqqisuuf jedhan ummanni itti yaa'ee harkaa busee eeggachaa jira.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisumm