Gafa Guyaa kamsa'a(3/9/98ALA) halkan keesa sa'a 10:30, akasumas ganama guyaa jimaataa 4/9/98 ALA) sa'ati 3:20, 3:30, sa'ati 7:00,8:15, 8:35, 8:45 kesati bonbiin Fifinee nanoo ada'adatiti humna hinbekaminen konkolaatota adaa'adaa kesatifi manota irati dhooyee nabsee namoota 4 baleesee 43 madeesee jechudhaan Televisionin Wayaanee besisee. Nanolee dhoyinis kun
itt xiyefate keessaa mana Electeric Piyasa, Totali, Adis katamaa(Markatoo), Gotaraa, Nafasililik Laftoo, faa'a.
Umatin Finfinee gocha kana kangodhee Wayanee duwadhaa jedhaa jiraa.Kun dhugaa taun isaa kan mirkaneefamuu amoo Finfinen toyanaa Worana Woyanee jala osoo jirtu humin kamiyu gocha akanaa hojachu hindandu kan jedhu irraa kaeti.
Woldhaansoon kamiyu Woregama malee waan hingegeefamineef jabaachu qabnaa. Murtiin dinaa Umataa irrat fudhatamaa jiruu jabatee iti fufu qabaa.
Finfinnee keessatti hardha Jimaata 12/5/006 Ganama sa'a 5 irratti
1. Dhukaasni/ibiddi atoobisii magaalaa lakk.77 irratti qaama hin beekamneen qaqqabeen konkolaachisaa dabalatee namoota hedduun du'u issanii fi warri madaa'an immoo gara hospitaala Zannaba Warqitti guuramaa oolan. Da'immanii fi shamarrooni illee keessa jiru. Dhimma kana tarii wayyaaneen ofii raawwattee mormitoota siyaasaa ittiin hidhuu fi gidirsuuf kan akeekkate fakkaata.
2. Naannoo buufata konkolaatatti/Manahariyyatti yerooma sanatti dhukaasni raawwateera. Nammota midhaman garuu yeroof hin baramne. Loltuun namoota miidhaman battalumaan dhoksanii waan kaasaniif hubachuun hin dandenye.
3. Askootis ibiddi/dhuukaasa gaheen ( 11/5/006) warshaan spoonjii tokko gubatuun hubatameera.
**********
Wayyaaneen waraana isii kan Saalhanbassaa jiru atoobis 60 fuutee gara kutaalee oromiyaatti ergaa jirti, akka kanaan baasii mindaa waraanaa ummanni baasuu didee dirqiin irraa fuudhaa jechuun waraana isii gara oromiyaatti akka ergitu gootee jirti.
Atoobis 6 gara Anboo, atoobis 3 wallagga dhihaa, atoobis 3 Hadaamaa, atoobis 3 Harargee, atoobis 3 Jimma kan ergame ammaaf adda baafaneeti jirra. warra hafanii garamitti akka qooddee ergitu adda baafanneeti isinii dhaamna.
*********
Wayyaaneen akkuma aadaa isiitti ummattoota ollaa waitti naqaati jirti akka kanaan ummata oromoofii ummata Afar waitti naqauun gaafa 10/05/06 kasaaraan lubbuu namaa gara lamaanuu akka gahe dhaaman,bakkai lolli kuni itti tahees godina kamisee bakka Sabatii jedhamtutti.sababa kanarra ka'uun yeroo ammaatti ummata oromoo qawwee isaan itti ifiin eegaa jiran hiikkachiisaati jirti.
Haalli kuni ummata lachuutiifuu akka bu'aa hin qabne hubatanii godhaa diinni isaan jiddutti uumaa jiru kana hubatanii akka rakkina jiru gara manguddootiin fixatan oromoonni naannoo kaabaa dhaamani jru.
**********
Haar'a sa'aati booda dallaa yunivarsiti maqalee kaampaasii indaa Iyyasus jedhamu kessatti sa'ati booda( 8:30 -9:00) jiddutti mana kitaabaa yunivarsitichaa bukkee tuqan dhootuu ykn fanjii wayyaanootaan kiyyoomfamten barataa Oromoo isheetu Nigusee jedhamu irra balaa guddaa gessifteti jirti. barataan kun barataa waggaa sadaffaa, mummee herregaati. balaa irra gayee kanaanis baay'ee mila isaa irra kan midhamee yennaa ta'u man yaalaatti ergamee oto wal'aansa gayaa hin argatiin dararamaa jira. Haallii umamee kun barattoota oromoo dallaa san kessa jiraatan rifachiisuf, haamilee barnootaa isaanii tuquf, akkanumattillee ittin yakkuuf akka ta'ee barameera. kanummaan wal qabattee barattootni oromoo yunivarsitichaa abiddii dinaa kaayyoo kenya irraa of booda nu hin debisu jechuudhaan ummata oromoo maraaf waamicha birmannaa qabsoo dhiheesaniru. itti dabaluudhaanis booruu irraa jalqabee moormii qaban dhageesisu jedhameeti eggama.
*********
Godina Jimmaa Ona Shabee Somboo magaalaa shabee keessatti lukkeewwan wayyaanee basaastummaarratti boobba’anii jiran irra gahamee jira. Akka kanaan
1. Baartichoo Zeenuu daldalaa, 2. Barsiisaa Taarikuu Simee, 3. Shamsuu Mahammad daldalaa. Basaastonni wayyaanee kun maadhelee achi keessatti baballataa jiru halkanii fi guyyaa kan ademsaa jiran waan ta’anii of eeggannoon itti haa kennamu. Namoonni kun sadanuu
jiraattota magaalaa Shabeeti. Sabummaan isaanii Guraa-geedha; namoonni kun kan jarri hojii kanarratti bobbaase bulchiinsa Ona kanaa fi waajjira Poolisa Ona kanaa ta’uun jaraa baramee jira.
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!