Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Ebla 25, 2006 (Oromiyaa) - Magaalaa dirree dhawaatti guyyaa sadihiif Alaabaan ABO haaddan  korrontiilee irratti finnifamuun ummanni kan ijaan argu hundi gammachuu if wallaaluun ililbee fii faaruu gara garaa dhageessisaa oolan, haala kanarraa kan riffatte wayyaaneen ummataa fii barattoota oromoo qabdee hidhatti guuraa jirti yeroo ammaa humna Agaasiitiin marsitee.

******

Naannoo dadaritti barattoota wayyaaneen qabdee gara hidhaatti dabarsuuf deemtu haawwan naannoo kanaa guututti itti bahanii ijoollee teenya hin fuutan jechuun mana hidhaa naannoo sunii duratti wal gahanii gara guyyaa lamaa akka achii hin fuune godhanii maayyii irratti injifannoon ilmaan isaanii harkaa baafatan.

******* 

Magaalaa Awwadaay fi Hara-maayaa keessatti barattootni Oromoo guututti barumsa waan lagatanii sochii fininsaa jiraniif motummaan wayyaanee rifachuun ijollee barattotaa mana isaanitti itti bobbahuun guyyaa kaleessaa fi haar'aa mana hidhaatti guraa jirti. Hujii kana kan raawwachaa jiruu humna Saba tigree hedduu kan haammatuu humna waraanaaa Aggaazii jedhamuufi humna poolisii federaalaati. Kana malees haawaasa barattootaan ala jiruus ganda keessaatti bobbahuun mana isaani irraa guraati jiran. lakkoofsii ummata hidhatti guramaa jiruu kan 100'n lakka'amuudha.

Magaalaa Qullubiittiis namootni 5 ol humna kanaan ukkaamfamani fudhamani jiran. Sababaan isaatis ABO deeggartu kan jedhuu dha.

******** 

Ona dobbaa, Araddaa ifa Amaan keessatti hidhattootni gandaa deeggartoota ABO ti jedhamani hidhannoo akka hikkatan godhamani jiru. Warrii hikkachiisees: 1. Musxafaa Sheekaa, 2. Jamaal ibroo, 3.Shonee rashiid faa dha.

********

Ona Xulloo, Magaalaa Hirnaa- Barataa kutaa 9 kan ta'ee barataa tokko qabanii hidhuudhaan dararaa haamaa kan akka bishaan keessaa cuphuu fi tumaa hiriyyaa hin qabne irra gaggeesaniru. Ummanniis fincila akkan haamaa keessa galeeti jira.

sababni waan ummanni magaalaa Hirnaa guyyaa gototaa bifa ho'aatin kabajatanii turaniif.Magaaluma Hirnaa kanatti Barataa kutaa 11 kan ta'ee barataa Abdunaasiir Mahaammad humni motummaa mataa isaa rebuudhaan mataa baqaysaniiti  jiran.

akkanumatis barattoota kutaa 11 kan ta'aan baratootni Nasraddiin fi barataa Husseenis uleedhaan baay'ee miidhamaniti jiran.

Yeroo ammaatti barattootaa fii ummata harargee irraa ukkaamsanii gara finfinneetti dhooysanii dabarsaati jiran. Ummaanni fii barattooonni gochaan akkanaa kuni qabsoo teenyarraa if duuba nu hin deebistu jechaatti dhaadannoo qabsoon hanga bilisummaatti itti fufti jedhu dadhaachaa jiran.

Injifannoo ummata oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net