Caamsaa 1, 2006 (Oromiyaa) - Zooni Iluu A/Booraa Ona Hurrumuu magaalaa Suunxaatti gaafa guyyaa Ebela 15 guyyaa gootoota kana ummanni magaalaa kanaa fi dardaroonni naannoo kanaa Alaabaa A B O hidhatanii akka gaariitti ayyaana kana ayyaaneffatanii oolaniiru. Akka kanaan guyyaa kana magaalattii diddaa fi jeequmsa hamaa keessa oolte.
Akkasumas Ona Hurrumuu magaalaa Suunxaa kana keessaatti namni maqaan isaa Lammaa Waakkannee jedhamu dalgaan isaa damee Milishaa keessa dalagu ummattoota magaalaa kanaa basaasuun baayyee kan gidirsaa jira waan ta’eef akeekkachiifni akka itti nuu kennamu jechuun koreen ona kanaa ciminaan dhaammataniiru. Dabalatas :- Ona Yaayyoo keessatti barsiisaa Iisaaq Ayyaanaa jedhamu mana barumsaa sad.2ffaa keesssatti wayyaanee dhaa basaasuun barattoota kan gidirsaa jiruu fi hiisisaa jiru ta’uu isaa irra gahameera. Barattoonni mana barumsicha kanaa akkas jedhu “namni kun gochaa isaa fokkisaa kanarraa yoo of hin qusanne tarkaanfii keessa deebii hin qabne akka irratti fudhatanu ciminaan hubachiisaniiru “; akeekkachiifnis itti nuuf haa kennamu jedhaniiru.
*******
Guyyaa sanbataa fi dilbata (ebla 29 fi 30 ta`e dha) OPDOn sagantaa isheen barattoota Oromoo Yunivarsiitii Baar Daar ittiin sossobuuf baafattee gootota barattoota Oromoon harkatti fashalee jira.
Mootummaan wayyaanee mootummaan isaa sabboontota Oromoo fi mormitoota siyaasaan waan raafamaa jiruuf waan qabuuf waan dhiisuu wallaalee asii fi achi kaataa jiru kana keessatti OPDOn akkuma durii barattoota Oromoo maallaqaa fi sossobbiin gowwoomsuun yeroon isaa kan itti darbe, toofta bututaa ta'uu isaa sirriitti itti agarsiifamee jira.
OPDOn bakka barattootni Oromoo jiran marattii deemtee summii gabrummaa fi ashkarummaa kan gooftaan isaanii isaan badhaasan facaasuun ijoollee Oromoo irratti shira adda addaa xaxuun barattoota kumaan lakkaa'aman akka mana barumsaa irraa ari'amaniif barbees akka mana hidhaatti guuramanii achi keessatti gidirfaman gochaa turte. Ammas itti jirti
Bara 2004 shira kana Yunivarsiitii Finfinnee keessa xaxuun barattoota keenya 350 ol ta'an sababa Oromummaa isaaniif jecha akka ari'amaniif sababa ta'ani. Gootonni baarattooti Oromoo yeroo sanatti sobaan yakkaman mana hidhaa Wayyaanee keessa turanis akka reebamanii ajjeeffaman godhani. Kanneen gaffii kana qabatani ka'an barattoota sadarkaa lammaffaa irratti rasaasa isaan itti roobsuun barattoota keenya heddu ajjeesan. Kaan ammoo qama hir'isan. Yaa ta'u malee qabsoon barattoota Oromoo tasa booda hin deebine.
Caalatti iyyuu akka gumaa Obbolotaa isaanii wareegamanii fi kanneen mana hidhaa diinaa keessa tortoraa jiraniif akka dubbataniif isaan kakaase. Haaluma walfakkaatuun guyyaa har'aa kanatti sagantaa walfakkaata kan bara 2004 barattootni keenya itti ari'aman sagantaa affeerraa fi bashannanaa kan Baandii Biiftuu Oromiyaan deggeramu isiniif fidne kanaaf irratti argama jedhanii barattoota Oromoo barumsa isaanii hordofan olola rakasaaf ergama diinummaa qabu itti afuufuu eegalan.
