Ebla 22, 2006 (Oromiyaa) - Ona Hara- maayaa araddaa Daammootaa keesssaa polisotni fi hidhatootni barattootaa torbaa ol qabani mana hidhaatti geessuuf jennaan ummataa fi barattootni barattoota hidhatti oofamaa jirutti dirmachuun polisoota dhagaa , mancaa, fi uleen tumudhaan barattoota walabomsaniti jiran.....itti dabaluunis polisoota kana rebichaan gara magaalaa xiniqqeetti deebisan. Falmaa kana irratti poolisootni hedduun dhagaadhaan yeroo mada'aan barattota irraa immoo: 1. Billisaa Ahmad, 2. Abdisha Luungoo rasaasaan mada'aniru. Ummani polisa ariyani erga debi'ani booda Waajjiraa araddaa diganiru.
Ona Malkaa Bal'oo keessatti ummani guyyaa goototaa haala bareedaatiin kabajatanii olan. Motummaan sochii ummata Oromoo irraa rifachudhaan kan ka'ee ummata Ona kanaa gara nama 20 olii mana hiudhatti naqee jira. Ummanni hidhaa fi ajjeechaan qabsoo keenya irraa if boodatti nu hindeebisu, warreen lukkee diinaa qabsoo ummata isaanii irratti gufuu ta'uu akka dhiisan, yoo didan ammoo waan dhufuuf isaanumaatu itti gaafatama.
lixa harargee magaalaa Assaboot kessa daldalaa Mohammad Saanii mana hidhaa mi'eessoo kessatti humna waraanaa wayyaaneetiin waan gar malee reebamudhaan kan ka'ee wareegameeti jira. Awwaalchasaa irratti namni akka hin argamne poolisni fi warraani dhiibbaa gochaa turanillee ummani haalaan bahee awwaalee jira.sababa kanaan kan ka'ee walitti bu;iinsi uumamee gara nama 10 ol haalaan rebuudhaan yeroo ammaa kan mana hidhaa keessatti du'aa fi jirenya jidduu jiran.
Baha oromiyaattiis daran fincilli jabaateeti itti fufee jira.akka kanaan ona oborraa keessatti walittii bu'iinssi ummataa fii waraana wayyaanee jiddutti itti fufeeti jira.
2.Barataa Dirirsaa Qajeelaa barataa waggaa 3ffa kan ta’eefi barataa seeraa yeroota’uu ati ijoollee kakafte jechuudhaan 4.21.06 eegalee moraa mana barumsaa akka hin gallee dhorkameeti jira, Bakki inni baratuu Unversitii Maqaleti,kanaan duras barumsarra ari’ameti ture,
*********
Eebila 20 (kamisaa) barattotti mana barnotaa sadarkaa 2ffaa Gimbii waraqaa barattota qabsoof kakasuu facasu dhan walii damaqsanii Barumsaa itti dhisani galaniru sababin isaas Polisooni mana barnoota keessa galani sababaa ta’anif, wantii isaan irratti walii glaanis akka arman gadiitti
1. Polisoon mora mana barnotaa nuuf haa gaadhisaan
2. Barattoti hidhamaan gadi halakiifaman
3. Baratoota waamanii dorsisun nura hadhabatu
4. ABOn nu’a bulchuu kan jedhuu irratti walii glan mana barnoota dhisaan ba’aniru.
Polisoni mana barumsaa kutaa kutaa irraa taa’an baratootaa addamsa jiru.
**********
Godina Arsii fi Baalee keessatti FDG uummata Oromoon gaggeeffamaa jiru jabaatee itti fufee jira. Godina Arsii Ona Qoree keessatti Guyyaa Yaadannoo Jaallawan wareegamanii ilaalchisee uummanni magaalaa Qoree fi Barattoonni manneen barnootaa Qoree keessatti yeroo dheeraa dhaaf Dungoo qabsiisanii gaddaan magaalaa keessa deemaa yaadataa buluun isaanii ni yaadatama kanumarraa kan ka`e Mootummaan wayyaanee yeroo ammaa Waraana Agaazii Magaalaa fi Baadiyyaa Qoree irrattii bobbaasuu dhaan uummata dararaa jira kana malees Waraanni kun magaalaa Qoree keessatti Dukkaanota
Sabboontotaa Halkan irra deemuu dhaan maallaqa isaan gurgurataa oolan akka saamaa jiru dhagahame Suuqiiwwaan hanga ammaatti Waraana Agaaziitiin Saamaman keessa.
