Caamsaa 23, 2006 (Oromiyaa) - Godina Iluu A/Booraa Ona magaalaa Mattuu ganda Tullubbee jedhumu keessatti barattoonni mana barumsaa Giddu galeessaa 6-8 barattoota fincilatti kaasaa jirtu jechuun gaafa guyyaa 8/09/98 A L H hidhamaniiru.Barattoonni hidhaman: 1. Zarihun Dhaabaa, 2. Eeliyaas Takkaallinyi, 3. Taaddalee Mokonnin 4. Musxafaa Mokonnin , 5. Gaaromaa Raggaasaa, 6. Gazzahaany Tolaa, 7. Wandimmaageny Geetaachew jedhaman kun yaroo ammaamiseensa A B O jedhamanii waajjira Poolisa Ona magaalaa Mattuuttu hidhamanii argamu.
Namoonni barattoota kana basaasanii akka jarri hidhaman godhan
- Abdurrahamaan Mitikkuu barataa TTI magaalaa Mattuu; 2. Daawit Kabbadee barataa “ Moyaannaa Teknikii” magaalaa Mattuu; 3. Saamsoon Indaalee barataa “Moyaannaa Teknikii” magaalaa Mattuu dha.
Egaa namoonni kun haalli jarri namatti siqanii miidhaa jiran kun nuti Dabballee A B Oti miseensa dhaabaatii fi kkfn namatti siqanii namoota basaasuun kan nama rakkisaa jiran ta’uu isaanii baramee jira waan ta’eef jiraattonni magaalaa kanaa fi miseensi A B O magaalaa kanaa akka irraa of eeggtanu dhaamaniiru.
Gara biraan ammoo hojjettoonni Waajjira Qopheessaa (Mazzagaajaa) magaalaa Mattuu Mattayaa (Kachachala) jiraattota magaalaa kanaa baayyee akka rakkisaa jiranu ummanni magaalaa Mattuu boo’ee himataa jira.
Akka kanaan Lafa isinii kennina jedhanii ummatarraa qarshii 500-1000 harkaa fudhatanii akka nyaataa jirani keessa beektonni cimsanii dubbatu. Isaayyuu qarshii kana kennanuuyyuu kan kennamuuf nama miseensa OPDO ta’eefi nama sabummaan isaa Oromoo hin taane qofaaf
malee kan biraatii hin kennamu. Gochaa kana kan raawwataa jiru hojjetoonni waajjira kanaa keessaa
1. Awwal Jamaal Sivil sarvis kan eebbifame maandiisii, 2. Abiyoot Tasfayee namoota jedhaman kun ummatatti kan qorqaa jian dha.
********
Itti aansuu kanaansiif dhaamuu godiina kaaba shawaa aanaa dagaam keessati sochiin barattota akkumaa itti fufe jira. Haalumaa kanaan baratootnii gara manaa hidhaa gurramaa jiraan keessaa
- barataa caalaa Asaffaa, 2. barataa tasfaayee Maammoo, 3. barataa katamaa Didhaa, 4. barataa Ijaaraa Irranaa, 5. barataa Adunyaa Baqalaa yoo ta`an ijoollen kun qormaata Moodelaa kutaa10ffaa akkaa hin fudhannee dhorkamanii jiru.
Inni kan birroo immoo waraannii dabalataa garaa godiina kanaa guyyaa caamsaa 17,2006 halkaan keessa sa`aa 8:00 irratti konkolaatan 3 dabalamuu isaanii namonni ijaan argaan dhaamaniiru, waraanni wayyaanee kun yeroo ammaa tanaa aanotaa akkaa Dagam, G/Gurraachaa, warraa Jaarsoo, keessa ummata nagaan qee isaanii keessa jiran gidirsaa jiru dhagahama.
**********
Magaalaa calanqootti fincillii diddaa gabrummaa Sadaasa 9- 2006 irraa kaasee bifa adda addaatin gaggefamaa jira. Godina kana kessatti fincila ummataa kana dhaamsuuf Motummaan gabroomsaan tarkaanfii adda addaa fudhachaa turun isaatifi itti jirachuun isaa bekkamaa dha. Haalumma kanaan godina
Haarargee bahaatti daballootni OPDO wal gayuun dhaan jalqaba irratti fincila anaa Haaroomaayaatti ka’ee dhaamsuu dhaan egas booda fincila naannawa Calanqootti ka’ee belbelaa jiruu akka dhaamsan ajajni itti laatameti jira. Kanuma hojii irra olchuudhaaf barattootaa fi jiraattoota Haaroomaayaa irratti tarkaanfii Hidhaa fi tumichaa ji’a tokkoo caalaaf gaggeessaa turani ajaja lammaffaa laatameef raawwachisuf magaalaa Calanqootti waraana guddaa bobbaasaniti ummata dararaa jiru. Duula dinnii bane kanaas ummatni dirreeti bahuudhaan hiriiraan kan morman yennaa tahu, hidhattotni kunis barattootaa fi jiraattoota baay’ee hidhatti guraniti jiru. Tarkaanfin hidhaa kun ammallee bifa haamaadhaan itti fufeti jira. Haanga ammaattis ummatni dhibbaan lakka’amu hidhatti gurameeti jira.
Anaa Haaroomayaatti fi Anaa Meetaa (Calanqoo fi naannawa ishee) tti tarkaanfiin dinnii fudhachaa jiruu nuf haaraa miti, wareega malee Bilisummaan hin jiru, qabsoo Kenya itti fufna, kan hidhaman haa hikaman, humna gabroomsitu wajjiin araarrii hin jiru, Oromiyaan ni bilisoomti ……dhaddanoowwan jedhan ummataan dirreetti bahani jiruu.
Ummatni Oromoo magaalaa Calanqoo fi naannawwa ishee ummata Oromiyaa maraaf dhaamsa dhaamanin qabsoo fi wareega malee bilisummaan waan hin jirreef human gabroomsaa irratti irreen Kenya tokkoo haatahu jedhaniru.
*******
Godinuma Iluu Ona Gachii mana barumsaa sad.2ffaatti gaafa guyyaa 7-8/09/98 A L Htti barattoonni fincila guddaarra turani. Sababni isaas barattoota opdo qoof dhimman daree tokkotti walitti qabanii qormaata kennuufii dhaa OPDOn saganteeffattee yaroo isiin jettu barattoonni irratti dammaqanii hin qoratamnu isin barattoota isin jala fiiganiif qabxii jaraa guddiftanii nu kuffisuu dhaaf nu hin qoratamnu jedhanii mooraa mana barumsichaa keessaa olii gad deemanii iyyaa turan. Kaayyoon barattoota qoqoodanii qorachuu barbaachises barattoota jara jala fiiganuuf qabxii guddaa kennanii fi barattoota kaan kuffisuuf akka ta’e iccitiii waajjira opdo irraa baherraa baruun danda’ameera. Yaroo ammaa kana shiittiin barattoota jaraa addatti bahee kan ilaalamaa jiru ta’uun isaallee baramee jira. Egaa barattoonni akkas jedhuun iyyatu. “Qaamni dhimmi kun ilaallatu rakkoo keenya kana nuu hubatee akka nuu birmatu jechuun iyyataniiru. Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!! Injifannoo Ummata Oromoof!!