Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News


Fincila diddaa gtabrummaa

Ebla 20, 2006 (Oromiyaa) - FDGn lixa shawaa tti itti fufe; aanaa xuqur hincinni   manni barumsaa  kamisi roggee  ficila kaasudhaan dhaadannoo baramaa ta’e  kan ABO Fi uummata  oromoo faarsu dhageesisaa  uummata keessa naanna’aa oolaniiru  barsiisonni jala deemtuu wayyanee ta’an tokko tokko tasgabeesuf yoo yaalan iyyu nurraa deemaa isin warra nu gurgurtani jechuu dhaan salphisanii  of irraa deebisaniiru. Hatattamaan gochaa keessan kana irraa hin deebitan taanaan  tarkaanfii fudhatamuuf itti gaafatamaan mataa keessanii jechuun itti himani jiru.

Kana malees  barattonni mana barumsaa xuqur sad. 2ffaa nuti akkaataa kanaan baranee  qormaata biyyolessaa  fudhachuu hin dandeenyu  jechuu dhaan erga mana brumsaa cufanii ji’a tokko ol lakkofsisaniiru   barattonni kun barumsii haalan waan nuuf hin kennamneef  qormaata biyyoolessaa fudhachuu hin dandeenyu jechuun  barumsa dhiisanii galani jiru. 

Hojjattoonni aanaa fi gandaas qabeenya uummmataa samanii humna waraanaatiif kennuu iti fufaniiru  kanas ummanni ori ‘aa akka jiru  dhaga’ameera   kanuma irraa ka’uun gootonni Oromoo mandhee  BIQILTUU DHUGAA  jaltti ijaarramanii jiran  qabeenyi ummataa kun serran hin qabamu  taanaan qabeenyaa  diinni itti fayyadamaa jiru kana  nibaleesina jechuun akeekkachiisaniiru.

*********

►Toorbee darban keessa godina Harargee ona (aanaa) Daaroo Labuu magaala Machaaraa hojiif deemee waanan argee fi waanan dhagahe akka armaan gadiitti ibseen jiraatii ilaala qilleensa irra oolchaa.

Yeroo ammaa kana fincilli diddaa gabrummaa barattootaa fi Uummata oromoon gaggeeffamaa jiiru daran itti fufaa akka jiru ni beekama.  Karaa biraa immoo sochiin fincilli diddaa gbruummaa, Dhiibbaan ABOn karaa siyyasaa fi WBOn karaa humnaa jiruun wayyaaneen waan qabduu fi waan gadhiistu, waan fuutuu fi waan dhiistu dhabdee jirti.

1.Haaluma kanaan yeroo amma kana wayyaaneen gargaarsi adduny ittiin irreesaa uummata Oromoo irratti jabeeffatee nurratti bookkisaa ture waan qaqallateef yeroo ammaakana horii Oromoo harkaa fudhee Oromoota ittiin rukuchuuf wixxifataa jira. Torbee darbe keessas hararge keessa deemeen kan ani arge kana ture. Kunis ergamtuun wayyaanee OPDOn Daldaalota oromoo walitti qabuudhaan kaazinaan keenya duwwaa waan ta’eef qarshii nu kennaa jechuudhaan sossobaa fi doorsisaa jiru. Fakkenyaaf gaafa 01/08/98 daldaalota oromoo ta’an aanaa daaroo Labuu magaala machaaratti walitti qabuudhaan qarshii gaafachaa akka turaniif , qarshii kanas baankii irraa baafatanii akka kennan konkolaataa kontiraata fuudhuudhaan akka geejibanii ciroo geessan ija kiyyaan argee jira. Haata’u malee daldaalonni tokko tokko sabaan amaaraa ta’an waamicha kana didanii jiru. Kanaafuu Wayyaaneen hir’na qarshii qabdu Oromoo irraa fuutee Oromoo rukuchuuf karoorfattee waan jirtuuf Oromoon kam iyyuu wayyaanee qarshiidhaan deegaruu irraa akka of qusatu dhaamsa keenya nuu dabarsaa.

2. Gaafa 02/08/98 ergamtuun waayyanee OPDOn qotee bulaa hedduu ganda qotee bulaa Odaa Boqotaatti walitti qabdee ABO fi Qinijjit saaxilaa, Raadiyoo ABO fi Ameerikaa hin dhaggeeffatiinaa yeroo jedhanii uummatatti bookkisanitti, uumatni aariidhaan akkana jechuudhaan ifaan ifatti mormuudhaan dabballota OPDO qanii haguggachiisee of irraa arihee jira

a. Kan biyya bulchu isin waan tataniif karaa ABOn gale isinitu beekuu qaba ture. Kanaaf immoo dandeettii waan hin qabneef bulchuus waan hin dandeenyeef nu dhiisaa. Duris ta’e  isin kan dhaabbattan biyya bulchuuf osoo hin ta’iin karaa agarsiisuuf Oromoo bilisoomsuuf osoo hin ta’iin Oromoo saamsissuu, gabroomsuu fi ajeesusuu waan ta’eef isin nurraa deemaa. ABOn dhaabni bilisaa Oromoo bilisoomsuuf kaayyoo godhatee manaa bahee wareegamaa kan jiru nu haa bulchu jechuu dhaan mormii Wayyaaneef qaban ibsaniiru.

