Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 25, 2006 (oromiyaa) - Dhimmi Hoogantoota Maccaa fi Tuulamaa kaleessa guyyaa Caamsaa 24,2006 mana Murtii olaanaa Federaalatti kan dhiyaate Yoo ta`u , Ammas dhimma isaanii Komishiinarri Poolisii Qulquleessee Ji`a lamaan booda nuuf haa fidu, jechuun ji`a lamaan boodatti beellamanii jiru. Abbaan seeraa dhimma isaanii duraan qabatee jiru Namni Liul jedhamu kan jijjiirame yoo ta`u daanyan haaran kun beekaa dhimmicha lafa irra harkisuuf kana gochaa jira. Abukaattonni hidhamtootaa beellama kana dheerachuu kan morman yoo ta`u, Dhimmi hidhamtootaa heddu waan ta`eef jilama keessattuu raawatamuu hin danda`u, Alamayyoo Garbaas barataan man hidhaa keessati du`e waan jedhamee himatameef , kan warra du`anii kun hundi beellama kana keessatti qulqulaa`uu qaba jedhani jiru. Uffata T- shirt "Kanateeraa" Suraa Barataa Gaaddisaa Hirphasaa ti fi Generaal Waaqoo Guutuu of irraa qabu Hidhamtoota Oromoo Mana hidhaa Qaallitii jiran uffatanii jiran Irraa guuranii jiru. sababa guuraniif beekkamuu baatus kana sakata`anii guuruf hidhamtoota kana akka malee gidirsaa akka turan oduun achii ba`e ibsee jira. Sababuma kanaan Bareessituu WMT kan taate Ayyaluu Ittisaa iddoo ciisa sakata`anii humaa dhabnaan, iddoo jirtuu baasanii guyyoota murtaa`ef qophaati akka hidhanii turan barame. *******

Godina Kaaba Shawaa Aanaa Gabra Guraachaa mana Baruumsaa Sadarkaa 2 ffaa keessatti FDG Caamsaa 23,2006 jabaatee kan itti fufe yoo ta'u hanga hardhaati itti fufuu isaa odeeffannoon achi irraa nu ga'e ibsee jira. Sababa Fincila kanaatin waraanni Wayyaanee Aaana sana guutee kan jiru yoo ta'u baratoota irratti dhukaasa banee Fincila kana bittineessuf yaalanii jiru.Baratoonni garuu dhaadannoo adda addaa ageessisuun gootummaan gaaffii isaanii dhukaasan deebisuu dadhabee dura dhaabatnii oolani jiru.

Dhaadannoo dhageessisan keessaa:- Barataa Isheetuu Nugusee Boombiin rukutamee mana hidhaa gale mana hidhaatii ba'ee yaalii haa'argatu, Baratoonni hidhaman hundi yaa hikaman , hidhamtoonni siyaasa Oromoo marti yaa hikkaman, Waldaan M.T Yaabanamu, Hooggantooni isaanii yaa hikkaman kan jedhuufii kan biraa dhageessisaa oolun baramee jira. Boombin Tokko Mana baruumsaa keessati kan dho'e yoo ta'u balaan inni qaqqabsiise hin jiru abban boombii kana darbates wayyaanee akka ta`etti shakkama; Jala deemtun wayyaanee ittin maqaa nama balleessuf darbachuu hin oolan jedhama.

 

Injifannnoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net