Caamsaa 17, 2006 (Oromiyaa) - Yeroo ammaa beelaa fi dheebuun uummanni Oromoo tokkummaan bilisummaa jaarra oliif sarbame mirkaneefachuuf qabsaa’a jiru ta’uun isaa ni beekkama. Haa ta’u malee ergamtuu fi garaaf bultuun nurratti duulanii tokkummaa keenya diiguf yaalii fi sochii addaa gochaa jiru. Haaluma wal fakkaatuun barattoonni yuniversiitii kibbaa, main campus, kan ta’an keessaa warreen Oomoo ta’anii Oromummaa bu’aan gurguratanii fi Abashoota gogaa Oromoo uffatanii opdo n qacaramaniin sabboontota barattoota Oromoo dararuu fi miseensa diina saba Oromoo akka ta’aniif yaalii adda addaa gochaa jiru. Gocha isaan jibisiisa kana akka hatatamaa dhaaban kan barbadan sabboontonni baratoonni Oromoo of eegannoo dhumaa kana barattoota armaan gadii kanaa mooraa koollejichaa keessa bittinsanii jiru.
Barattoonni kunis Abashoota akka ta’an sabboontonni bira ga’anii jiru.
Barrattoonni kuniin gocha isaanii baayee badaa kana irraa of hin qusatan taanan yeroo gabaabduu keessatti adabiin akka irratti fudhatamu akkasumas wanta isaan irra ga’e hundaaf itti gafatamooni mataa isaanii ta’u sabboontinni barattoonni Oromoo ibsaniiru.
*******
Wayyaaneen fincila barattootaa fi ummanni oromoo cimsee itti fufaa jiru gara birootti jijiiruuf akka dhama'aa jirti beekkamaadha, haala kanarraa kana ka'e ummattoota ollaa oromoo jiraattaniifii ummata oromoo walitti naqa ykn diraa akka jirtu kanaan dura waa'ee gara kaaba oromiyaatti tahe dabarsuun keenya ni yaadatama, ammaas bifuma walfakkaatuun harargee lixaa naannoo bordoddeetti kaleessa eega lafa jalaan warra iissaa fii soomaaloota garas sun qubatu hidhachiiftee gurmeessite booda gara oromootti bobbaaftee akka isaan qabeenya oromoo saamanii ummata oromoos fixaaniif itti ergite, ummanni oromoo duraanuu gochaa wayyaanee kana waan dammaqinaa jala bu'anii jiraniif duula Soomaaloonni itti bana dura dhaabbatanii ufirraa yeroo deebisan, akkuma aadaa isiitti wayyaaneen oromoota if ittisee gara mana isaaniitti deebi'aa jiru waan yaaliin isii fashaleef ufii isiitii rasaasa ummata oromootti banuun nama sadii ajjeeftee sadihiis madeessite.
Warri waraana wayyaaneetiin du'e: 1,Umar Ahmad Mahammad, 2, Ibraahim Alii,
3, Ali ykn Aliyasuus. Warri madaawe magaaluma bardoddee keessatti: 1, Shamarree Fatiyaa Mahammad umriin isii waggaa 13, 2, Mahammad Raaree, 3, Abdallaa Ahmad Daadhii, yoo tahan yeroo ammaatti ummanni ufii isaaniitii fuudhanii gara Haakima Ciroo geessanii jiran.
Haala kanarraa kan ka'e ummanni oromoo bakka jiruu walitti iyyatee gumaa keenya baafanne yeroo jedhan, wayyaaneen warra ona sun bulchu ummatatti ergitee warra nama keessan ajjeesse seeratti isinii dhiheessinaa hangasitti akka waa tokko hin goone yeroo jettuun, ummanni nuu fi wayyaanee jidduu duraanu akka seerri hin jirre ni hubannaa nuti waan isin jettan kana gurraan dhagahuu hin dandeenyuu asii badaa nuti gumaa keenya ni baafanna jechuun itti dhaadatanii jiran.
Haalli naannoo sunii akkuma hammaatetti jira. hulaa suniin ergaan isii fiinxa bahuufii baatuus gara birootiin ammaas warra soomaalotaa kana erguun isii waan hin hafneef ummanni ollaa soomaalootaa jiran jabaatanii wayyaanee fii warra isiin meeshaa godhattee ergitu kana akka ufiirra eegan dhaamsa isaanii dabarfatan.
************
Barattoonni oromoo magaalaa dirree-dhawaa keessattuu warri ganda lagaharree guyyaa arraa rakkoo teenya kan barnootaa bifa manguttootiin man guddoon mootummaa alaa dhuftee akka nuu ilaaltu jedhanii yoo gaafatan, wayyaaneen immoo barattoota hanga kutaa 8 poolisii itti erguun akka jeequmsi uumamu goote, sana booda barattoonni akka jiranitti fincila diddaa gabrummaa warra poolisii kanatti jalqabanii keessattuu Shamarran oromoo gootummaan poolisii fadraalaa kan qawween itti dhukaasaa jiru barbaree jiisanii ijatti naqauu fii dhagaan ufirra ittisaa oolan.
