Caamsaa 22, 2006 (oromiyaa) - Walakkeessa Oromiyya keessatti walgayiin Lukkeewwan Diinaa OPDOn Barattoota Oromoo Yuniversiitii Adaamaa waamte Fashalaayuun dhagahame. Caamsaa 20, 2006 barattoota waggaa 2ffaa fi sadaffaa walgayii waamanii barattoonni didanii hafuun dhagahamee jira. caamsaa 21,2006 barataa waggaa lammaaffaa Darajjee jedhamu barattoota gara Walgayii akka deeman gorsaa ture irrattis tarkaanfii fudhatuun dhagahame. barataan kuni guyyuma kana Tishartii OPDO Kaanpaasicha keessatti Yeroo gurguru Uf.eeggannoon itti kennamee waan dideef akkasumas barattoota miseensa OPDO ta`an qofa keessaa cokee konkolaataa irratti yemmuu yaasisiisuu barattoonni Oromoo Yuniversiitii Adaamaa keessa jiran Gootummaa dhaan Konkolaataa miseensonni itti fe`amanii Deemuuf turan afoo dhaabbatanii barattoota keessaa buusanii jiru.
Yerooma Kana Lukkee Diinaa kan ta`e barataa Darajjee Jedhamu kana konkolaataa irraa buusanii Ilkaan isaa Guutumaan guutuutti irraa yaasanii jiru. qaama isaa irrattis miidhaan guddaan waan irra gayeef yeroo ammaa Du`aa fi jiruu jidduu akka jiru dhagahamee jira. Gama biraatiin barattoonni Oromo Haarawa gara Yuniversiitichaa dhufan sagantaa baga nagayaan dhuftanii irratti Kolleejicha Dirquu dhaan Afaan Oromootiin akka Sirbisiisanis dhagahamee. Barattoonni Haarawa gara kaanpasichaa dhufan kuni Gaafii Mirgaa gaafatuun Yunivesiiticha akka malee akka muddaa jiranis dhagahamee jira.
*******
Naannoo Bordoddetti ammoo karaa tokko warra bulchinsaa kaan isin ABO jechuun hidhaa fi tumichaan, karaa kaaniin Soomaaloota itti diruu, foolisii federaaliin doorsisaa fii Saamuun akka qa'ee isaanii irraa faca'an godhaa jiran, Mi'eesso illeen akkasuma.
Gadaan gadaa Bilisummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
|