Site Name

subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Ayyaana guyyaa goototaa - Riyad


Ebla 20.2006 - qophee Konyaan ABO Riyaad qopheesseen miseensota, Deeggartootaa fi hawaasni naannoo fi magaalaa Riyaad qubatan ayyaana gootota oromoo Ebla 15 kabajatanii jiru. Ebla 15 guyyaa gootota Oromoo ilaalchisee ibisa bal’aa godhamee jira.Ifsi godhames senaa gotota dabranii FDG gootota barattoota fi ummata keennaa belbela jiru walqabsiisamee ture.Waayeen tumsa tolfachuu I trratti ifsi bal’aan godhamee ummatnis bal’inaan irratti yaada waljijjiiree jira Akkasuma gabaasni madhaalee ABO fi deeggartoota gurmuu Bakkalcha Oromoota Riyaad adeemsa funaanitii tin’isa qabsoo ilaalchisee gabaasa isaanii erga galchaniin booda tin’isni qabsoof walitti qabamaa jiru cimee akka itti fufuu fi kan hwaasa cufa hirmaachisu akka tahu murteeffatanii jiru. Deegartoonni ABO Bakkalchi oromoota Riyaad ilmaan Oromoo biyyaa fi ala jiran hundi yoomiyyuu caala tokkummaadhaan deegarsaaf tumsa barbaachisu hunda dhaaba isaanii ABOf godhuun woreegama gootota Oromooti firii akka godhan yaamicha dabarsanii jiru .Hirmaattonni walgayichaa marii bal’aa erga godhaniin booda sagalee tokkoon ifsa ejjannoo armaan gadii dabarfatanii jiru

IBSA EJJANNOO KONYAA ABO FI HAWAASA OROMOOTA RIYAAD

1 . ABOn kallacha QBO tahuu hubannee hooganummaa isaatiin gurmoofnee yoomiyyuu caala yeroon amma tahuu hubannee dirqama keenya buyuuf qophoofnee jirra .

2 . Ebla 15 guyyaa gootota oromoo bara baraan yaadatamaa jiraata . Dhaamsa gootoleen oromoo dhiisanii dabran galamaan gayuuf yoomiyyuu caala qophiidha .

3 . FDG borattoonni Oromoo fi ummanni itti jiran ni deegarra .Falmaan gootota barattoota Oromoo itti jiran danbalii dhiiga gootolii oromoo bilisummaaf woreegamanii malee waan tasa ta’e miti , Gootuun danbalii kanaan ka’e wayyaanee fi jaleewan akka dhabamsiisu shakkii hin qabnu .

4 . Faashitiin Mootummaa Woyyaanee Tigray baratoota oromoo mirga gaafatan ibidda rasaasaan deebii kennuu cimsinee balaalefanna . Miseensota woyyaanee barattota Oromoo gara jabnaan ajjeesan seeratti akka dhiyaatan gaafanna .

5 . Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo maqaa Oromummaan yakkee hidhe akka gadi dhiisu , Oromoo hidhuu saamuu biyya irraa ari’uu hatatamaan akka dhaabatu gaafanna .

6 . F.D.G Oromiyaa keessatti ka’e bal’atee itti fufuu qaba kanaaf dhalli Oromoo biyyaa keessa ala jirtu hundi waan qabnuun itti hirmaannee gabrummaa Wayyaanee kana xumura maayii itti godhuu qabanaa Oromoo ka’I didi funcili loli !

Gadaan Gadaa bilisummaati !

I .U .OF

EBLA 20,2006

KONYAA ABO RIYAAD SA’UUDI ARABIYAA .

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net