Caamsaa 21, 2006 (Oromiyaa) - Finfinnee keessatti wayyaaneen yeroo ammaa basaasotaa fii waraana isii akka ummataa fakkeessuun gandoota hunda keessatti mooraa namootaa keessa akka kireeffatanii waan jiraattoonni moraa sun keessa galan godhaniifii keessummaa isaan bira dhuftu tohaatan godhaati jirti. kuni abdi kutannaa isii kan maayyiiti jechuun jiraattoonni naannoo finfinnee dabbataa jiran.
Gara birootiin ufii isiitii ummata irratti hammeenya hojjattee warreen mooraa keessa waliin galanitti haqachuuf keessaa fuu warra oromoo tahan gochaa kanaan miidhuuf akka karoorfatan ni ibsama. Akkasumatti miseensa ABO if fakkeessanii nuti waraana ABO kan magaalaa fii baadiyaa keessa sochoo'u jechuun ummata toftaan keessa deemanii akka qabsiisaa jiraniis naannoo shawaa fii bakkoottan biraattiis odeeffamaati jira.
********
Ona Daaroo labuu Miicatatti warri tumamee gariin isaanii bu,aa ala taasifaman akka asii gadii kana:
1, Jamaal kaliifaa, 2, Abraahim Aliyyii, 3, Hassan Aadam, 4, Abraahim umaree, 5,Husseen mahammad, 6, Aammadddin Abraahim, 7, Yuussuf Jamaal, 8, Abraahim Abdalla, 9, Ahmad Abdurahmaan, 10, Mahammad Abraahim, 11, Gammachuu Araddoo, 12, Ayuub Abdullee, akksumatti Jilboo araddaa 39 tti, 1, Husseen usman, 2, Amiinoo muussa, 3, Xahaa Maammaa, 4, Umaree Aliyyii, 5, Abbaas Mahammad
Ona Hara-maayaattiis:
1, Sulxaan Yuusuf, 2, Jaalallee Hordofaa, 3, Caalaa billisaa, 4, Husnii Usmaan, 5,Jamaal Aliyoo, akkasumatti Daammootarraa: 1, Rudwaan luungoo, 2, Abdishaa luungoo, 3, Jamaal Mahammad Xiqqa,
Universitii Hara-maya kan hidhaa jiru barataa Darajjee faa dha. D/dhawaa irraa namoota heduu hidhaa jiran keesssaa; 1, Ahmad Mahammad, 2, Ramadaan Haamidoo, 3,Hamdiyaa Abdallaa, faa dha. warreen mootummaan waraana itti ramaddee ajjeechaaf barbadamaa jiran keessaa:
1, Yahyaa Mahammad, 2, Caalaa Abdallaa, 3, Mahadii Amiin, 4, Jaafar Mahammad, 5, Yahyaa Yaassiin, 6, Mahadi Daawwid, 7, Muraad Idiriis, 8, Feeysal Mahammad, 9, Ibsaa Ahmad, faadha. Bordodde ammoo karaa tokko warra bulchinsaa kaan isin ABO jechuun hidhaa fi tumichaan, karaa kaaniin Soomaaloota itti diruu, foolisii federaaliin doorsisaa fii Saamuun akka qa'ee isaanii irraa faca'an godhaa jiran, Mi'eesso illeen akkasuma.
*********
Biyya Tigiraayi keessa magaalaa maqalee irraa fageenya kiiloo metri 60 gara lixa biyyattiitti bakka yecilehaa sehaariit semiiraa jedhamtutti meeshaa waraanaa gurguddaa kuusaa jiru, bakka meeshaan kun itti kuusamu warri meeshicha fe'ee achi geessan moora isaa hin galani, Amantoota isaaniitu galchaaf malee, achuma naannoo wuqooroo jedhamu tokkottiis meeshaa gurguddoo kan naannoo barbadeessuu danda’u kuusanii jiru jedhama .meeshaa kana kan bitan moottummaa chaayinaarraati jedhama. akkaataan meeshaan kun itti galees meeshaa konistiraakshiniitiini fakkeessuudhaan jedhama. guyyaa dhiyootii asitti wayyaaneen hoomaa waranaa isaa bakkaa bakkatti sosochoosaa jiraachuunis beekamee jira .yeroo darbe hoomaa waranaa wayyaanee wayyaanonni wal’gahiif walitti qabanii nam tokkoyyuu kan ajajaan isaa ajaje hundaa gaaffii tokko malee hujiirra oolcha jedhanii dirqama itti kennaniiru, hoomaan waraanaa kuniis dirqama waan ta’eef mamii tokko malee fudhataniiru jedhama . waraanni yoo ka’ees hoomaan waraanaa mallasiif amanaman shanyii tigiree ta’an dudduuba goranii kan shanyiin biroo ta’an dirqamaan waraansisuuf qofaatti marii isaanii xumuranii jiru jedhama .
