Caamssaa 7, 2006 (Oromiyaa) - Gochaa sukaneessaa wayanneen matii tokko irrati ofii issaan qopheese ofii isaa kan ofii saxilee dha. Inis guyyaa gafaa jimmataa halkan warrani wayanne Ayyana Baalcha fi Tarraafaa Soogaa kan jedhamaan meeshaa hidhatanii jiraniin ana laalloo Asabbii Magalaa wanjoo keessatti mana barsiisa Gutaata jedhamuu dhaqaanii qabeenya namni kun joree horatee ergaa samanii booda haadha manaa barsiisa Gutaata kana Adde Nadhii nama jedhaamtu Sadafii qawwee dhaan rukkutanii bakka heeduu erga miidhanii booda warqee guraafi mormaa iraa bafatanii jiru.
Rakkoo irra ga’ee kanaan adde Nadhiin yeroo ammaa Mana yaalaati yaalamaa jiru. Gochaa suukaneessaa kana kan raawwate keessa tokko yeroo darbe human nageenyaa tasgabeessa jedhamee Burundiitti ergamee deebi’ee waraana wayyaanee Tarrafaa Soogaa kan jedhamuu dha. Caamsaa 5 fi 6 bara 2006 yokan jimaataaf sanbata dura darbe jequumsaa fi samichi wayaneen aanaa Laaloo Aasabii keessatti raawwatte mirkaneessee jira.
Kanatti aansuudhaan ammo yeroo ammaa gochaa nama suukaneessuu Mootummaa abba irree wayyaannee fi Luken ishee OPDOn baratootaa akka mana barnootaa dhorkaa jiran irra ga’amee jira.
Inni mana barnootaa najootti ta’aa jiru magaala Gimbii keessatti ta’aa jira . Haa ta’uu malee yeroo ammaa barattoota gudachaa jiran abdii biyyaa keenyaa kan ta’aan barnoota irraa dorkaa jiru. Haaluma kaanan bartottaa 11 (kudha tokko) walumaa gala mana barnoota dhorkani jiru. Mana barumsaa sadarkaa tokkofaa Biftuu Gimbii keessatti ( Adowa) kan jedhamuu keessa yeroo ammaa haga yeroo hin beekamnetti barumsa irraa kanneen dhorgaman:
Maqaa Barattootta ariyamanii sadarkaa barnootaa Umurii
1. Firoomsaa Baalchaa 8ffaa 17
2. Soolii Kaadir 8ffaa 19
3. Usmaa’eel Useen 8ffaa 18
4. Abdallaa 8ffaa 18
5. Abbas said 8ffaa 20
6. Darajjee Tasfaayee 7ffaa 16
7. Mahamadi Shifaa 7ffaa 15
8. Guddina Tammiruu 7ffaa 16
9. Fraa’ool Thsagaa’ee 7ffaa 17
10. Oromiyaa Haayilee 7ffaa 17
11. Yoonaas Taaraqeny 6ffaa 16
Gochaan waayyaanee fi Lukeen diinaa OPDO kana akka uumatti balaaleefatu dhaamsaa nuuf dhaamaa mootummaalee adunyaattis nuuf beeksisaa ja’anii jiru
Gadaan gadaa bilisumaa ti!!
Injifannoo uumataa Oromoof!!
Injifannoo Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!