Caamsaa 16, 2006 (Oromiyaa) - Godina Jimmaa Ona Qarsaa ganda Qarsuu Tolii naannoo addaa Baddeeyyi jedhamtutti gaafa guyyaa 14/05/2006 halkan keessaa sa’aa 3.00 pm tti mana Ibraahim Shee Shifaatti meeshaalaman hidhattoonni gandaa dhaqanii dhukaasa irritti baniiru. Akka kanaan mana nuu bani, manni kee mana A B O itti walgayii godhatu, mana shamarran fi dardarri Oromoo itti walgayu, meeshaan ABO walitti qabamuu fi dokmentiin caasaa keessanii jiru waan ta’eef ka’ii bani jechuun 3.00-4.00 iratti dhukaasaa turan; akkasumas balbala irratti reebaa akka bulan madden achii nuuu ibsanii jiru.
Gochaa kana kan bakka sanatti argamee raawwate
1. Zaakir Kirbiitee ykn A/Tamaam ( hidhataa gandaa)
2. Madad (Farajaa) A/Garoo (hidhataa gandaa)
3. Kaliifaa A/Boor (hidhataa ganadaa) dha. Egaa namoota kana kan qindeessee akka jarri kana raawwatanu godhaa jiru dura taa’aa ganda Qarsuu Tolii Rashaad A/Jamaal fi basaasaa wayyaanee kan ta’e Raayyaa shee Kadir dha.
********
Dhaamsa marii naannoo dodolaatti gaggeefame haala qabsoon Oromoo yeroo ammaa irra jirtu irratti Bal`inaan guyyaa 11-05-2006 ti erga mari`atanii booda Ibsa ijannoo armaan gadii baafatanii jiru.
Akkuma beekkamu biyyi teenya Oromiyaan erga Kolonii Habashaa jalatti kuftee kaasee Oromoon mirga abbaa biyyummaa dhabee Mootota Abashaatiin Tuffatamaa jiraatuun isaaa ni beekkama. Akkasumas mootuummaan Moofaan kufee kan haarawa dhufus jijjiirraa hundee ummata Oromoof buuse hin qabu. Mootummooti habashaa darban hundi uummata Oromoo Hidhuu, Biyyaa Ari`uu, ajjeesuu malee bu`aan isaan buusan takkallee hin jiru. Uf duras hin jiraatu kanaaf FDG yeroo ammaa uummanni Oromoo Guutuu Oromiyaa keessatti Gaggeeffamaa jiru jajjabeeffamuu qaba.
- FDG yeroo ammaa Oromiyaa keessatti barattootaa fi uummata Oromoo Qotee bulaa, Daldalaan, Hojjataan, Barsiisaa,dhaan belbelaa jiru kana ni,deeggarra ni,jajjabeessina !!
- Godinoota Oromiyaa bakkoota adda addaa keessatti Tarkaanfii Uummanni Mootummaa Wayyaanee irratti fudhataa jiru haalaan Deeggarra !
- Cimina Qabsoo Bilisummaa Oromoo ABOtiin Gaggeeffamaa jiru dinqisiifataa nutillee wanta qabsoon nurraa gaafattu hundaan hanga wareegama lubbuutti dura buunee Qabsaayuuf kutannee kaanee jirra !!
- Dhaabota yeroo ammaa maqaa Oromootiin socho`aa uummata Oromoo Amantiin, kutaan, Gandaan Addaan qooduu barbaadan cimsinee balaaleffataa uummanni keenyaa Dhaabota akkanaaf osoo bakka hin kennin qabsoo isaa yeroo ammaa ABOtiin gaggeeffamaa jiru askka cimsan ni gaafanna !!
- Wadaan Macaaf Tuullamaa Seenaa Guddaa fi Umrii dheeraa osoo qabuu badii tokko malee Diigamuun, Hogganootni Waldayichaa Hidhamuun, guddisee nu gaddisiiseera! waan ta`eef waldaan kuni akka hatantamaan waajjirri isaa banamee hujii isaa jalqabu ! meeshaan isaa kana waraana Feediraalaatiin saamame akka deebi`u! Hoggantoonni Waldayichaa haal duree tokko malee gadi dhiifamanii hujii isaanii akka jalqaban Cimsinee Gaafanna !
- Arsaa fi ajjeechaa Yeroo ammaa Lukkeewwan Diinaa Barattoota Oromoo irratti gaggeessaa jirtu akka dhaaban Cimsinee gaafanna !!
- W aliigaltee yeroo Ammaa kana Dhaabni keenya ABO dhaabota birooo waliin godhaa jiru haalaan deeggaraa Sochiin akkasii kuni uf duras akka itti fufu cimsinee gaafanna !!
- Dhumarrattis hanga Gaaffiin Ummata keenyaa Hireen murteeffannaa Ummata Oromoo Fiixaan bahutti Qabsoo keenna jabaannee itti fufna jechuu dhaan walgayii keenna Xumurannee jirra.
Guyyaa 11-05- 2006 Ona Dodolaa irraa !!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti !!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
|