Caamsaa 24, 2006 (Oromiyaa) - Wayyaaneen warreen mana murtii naannoo harargee hiraarsuu isii itti fufaati jirti. Akka kanaan nuutu bakka kana isin kaayee ni dagattanii.yoo akka nuti isin isiniin jennetti hin hojjanne tarkaanfiin akka isinirratti fudhatamtu quba qabaadha jechuun diinniina maayyii itti kennaa jirti. wal gahii jettee halkanii guyyaas walitti yaa maa jirti.
Barattootaa fii ummata Oromoo kan nuti hiine ammaan booda tokkollee akka gadi lakkisuu hin dandeenye hubadhaa. ammaan booda yoo nama tokko hidhaa baastan bakka isaanii akka seentan hubadhaa ittiin jechaa jirti.
Gaafa 20/05/06 Jeneraal Baacaa Dabalee fii Korneelli Tigree tokko jijjiga dhaqanii manguddoo naannoo walitti qabanii diinaatu isin keessa jiraa baasaa ittiin yeroo jedhan, manguddoon immoo diina baantan isin beekaa isinummaan baasaa ittiin jedhanii deebifnaan, ammaas maqaa kotorbaandiitiin warra olii gadi deemu kana keessa warri diinaatiis deema jedhanii yeroo manguddootatti dubbatan, manguddoonni immoo sun nuti durattii wal keessa olii gadi ni sochoona, kana dhaabna yoo jettan isinumaaatu daranuu diina ufitti baayyisee hubadhaa ittin jedhanii yaada isaan silaa achi dhaqaniif harkatti busheeysan.
********
Zoonii Arsii Aanaa Kofalee mana barumsaa sadarkaa olaanaa keessatti barattoota kan ta`an barattootni afurii erga hidhamanii har`aan tana baatii lamaa ol ta`eera;sochii barattootni mana barumsichaa ji`a laman dura godhan keessatti qooda qabdan sababaa jedhuun hanga ammaa hidhaa keessatti kan dararamaa jiran:
1. Barakat Yohaannis (barataa kutaa kudhan ta`ee sababaa hidhama kanaatiin qormaanni akka irra lufu kan godhame), 2. Midhaaksoo Dheekkamaa (kutaa 12),
3. Gabii Hammuu (kuta 9), 4. Kadiir Waaqoo(kutaa 8) kan baratan yoo ta`u si achi akka mana barumsaatti hin deebine kan itti dhaadachaa jiran jala deemtuu woyyaanee kan
ta`an: 1. Muhabbaa Muhaammad, 2. Hamdaa Sarbii, 3. Hammittii Galatee kan jedhamanii bulchiinsa A/Kofalee Keessa kan hojjatan dha.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|