Ebla 24, 2006 (Oromiyaa) - Godina Jimmaa magaalaa Jimmaatti basaastonni wayyaanee nomoonni 125n ummata magaalaa kanaa basaasuuf yaroo ammaa itti bobba’ani jiru. Oduun madda qulqulluurraa kenname. Akka ibustti dhimmi magaalaa Jimmaa basaastota kanaan hanga Caamsaa 10 nii keessa turanii akka achi keessaa caasaa A B O qulqulleessanu dirqama fudhatanii bobba’anii jiru. Gara biraan Ona
Oomoo Naaddaa fi Xiroo Afataa keessaatti itti galumsa magaalaa kana lamaan irrtti Poolisoota wayyaaneetiin sakitta’iinsi cimaan godhamaa jira. Akka kanaan gaafa guyyaa 22/04/2006 seensa magaalaa kanarraa dhaabbatanii Ummaata sakatta’anii meeshaa Aadaa kan akka Habilee ykn Billaa fi Ulee otuu hin hafin harkaa fudhanii waajjira poolisa naannichaatti galii godhaa Oolani jiru.
*****
Godina Iluu A/Booraa gaafuma guyyaa 22/04/2006 seensa magaalaa Beddellee irratti Konkolaataa lakk. Bukkee isaa 273 ta’e poolisoonni erga dhaabanii sakatta’aniin booda yaroof namni maqaan isaa hin baramne tokko qabeenyaa isaa baayyee waliin qabanii gara waajjira poolisa magaalaa Beddellee fuudhanii deemani jiru. Egaa Kellaa adda addaa irrattii maqaa ABO toohanna jedhuun ummanni baayyeen saamamaa jiru.
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
Injifannoon Ummata Oromoof!!
|