1. Suuqa Ayyuub sh/ Kadiir qarshii 5000 saamame
2. Abdallaa Gammadii qarshii 6000 saamame
3. Abdii Ganamoo qarshii 4000 yemmuu saamaman Suuqiin Abdii Ganamoo kanuma Lukkee Diinaa O.P.D.O ta`uun hubatame Waraanni kun yeroo ammaatti qabeenya isaanis osoo hin hanbifne saamaa jira Suuqa Sh/ Ahmad Haajii jedhamu osoo isaan saamaa jiran uummanni walitti iyyatee irraa baasanii jiru gama biraatiin Godinuma
kana keessatti Ona Kofalee keessatti Waraana Agaazii Hanga Baadiyyaa keessa bobbaasuu dhaan ummaataa fi barattoota akka malee dararaa jiru gama biraatiin
Dorgomaa Kongirasii Biyyoolessa kan ta`an Obboo Abbabbuu Abdoo Miseensa mana marii Parlaamaa ona Kofalee irraa Dorgoman guyyaa isaan Booya Fira isaanii
dhufan eeguu dhaan waraanni Agaazii fuudhee qaama isaa tumee caccabsuu dhaan gama Waraana Baadiyyaa Kofalee jiruu Dabarsanii yeroo ammaa kana Lubbuun jiraaf hin
jiruu wantii irraa beekkamu hin jiru. yeroo isaan fuudhanii deemanitti akka malee waan tumameef akka malee laafuu isaa dhagahamee jira Onuma kana keessa Obboo Abdallaa Amaan kan Caffee Oromiyaatiif Dorgomanii Darban yemmuu ta`an isaanii fi miseensi
isaanii tokkos haaluma kanaan ukkaamfamanii yeroo ammaa kanatti waraanaan Dararaan guddaan irra gayaa jira.
Gama biraatiin Barattoonni mana baruumsa sad.2ffaa Kofalee Faaruu Alaabaa O.P.D.O hin farfannu jechuu dhaan Fincila godhaniin O.P.D.On waraana Agaazii itti erguu dhaan mana baruumsaa keessa deemanii barattoota kutaa isaanii irra deemaa tumaa jiru gama
Ona Kofalee fi Qoree keessatti uummanni Saa`aa lamaan booda waa bitachuufis gara alaa gadi bahuu hin danda`amu namni saa`aa uggurrii kana dabree argame mana hidhaatti akka guuramaa jirus dhagahame walumaa galatti Godina Arsii fi Baalee keessatti Hidhaa fi Tumaan ummata irratti hammaattee jirti Ona Asaasaa keessattis Hidhaan Daran hammaattee itti fuftee jirti.
**********
Ona qarsaa malaa laangey keessatti ayyaani gootota Oromoo wareegamanii gama keenyaan guyyaa sanbataa duraa walitti qabamuun eega haala qabsoo ummata Oromoo ABOn gegeeyfamtu sadarkaa isiin irra geesse marihanne booda waan dandeenyu maraan WBO cinaa dhaabbannee hanga wareegama lubbuu teenyaati kafaluuf qophii yeroo taanu jaldeemtuun tigree tan OPDO ofiin jettu karaan irra jiran akka sirrii hin taane hubatanii akka sirraawan akeekachiisna. Keessahuu godina Harargee bahaa Aanaa qarsaa itti gaafatamaan bulchinsaa Obboo Abdurazaaqii fi Hojjataa bulchinsaa Obboo Ahammadiin umar kan jedhamu ijoollee teenya tan karaa nagayaatiin gaaffii isaanii dhiheeyfatte badii tokko malee hidhatti guuru irraa akka of qusatan gorsi fi dinniin maayyii sabbontonno Oromoo kannamee fi jira.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!!