Ebla 27, 2006 (Oromiyaa) - Hoggantoota Macaa fii Tuulamaa hardha 27/04/2006 mana murtiitti kan dhiyeessan yoo ta`u, abbootin seeraa hardha waan hinqaqqabneef gaafa Ebila 25/1998 Alh ti beellaman . Wa`ee du`a barataa Gaaddisaa hirphasaa ilaachisanii himanna banameef deebin kennan Ragaana hospitaalaa dhufe kan Afaan Amaaras kana afaan Ingiliziis waan hidubbifamneef akka sirreessanii fidaniif beellaman cufani jiru.
Dhimma hoggantoota MT kana hordofuuf kan bakka mana murtii olaanaa Federaalaa kan deemte gaazexeessituun VOA akkuma nama kaanitti sakata`amtee kan mooraa mana kan seente yoo ta`u akka dhimmicha seentee hin hodofneef dhoowwamte, dhuma irratti gara dhaddachaatti olseensisanii daqiiqaa murasaan booda iddoon hin jiru jedhanii dhaddacha irraa gadi baasan.
Takka turtu poolisoonni qabanii kan deeman yoo ta`u dhaqiiqaa muraasan booda meeshaa akkamitti galchite? jedhanii meeshaa isheen qabatee deemtu irraa fudhatanii jiru. Sana booda dhaddachatti oldeebisani jiru .ofmaa isaanif skattanii kan galchan yoo ta`u fi isiiniis waardiyoonni sakatanii nagalchan jattullee, waardiyyoonni nuti hin sakattaane jechuun isaani beekkame. Egaa Wayyaanonni akkuma baran diraamaa isaanii irratti ojjachuuf akka ta`e bekkamaa dha.
*******
Qonnaan jiraattota Oromiyaa jireenya hiyyummaa gadii keessa akka isaan jiraachaa jiran beekamaa dha. Kanuma irrattti dabaluun “hiyyeessaaf maal kennu jennaan-Qeensaa fi cittoo” akkuma jedhamu moottummaan wayyaanee yeroo ammaa ‘Uniyenii waldaa Qonnaan bultootaa’ jedhe dhaabbata daldalaa hundeessee waldaa kana irraa malee xaa’oo bittachuu hin dandeessan jechuun gatii baayyee qaalii ta’een Qonnaan bulaa dirqisee itti gurguraa jira.
Fakeenyaaf dhaabbatni daldala calla-guddistuu AISKOO jedhamu xaa’oo DAP jedhamu kunttaala tokko qarshii 372.00 (dhibba sadiif torbatami lama) kan gurguru yammuu ta’u dhaabbatti wayyaanee garuu qarshii 412.00 (dhibba afuriif kudha lama) adda addumma qarshii 40.00 tiin dirqisiisee qotee bulaa tti gurguraa jira. Akkasumas yuri’aa xaa’oo jedhamu ammoo AISKOOn qarshii 363.00 qotee bulaaf yoo dhi’eesseeyyuu dhaabbati wayyaanee kun ggaru qarshii 381.00 garaa ggarummaa qarshii 18.00 tiin qotee bulaa saamaa jiraachuun isaa beekameera.
Kun yeroo kana ta’u qotee bulaan yoo didee fincileyyuu sittu karaa hojjetaa misoomaa fedha keettiin naaf haa dhi’aatu jedhee gaafate jehuun imaammata daldala biliisaan hordofa jehee baannatu ifatti qullaatti hambisaa jiraachuun isaa mul’ateera.
Karaa kan biraa wayyaaneen mootumma naannoo Oromiyaa qonnaan bulaa Oromoo waggaa shan dhufan gidduutti hiyyummaa jalaa % 100 guutuu baasuuf karoora qarshii miliyoona 400.00 baaffadheen socho’aa jira jecchuun yammuu odeessaa jiru kanatti hojiin qabattamaatti argamuutti jiruu fi oduun odeeffamu baddaa fi gamoojjii ta’ee muu’atee jira.
Gadaan Gadaa Bilisumaa ti!!
Injifannoon Ummata Oromoo!!
|