Yeroo kanattis ijoolleen Oromoo sagantaa kun kan nu hin ilaallannee fi karaa kamiin iyyuu akka bakka nu hinbuunee itti ibsine osoo jirruu maal nu dhibeen akka qopheessan ijoolleef ibsuun sagantaa isaanii itti fufan. Nut barattootni Oromoos biyya Ormaa keessatti wal loluuf wal reebuun ummata Oromoof karaa kamin iyyuu akka hin fayyadnee fi isaanis balaa karaa kana dhufuu maluuf itti gaafatamummaa akka fudhatan itti ibsine. yeroo kanatti bakka bu`aa gooftolii isaanii kan ta'e gara warra BI'adenitti dhihaachuun barattootni nu ajjeesuuf waan jiraniif wabii nuuf ta'a, akka balaan nu irra hin geenyeef waada nuuf seena jechuun soda qaban ibsaniif. Yeroo kanatti isaniis yeroo isin achi deemtan tajaajila konkolaata fi eegumsa isiniif gochuun alatti waan isiniif goonu hin qabnu ittin jedhani. darbees sagantaan kun akka bareedee barattoota hawwatuuf qarshii 30,000 waan itti baheef jabaachuu qabdu jedhanii dirqama dabalataa itti kennan. jarreen lukkee OPDO kunis osoo barattootni keenya hin fedhin haala sodaan wal makeen waraqaa waamichaa osoo dhoksaan facaasani argamani Tarkaanfiin keessa deebii hin qabne
Lukkee OPDO nama Seefuu Gosaa jedhamu irratti fudhatamee jira. Kana qofaa osoo hin taanee barattootni Oromoo gootummaan Doormii isa wal waamee " kanaan booda gowwoomsaan nu gaha. Yeroon barattoota Oromoo irratti shira xaxan darbeera. ammaan booda OPDO waliin wal keessa hin jiraannuu. Of keessa dhabamsiifne tokkummaa keenya cimsuu qabna. Isinis kan isiniif ta'u filachuu qabdu. Yookiin nu waliin akka barata Oromotti jiraadhaa. Yookiin ammoo ammuma du'a filadhaa" jedhanii filanoo lama barattoota sagantaa kana qopheessuun tattaaffachaa turanitti himuun amansiisa bulan. Jarreen lukkeen kunis lubbuu isaanii oolfachuuf jecha akka balleessa dalaganii fi balleessa barattoota Oromoo fi qabsoo Oromoo irratti hojjechaa turaniif dhiifama akka isaaniif godhamu barattoota gaafachun sagantaa kana irratti hirmaachuu dhiisuu qofaa osoo hin taanee waan ijoolleen Oromoo itti hin amannee yoo osoo hojjetanii argaman tarkaanfiin du'a bakka argamanitti akka irratti fudhatamu erga waada seenani booda ijoollee gara halkan keessa sa'a 9 irratti gara doormii isaanitti galan. Yeroodhuma kanatti Poolisoonni situ barattoota qindeessa jedhanii barata Oromoo tokko osoo isaan qaban argaman battalumma Tokkummaa barattoota keenyaan gad lakkifamee jira.
Bulee isa Sanbata har'as barattootni keenya marti bariin ka'e akka barataan Oromoo kam iyyuu sagantaa isaanii irratti hin hirmaannee gochuun sagantaa lukkee salphisanii jiran. Booda Barattootni oromoo waan deemuu dhiisaniif konkolaatan barattoota deddeebisuuf ramadamte waan fuutu dhabdee barattoota Amaaraa fi Tigiree walitti qabdee affeerraa isaanii ofii isaaniif sooratan. Haala kanaan Shirri isaani xaxanii barattoota keenya ariisisuuf yaalan harkatti fashalaa'ee OPDOn baandii fi qaanii ishee hammattee lukkee isheef dhaaname sana gara mana yaalatti geeffattee galte. Barattootni keenyas Gootummaa fi Tokkummaan keenya itti fufa jechuun injifannoo argametti gammadanii gara fuulduraattis jarreen kun osoo isaan hojii isaanii kana duraa osoo hojjetuu yoo argame tarkaanfiin wal fakkaatuu akka irratti fudhamuu walii galuun waadaa isaani haaromsatanii jiru.
Injifannoo Ummata oromoof!
Gadaan gadaa Bilisummaa ti!!