Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Ebla 26, 2006 (Oromiyaa) - Mootummaan woyyaanee dhiibbaa ummata irraan gahu itti fuufe jira.  Haaluma kanaan onoota godina Iluuabbaabooraa fi Jimmaa keessatti ummata amantiin waliitti buusuun isin deeggartoota ABO fi shaabiyaati jedhee ummata nagayaa mana hidhaatti guuraa jiraachuun isaa irra gahamee jira.

Haala kanaan godina Iluu abbaabooraa magaalaa Mattuu, Hurruummuu, Yaayyoo, Cooraa, Baddallee, Gachii, fi Boorraachaa keessatti Musliimota Oromoof worra lammii biraa tahan kan akka Guraagee fi kkf ABO karaa kana galchuudhaaf gargaarsa gootan jedhamani mana hidhaattii guuraa kana hafan doorsisaa jiraachuu isaanii irra gahamee jira.

Kanumaan walqabatee godina Iluuabbaabooraa keessa jiraattota magaalaa Danbii ona dhidheessaa Magaalaa Toobbaa, Aggaaroo, fi Jimmaa keessatti ummata hiraarsuu isaanii itti fuufee jira. Keessumaayyuu magaalaa danbii fi Toobbaa keessatti bakka itti hidhu waan hanqateef magaalaa Aggaarootti geessaani kan hidhan yoo tahu barattoonni mana barumsa sad.2ffaa Toobbaa hanga lammiiwwan keenya gaddhiifamanitti hi barannu jechuudhaan fincila kaasuudhaan mormii qaban ibsatanii jiru.

Hanga gabaasni kun qindaayeetti namootni hidhaman martinuu gadis hin dhiifamne mirgi wabiis hin laatamneef.

**********

Harargee bahaa fii lixaa wayyaanneen ummata keenya fii baratoota keenya abdii kutachiisuuf halkanii guyyaa hirriiba dhabdee fiigaa jirti. akka kanaan namoota baayyee, Harargee Bahaa fi Lixaa irraa qaqqabdee mana hidhaatti guyyaa irraa guyyaatti guuraaa jirti.

humna waraanaa halkan halkan akka namni hin arginetti makiinota kaachamaallee jedhaman 14 Hara-maayaa fii naannoo isii fiduudhaan ummataa fi barattootaan allooluu fi dararuuf hojjataa jirti. Kuni kan halkan kaleessaa irraa jalqabee itti jiru. Humni kuni duruutuu hidhaa, tumiinsaa fi saaminsaan ummatatti seenee jira. Keessattuu Ona Xuulloo, Ona Hara-maayaa, Dirree-dhawaa, Galamso, Asaboot, Mi'eessoo fii naannoota birootiis bifuma kanaan hidhaa, saaminsa, ajjeechaa fii tumuun itti fuftee hanga amma dhaamsa kana erginutti jirti.

Kanaaf ummanni keenya bakka jiruu harka wal qabatee qabsoo isaa tan haqaa akka itti fuf dhaamsa keenya dabarsina jachuun sabboonoonni Oromoo naannoo sanaa ummata Oromoo kan naannoo birootiif dhaamani jiru.

Jala deemtuun wayyaanee kan akka bulchaa Ona xuulloo faa yoo shaffisaa godhaa isaa kana irraa dhaabbatuu baatee kan itti fuf tahe mooraa wayyaanee mitii maqalettuu akka ummata Oromoo jalaa hin baane asumaan diinniina maayyii dabarsinaafi jechuun jiraattoonni harargee dhaamsa isaanii dhaammatan.

*******

Dilbata darbe naannoo harar ganda dirree xayyaaraa keessatti waajjirri bulchinsa gandaa tiifi manni barumsa sadarkaa tokkoffaa fi jiddu galeessa sadarkaa lammafaa  gandi guutuun alaabaa ABO tiin miidhagee oolee jira. guyyaan kun  guyyaa namoonni kuma afurii ol sababii barnoota amantii bilisummaa irratti  ummataa kennuuf warri amantii islaamaa walitti qaban yeroo tahu gaaffii ummanni nuti amantii keenya kan walbarsiisnu alaabaa teenya jalatti malee tan OPDO jala teenyeetii miti jechuun sabboononni gaafatan  irraa ka'uun alaabaan ABO iddoo jirtu irraa fiduun fannisaniif jiran.  Ummanni  yaarabbii tokkummaan bilisummaa teenya nu dhiheessi jechuun  walgahee isanii eegalanii jiran.

**********

Namoota yeroo adda addaatii hojii farrummaa isaanii irraaa debi'uu dadhabaniif dinniina kennaa sabboontonni hojii isaanii kana beekanii akka isaniin hin gowwomneef dhaamsi sabboontota magalaa jimmaa fi naanooshee jirataan akkasuman firaa fi firootan isaanii kanneen isaani irraa fagaatanii jiraatan akka beekaniif dhaamsa armaan gadii dabarfatani jiru.

Kanneen maqaan isaanii Yoonas Barkeessaa, Saamu'el Maammoo fi Geetaachoo Miidhaksaa jedhamaan barsiisota  Kolleejjii Barsiisotaa Jimmaa kan ta'an qabsoo  ilmaan Oromootin gageeffama, yeroo ammaa kana bakka hundaatti finiinee walitti qabatee wayyaannee fi maxxantuu OPDO raasaa jirutti; yeroo dargaggoonni Oromoo, barattoonni, qoteen bulaa, daldalaa, hojjettoonni  qaamni hawwaasaa hundaa kan qabsoo keesaa galanii hidhaadhaan ajjeechaadhaan reebbitii dhaan gidiramaa jiranittii jarreen maqaan isaanii armaan olitti tuqame kun garuu kana otoo beeekanii Ilmaan Oromoo  farreeen Oromummaa jalatti galchuu dhaf barattoota deeegartoota ABO dha jedhuudhaan kan gidirsaa jiran yoo ta'u, keessumayyuu yeroo ammaa kana immoo caasaaa opdo diriirsee itti kennaa galmaaan ga'uu dhaaf namoota of jalatti gurmeessanii daandii qabsoo irraa maqsaa kan jiran yoo ta'u, ammaa booda garuu gochaa isaanii kana irraaa deebi'anii qabsoo ilaam Oromoo kana keessatti qooda hin fudhatan taanaan; hojiin isaaanii kun sabboontota heduu kan arse waan ta'eef tarkaanfii isaan irratti fudhatamuuf itti gaafatamoon isaanuma ta'uu ni adeesina.

Hojettoonni fi barattoonni kolleejjichaa hawwasani Oromoo naannoo jimmaa jiraatanii fi  uummanni Oromoo hojii namoota kanaa akka beeku gaafanna. Yoo isaaan hojii isaanii kana irraa deebi'uu baatan maaqaan isaaniis galmee seenaa yakkamtootaa irraatt akka barreefamu gaafannaa!

 

Injifannoon Ummata Oromoof !!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net