Caamsaa 2, 2005 (Oromiyaa) - Arra gamanaa eegalee fincilli guddaan ummataa fi barattoota ormootiin qindaawe magaalaa dirree dhawaa keessatti ganda lagaharreetti deemaa oole.sababni isaatiis ummanni hidhaa,saaminsa fii ajjeechaa waraana wayyaanee humna agaazii jedhamtu dadhabanne maaf mana keenyatti nu rakkitan jechuun hiriira nagayaa baanaan, waraanni agaasii immoo dhukaasa itti banuun adda facaasuuf yaalullee ummanni fii barattootni jegnummaan dura dhaabbatanii dhagaan ufirraa ittisaa turan.hanga ammaatti barattoota lama akka qabanii hidhan gabaafameera.
********
Barattoota Aanaa Najjooti barumsaa irraa waaggaa lama lama itti murta’ee keessaa hanga tokkoo maqaa isani yeroodhaaf kanan argadhee 1.Abdii Waaqshumaa barataa kutaa 7, 2,Mootii Waaqshumaa B/ku/7, 3.Garbaa bultii B/ku/7, 4.Ikaa Baqqalaa Ba/KU/8
5.Cinqataa Ba/Ku 8, 6.Saamsoon Bar/ku/6, 7.Faasikaa Yooseef B/ku/6, 8.Ifaa Barataa kut6
Fi kan biroos ni jiru bayyinni isaanii namoota 12 kan garuu maqaan isaanii nangeenye
Kannee akka barattootin kun adabaman godha keessaa Qindeessaa mana barumsihaa Lulesaa Waayimaa,2,Dhimma dubartootaa kan taatee Yeeshii Taaddasaa , 3. Garbaa Abdiisaa, 4. Masarat Mollaa, 5.Niftaalem Gammachuu, 6. Waardiyaa mana barumsichaa kan maqaan isaa mootii jedhamufi Bulchiinsota Magaalaa kan ta’an kantiibaa Margaa Abbashuufi Tasgaraa kan jedhamanii waliin walta’anii ijjoolle kana irratti badii tokko malee irratti murteessan.Maatiin barattootaa garuu ijoolleen keenya waagga lama adabamuu mitii guyyaa lama adabamuun iyyuu irra hin turree jechuudhaan yoo iyyatan illee calluma jalaa jechaati jiru.
Kanaan duras usuu akeekkachiisa itti hin kenniin nama kana irratti tarkaanfii fudhachuun gaarii waan hin taanee akka akeekkachiisa itti nuuf lattan jennaan nu duraa waan irranfataniif ammalee poolisiin ajajaa 100 Taddalee Bafiqaadu kan jedhamuu lammii oromoo kan hin tanee Magaalaa Najjoo keessaa boobba’uudhaan isin of-eggadhaa,isin ABO deeggertu jechuudhaan calliseedhuma seera malee namoota qabee sodachisaa waan jiruuf akeekkachiisa isa dhumaa adaraa akka itti nuf laattan yoo dideef immoo nuyyuu akkatti ofirraa dhowwinuuf qophidha jedhaniru.
Namni maqaan isaa Hasan Umar jedhamuu bakki dhaloota isaa Aanaa Beegii kan ta’ee kaanaan dura biyyarraa ari’atamee Finfinnee usuu jiraatuu 4/30/06 manaa halkan yaamanii ajjeesanii daandirratti waan gataniif awwalli isaa arra masigida kotobeetti awwalameera akka hin formeeshiniin argameetti namoota isa ajjesan sanaa konkolaataa mootummaatu fuudhee baqate jedhan .Garu hin hubatamne waan ta’eef ammaf maatiima isaaniifi firoottan isaanii hundaan rabbi isin ajabeessu jedhamalee qulqulleessen isiniif barreessa,garuu namaa qabsoo keenyaaf gama hundaan fala barbadu ture.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaan Bilisummaa ti!!