Fincilli guddatee bifa addaa qabachuun dhaadannoolee ABO faarsu dhageesisaa barattoonni jegnummaan waraana wayyaanee dura yeroo dhaabbatan ummanniniis barattootaa dirmachuun haala Shamarran jalqaban kanaan waraana itti dhufe fuula isaanii jechuun ija isaanii barbareen waadaa oolan. maayyiirratti humna guddaa itti fiduun namoota gara 20 ol qabanii mana hidhaatti galchan, warra hidhame keessatti kan argamtu akka fakkiitti Barattuu Shamarree Anbiyaa Abdallaa faadha. Fincilli diddaa gabrummaa wayyaanee inni jalqabame gaafa ji'a 11ffaa 05 daran balbalee dhamalaawee Harargee bahaa fii Lixatti itti fufaati jira odoo addaan hin dhaabbatin.
*********
Barataa yuniversity Maqalee kan tahe Isheetuu Nigusee guyyaa kamiisa dabree bombii itti darbatameen oto madaa'ee jiru guyyaa jimmataa wallakessa guyyaa irratti gara mana yaalaatti gessina jechuudhaan bulchinsii kaampaasichaa gara mana hidhaaatti darbeeti jira. kanaan wal qabatee barattotni oromoo yunivarsitichaa guyyuma mucaan hidhamee wal gayuudhaan galama gutani marii bulchinsa kaampaasiichaa waliin godhani oto waligaltee irra hin gayiin haafaniti turan.
Sababaan isaatis preezidaantiin itti anaa yunivarsitichaa dhimmii kun nu hin ilaalatu, haarka polisi jira waan jedhanifi. wal gayiin guyyaa sani bifa saniin raawwatame. Guyyaa wixattaa barataa kana mana murtitti dhiheessudhaan bellama guyyaa 11/09/1998 alh tti , jechuunis guyyaa jimaataa qabanitifi jiran. barattotni kana dhagayan haar'a wal ga'uudhaan sa'ati 10:00 (sa'aati booda) irraa kaasee hirira mormii yunivarsiticha kessatti gaggeesaniru. hirrira moormii kana irratti barattotni tilmaammaan 1000 dhihaatan kan argaman yeroo ta'u dhaadannoon isaan dhageesissaa turanis
- Barataa Isheetu Niguusee haa hikamu!
- Yakka malee hidhuun haadhaabatu!
- Midhamaan gara mana yaalaatti geefama malee mana hidhaatti hin darbamu!
- Bulchinsii yunivarsitichaa oromoof dantaa hin qabu!
- Mirgii kenya haa eggamu!
- Wabii jireenyaa hin qabnu!
- Oromiyatti gallee baranna!
- Oromummaadhaan hidhamuufi yakkamun haadhaabbatu!~
- Oromummaan yakkaa miti!
- Gaaffi kenyaaf deebiin haatattamaa haanulaatamu! fi kan kana fakkaatan illee kesatti argamu.
Erga dhaadannoo kana sa'aatii lamaa olif dhageessisan booda daandii konkoolaataa kan yunivarsiticha kessa dabru cufudhaan konkolaattotni akka hin dabarree dhowwaniru. Sodaachisuudhaan barattoota oromoo kana kan facaasuudhaaf yaalan jiraatanis, barataan tokkummaa isaa ege haanga maayyitti egudhaan diinaaf kan hin jilbefannee ta'uu argisiseera. Maayyii irrattis warrummaan dhimmii kun nu hin ilaallatu jechaa turan komishinara polisii naannichaa, itti gaafatamaa tikaa (security affair officer) waamudhaan itti gaafatama isaan gubbaa jiru busuf yaalaniti jiran. barattotni Oromootis yeroo angootni Wayyaannee kun dhufan gaaffii qaban itti ibsani gaaffiin barattootaa kun deebii haatattamaa argachuu baannaan tarkaanfi itti anutti akka darban hubachisaniru.
Yaada kanaan kan rifatan angowotni wayyaanee barattoota bakka buufadhaatti haala mucaan kessa jiru isin argisifna jedhanis, barattotni nuti bakka bu'aa hin qabnu, gaaffin kun kan nu hundaati, Numartinu barataa kna arguu qabna jedhaniru. Barattotni erga angootni wayyaanee kun deman boodaas ful duraaf maal gochuu akka qabaatan mari'zchuudhaan, guyyaa bellama mana murti, jechunis guyyaa jimmaataatti furmaatni maayyii argamu baannaan tarkaanfii isa dhumaa fudhachuudhaaf walii galaniru.
Maayyiirattis barattotni oromoo yunivarsiti maqalee diiraamaa wayyaaneen ofii hojjattee namaan yakkitu kana ummanni Oromoo martinu ciimsee balaaleefachuu akka qabaatu waamicha dhiheesaniru.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!!