Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsa 11, 2006 (Oromiyaa) - Godina Iluu A/Booraa Ona Cooraa Qunbaabee magaalaa Dabbasoo Kamisee mana barumsaa Giddu-galeessaa 1-8 keessatti gaafa guyyaa 24/8/98 A L Htti fincila kaasanii oolaniiru. Akka kanaan gaafa guyyaa kanaa barattoonni kutaa 1-8 jiran dhaadannoo isaanii qabatanii bahuun dhaadannoo jaraa dhageessisaa oolaniiru; dhaannoon jaraas :-barattoonni mana barumsaa Cooraa gaaffii mirgaa gaafachuu qofaan yakkamaa godhamanii hidhaman haa hiikaman, gaaffiin ummata Oromoo martuu deebii haa argatu, hidhamtoonni siyaasaa haa hiikaman fi A B O nu haa bulchu jedhaa oolanii jiru. Yaroo ammaa barattoonni baayyeen hidhaa fi rakkoo adda addaatiif saaxilamanii gidirfamaa akka jiran barameera.

Barataa mana barumsaa sad.2ffaa Cooraa Qunbaabee kutaa 10ffaa uzuhaalam H/yyes ( Hayleyyes ) gaafa 30/8/98 A L H fincila mana barumsaa kanaa situ qindeessee akka raawwatamu godhe jechuun poolisiin Cooraa qabee hidheera. Yaroo ammaa kana barataan kun rukuttaan baayyeen waan irra gaheef miidhamee jireenyaa fi du’a gidduu jira. Akkasumas barattuu kutaa 10ffaa shmarree Miskuu Faaris jedhamtu atis fincila kana keessaa harka qabda jedhamtee gaafa 27/8/98 A L H humana hin beekamneen ukkaanfamtee yaroo ammaa kana bakki isiin buute dhabamtee jirti. Akkas jedhu maatiin isii fi sab-boontonni naannoo kanaa. “ A B O fi Fannoo diimaan hordoffii ilmaa namaaf godhamu godhee bakka isiin jirtu akka nu barsiisu “ jechuun dhaammatanii jiru. Barattuun kun umurii isii guutuu keessatti Aadaa, Afaan, seenaa Oromoo guddisuuf kan halkanii fi guyyaa gadi hin teenye ta’uu ishee sab-boontonni naannoo kulkulfatanii dubbatu.

Gara biraan Ona Cooraa Qunbaabee ganda Beeroo Murii keessatti gaafa guyyaa 25/8/98 A L Htti qabeenyaa bulchaa ganda kanaa kan ta’e Tasfayee Yaadataa jedhamu Xaafii Tuullaa 4 (afur) gubameera. Namni kun yaroo dheeraaf ilmaan Oromoo hiisisaa, qabeenyaa jalaa saamsisaa fi maqaa Oromummaan gidirsaa kan ture ta’uun isaa baramee jira; namni kun gochaa isaa kanarraa akka of qusatu yaroo addaa xalayaan barreeffamee fi ergamuuf illee dhagahuu waan dideef tarkaanfiin kun irratti fudhatamuuf diqii waanta’eef irratti fudhatameera. Ammallee dogongora isaa kana baree of hin sirreessu yoo ta’e ruuhii isaarratti tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ta’uu isaa sab-boontonni naannoo kanaa ciminaan hubachiisanii jiru.

Dhumarratti barataa Tasfayee Dirribaa fi barattuu shamarree Rawudaa Keeraddiin( dhaloonni ishee Aggaaroo taate) dhiheenyuma kana Kollejjii barsiisota ( TTI ) magaalaa Mattuu tii barnoota jaraa irraa ariyamaniiru.  

***********

Magaalaa Bishooftuu M/barumsaa Boolee jadhamutti barattooti Oromoo argaman dhiibaan baratoota oromoo irra gahaa jiru dhaabachuu qaba yaadajedhuun kaleessa caamsaa10 bara 2006 mormii qaban ibsaniiru.

Barattooni kun mormii kan kaassaniif torbaan darbe barattoota oromoo magaalaa Dukam keessa jiran wayita siirna Gummii Gudiina Addaa fi Dagaagiina Afaan Oromoo Kabajataa jiran Poliisiin dhufee ijoollee hedduu reebuu fi hiidhuu isaatiin kan ka’eedha.

Barattoni magaalaa Bishooftu kun jalqaba gaafiin issanii seera qabeessaa fi “sagaleen saba Oromoo xiiyyeeffannaa haa argatu” kan jadhu ture.

Gaafiin barattotaa kana biifa jeequmsaati jijjiruuf poolisiini fi w/ri barnootta magaalichaa ijjoollee reebee muraasa issaanii immoo deeggartootaafi miseensoota ABO ti jadhee hidheera .Haata’u malee furmaati isaa kan ta’uu gaafiiwwan barattoota guuttuu oromiiyaatiin ka’aa jiru kanaaf deebii kannuu malee furmaata akka hiin argannee taajabdoonii magaalicha keessati argamman ibsaati jiru.

Sochiin barattootaa kun ammas m/barumsaa haafaniiti ni darba kan jadhuun sodaa guddaatu dhaga’ammaa jira. Kuniimmaa waan hiin ollee jadhuu barattoonii tookko tookko.

*************

Dilbata darbe 5/7/2006 intalli tigree tokko Shamarreen Oromoo 'Gaallaa' jettee arabsuun ijoollee Oromoo nagaan Barnoota ishee barattuu xuxxuqanii daba fi hammeenya giti cunqursaa mallasaan itti kenna bahuuf tattaafatte, dhimma Waliin wal qabatee guyyaa kana sochiin tokko tokko moonaa kilo-4 keessatti ho'ee goototwwan Oromoo mirga isaaniif falmachaa oolan. Ammas taanaan gochaan gita bittuu wayyaanee xuxxuqaa barattoota Oromoo moraa yuniversity keessatti gochaa jiru hin dhaabu taanaan diddaan waliigalaa Oromoon mirga isaa Kabachiifachuuf gochaa jiru akka daran jabaatu dhaamu.

Gootowwan barattoota Oromoo qalamaa fi dabtara of harkaa qaban ilamaan tigree hidhannoo fi humna tika isaaniin abdatan dura dhaabbachuun mirga isaaniif falmanis, gaaf wiixataa ammo ijoolleen tigree waan abdatan abdachuun walitti qabamtee ijoollee Oromootti dhaadacha oolte. Hintalli tigree maqaa hin taaneen saba Oromoo xureessites akka qabamtee hidhamte ajajaan humna waarddiyaa moonaa AAU (Daanyee) barattoota Oromoo walitti qabamanii turaniif himu illee, intalli hidhamte jedhamte daqiiqaa yartuun duuba moonaa kilo-6 keessa hiriyoottan tigree ishee waliin osoo bashanantuu akka argamte ijoolleen ijaan argan himu. Dhiyeenya kana barsiisaan yuniveristy maqalee keessaa barsiisu sintayyew kasayee jedhamus akka maqaa kanaan kitaaba bareessee mana kitaabaa yuniversitcha keessa kaahe ni yaadatama. Dhimmi kun maaliif akka akeekkate firris diinnis ni hubata, kan nama ajaa`ibu garuu lukkeewwan/OPDOn dhimma kana irratt otoo ummata Oromoof dhaabbadheera jettu waan akkana maqaa ummata Oromoo xureeffamee barreefamuu fi ittiin ilmaan Oromoo arabsamtu callisanii ilaaluun lukkummaa isaanii ifaan muldhisa jedhama.  

Injifannoo Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net