************
Godina L/showaa magaalaa Mugar keessaa ganda 01 keessatti sabbooontota oromoo irratti gochaa suukkanneessaa irratti raawwachaa jiru . isaanis:
1, Badhaadhaa Baqqalaa, 2, Taaddasuu Gammachuu, 3, Abarraa Galatuu, 4, Ababaa Hurga’aa, 5, Ababaa Mahammad, 6, Tsahaayi Idoosaa, 7, Foolisii Haayiluu warri isa fakkaatan gochaa isaanii irraa of qusatanii sabboontota waliin akka hiriiran gaafanna, garuu gochaa isaanii bor seenaan isaan gaafatu kana irraa yoo dhaabbachuu didan ejjennoo keessa deebii hin qabne qabeenyaafii lubbuu isaanii irratti akka fudhannu ciminaan ni akeekkachiifna jechuun jiraattoonni naannoo sanii dhaammatan.
************
Godina Arsii Ona Siraaroo keessatti Caamsaa 21-05-2006 Halkan keessaa Saa`aa afuriitti jiraattonni magaalaa Ajjee fi Naannoo isii jiran Gamtaadhaan Waraana Wayyaanee tii fi Waajjiroota mootummaa irratti Haleellaa Dhukaatuu fi Qawweetiin Manni Murtii Onichaa fi Manni Marii Onichaa Barbadaayee jira yeroma kana Gama uummataa tii fi gama Waraana Mootummaa giddutti Dhukaasa saa`aa dheeraa walitti bananii uummanni injifannoo dhaan uf irraa deebisee jira. Tarkaanfii uummataa kanatti kan akka malee Rifate Waraanni Wayyaanee Waardiyoota Waajjiroota Lamaaniituu Ajjeesee Ummatatuu ajjeese jedhee uf irraa qabuu yaalaa jirachuunis dhagahame.
Gama biraatiin magaalaan Ajjee fi naannoon ishee yeroo ammaa Waraana Agaaziitiin akka malee Dhiphattee jirti. Uummata nagayaa karaa irra deemus guuraa Tumaa akka jiran dhagahame. ummanni Naannoo Siraaroo Lola kana irratti waajjiroota lamaan kana irratti dhukaatuu jaha akka darbatee barbadeessees dhagahame. Gama biraatiin Meeshaa qabu hundaan itti bobba`ee injifannoo guddaan halkanuma kana gara mana isaanii galanii jiru.
Uummanni Ona siraaroo ammas hanga mootummaa Gabroonfataa kana hiddaan buqqisnee uf irraa kaasnutti yoomiyyuu Rafnee hin bullu jedhanii jiru. Kana males warroonni Lukkeewwan Diinaa ta`an osoo yeroon isaanii hin dhumatin karaa uummata isaanii deebi`anii Mootummaa kana irratti tokkummaa dhaan akka buqqisan waamicha godhanii fi jiru. Kuni hin ta`u taanaan carraan kuni tokko tokkoo isaanii akka dhaqqabu hubachiisanii jiru.
Tarkaanfiin yeroo ammaa Godina Arsii bakkoota adda addaa keessatti uummataan fudhatamaa jiru mootummaa fi lukkeewwan isaa akka malee kan yaachise ta`uun beekkame. Kanarraa kan ka`e bulchitoonni Naannoo Siraaroo fi Shaashamannee Naannoo Gadi dhiisanii Awaasaa akka bulan irra gahamee jira. Tarkaanfii uumame kana irraa kan ka`e waraanni uummata irratti tarkaanfii badaa waan fudhataa jiruuf jala buuune hordofaa jirra.
*********
Saabbontoni Oromoo W/bahaa gochaa mootumaan wayyaanee ummaata oromoo irratti gesisa jiru kana jedhamee dubataamun hin danda'amu. Aanna HAMUURUU, JARTEE, ABEE DONGOORO, FI GIDAA KIRAAMUU kessaatti ergamtoon wayyannee Aanaa kana arfaan kessatti barumsaa barachaa kan jiraan ijoole OPDO kan ta'an qofa.
Aanaa Aamuruu kessa immoo barsisooni 8tti ol ta'an hojii gadi lakiisaan ba'aniru. Akkasumaas hojetoon gara garaas gadi lakisaan ba'aniru, nammoon biyyatti dhaf ilalcha garii qabaan biyyaatti kessa hin jiraan. Isa barattoonni mana barumsaa dhabdee jirtu hojeetoonni motummaa kotta malatteesa qotee bulaaf fakeenyaa ta'a jedhaan dorsisaa jiru.
Aanaa dhuma kana kesaatti barataa Jireenyaa Nagaarooti Itti gafaataama dhimma milishaa kan ta'e Darajee Warquun ajechaa irratti rawwaatan amma immoo nun mitti jedhaan xibaara jiru.
Magaala Kiraamu barattoon guyyaa gotoota Oromoo durgoo qabsiisaan dhadaanoo dhageesisaa turaaniru. Hangaa Oromiyyaan biolisoomtutti qabsoo barbaachisaa gochuun wareegama fedheyyu ni kaafalla.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!