b. Waa’ee raadiyoo dhaggeeffachuu ilaalchisee, isin akkuma nu qabdanitti oduu keessan isa dhugaa hin qabne duwwaa akka dhageenyu barbaaddu? Nuti garuu sadarkaa addunyaan irra jiruuf ABOn irra jiru beeknee hubannoo argachuu waan barbaannuuf ammas dhaggeeffachuu keenya itti fufna. Kana ABO fi Radiyoon Ameerikaa jedhan immoo hin oolu ni raawwata jechuudhaan dabballoota jecha abdii kutachiisu ittiin jedhanii hamilee cabsaniiru. Dabbalonni jechoota uummataatti aarte galgaluma sana waraana federalaa oralii lama waamuudhaan halkan halkaa gyyaa sanaa kaasee uummata dhoksaan reebsisaa akka jiran argineerra.   Kana malees namoota baayyee mana hidhaatti naqanii maatii isaan gaafatu waliin akka wal hin agarre taasisaa jirachuu isaanii maatiin gaddaan ni dubbatu. Sababa kanaan Ummatni naannichaa Midhaan wayyanee nutti hammaatulee nuyi kaayyoo keenya isa bilisummaan nu gahu irraa duubatti hin deebinu jechuu dhaan walqabatanii socho’aa jiru.

3. Gaafa 03/08/98 barattootni sadarkaa lammaffaa machaaraa minjaalaa fi teessoo isaanii irratti Oromiyaan kan Oromooti, kanaaf ABOn nu haa bulchu, Wayyaanee fi jala deemtuun ishee nurraa haa katu jedhanii waan barreessaniif waranni wayyanee magaalicha jiru barreeffama kana balleessuuf halkan guutuu bishaan baldiidhaan guree dhiqaa bulu illee akka hin milkoofne beekamee jira.

4. Magaala galamsootti immoo yerootti fincilli diddaa gabrummaa gaggeeffametti alabaa ABO foonitti hidhanii allattiiti kennanii magaala irra kan marsisiisan yammuu ta’u alabaa gabroonfattotaa garuu fonitti hidhanii sareetti kennanii magaala keessa naannessuu dhaan nama itti kofalchiisaa akka turan oduun macharaa irraa dhagahe ni addeessa.

Walumaa galatti sadarkaan dammaqina Oromoo, wal hubachuu fi waldhaghuun Oromoo daran gudatee waan jiruuf sadarkaa baayee abdachiisaa irra gahee jira.

 

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

*********

Godina Jimmaa

Guyyaan kun guyyaa gootonni Oromoo Uummata isaanii hacuuccaa hadhaawwaa keessa ture waanjoo garbummaa jalaa baasuuf qabsoo itti jalqabanii fi gama kamiin iyyu kan wareegama  turanii fi amma illee kan wareegamaa jiram ta'uu  eenyu jalaa iyyu kan okate miti. Haala  kabajjii ayyaanichaa magaala jimmaatii fi naannoo isheetti godhame akkaataa armaan gadiin dhiyaata.

  1. Ummanni Oromoo naannoo magaala jimmaa jiran, Qarsaa, Maannaa, Saqqaa coqorsaa fi xiroo afataati Ayyaanichi haalaan kabajamee jira. 
  2. Baratoota Yuuniversiiti Jimmaa fi Kolleejjii Barsiistota Jimmaa  ebla 15, guyyaa gootonni Oromoo biliisummaa saba isaniif jecha lubbuu isaaniin wareegaman yaadachaa  ganama  sa'a  9:00 jalqabanii  – 12:00tti waliin ta'uun Doormii fi mana baratoota Kollejjii Barsiisota jimmaatti  wayaa alaabaa ABO qabu uffachuunii fi  mataa haaddachuun gootota Oromoo qabsoo uummata isaaniif lubbuu isaanii kennan yaadachaa ayyaanicha kabajuu itti fufani, Halkan keessaa sa'a 1:00tti bartoonni kun duungoo diimaa – magariisa – diimaa ibsachaa garaa daandiitti ba'uunii fi magaala jimmaa keesssa olii-gad deemuun kabaja gootota oromoo gabsoo uummata isaaniif qaban ibsuu caalaaiyyu isaanis karaa kamiyyu qabsoo isaan jalqaban bakkaan akka ga'anii fi garaa kuteenyaan Dhaaba Keenya jaalatamaa ABO cinaa hiriiruun gabsoo uummata isaan akka bakkaan ga'an ibsanii jiru.

Haalumma kana wajjin wal-qabsiisaniis Ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiruu.

  1. Qabsoo Gootonni keenya Jalqaban Fiitaan baasuuf yoomiyyu gara boodaatti hin jennu!
  2. Fincilla diddaa garbummaa sadaasa 9,2005 Uummata Oromoo tiin guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru daraan akka itti cimuuf gana kamiin iyyu cinaa dhaabanna!
  3. hanga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo mirkanaa'utti Qabsoo keenya itti fufna!
  4. Dararaamnii fi ajjeechaa uummata keenya irratti gaggeeffamu haadhabatu! namoonni kana raawwatanis seeratti nuuf haadhiyaatan!
  5. ABO'n Dhaba dhugaa kabsoo uummata Oromoof dhaabate waan ta'eef haal duree tokko malee biyyatti deebi'ee uummata isaa isa jaallatu haabilchu!
  6. OPDO'n dhaaba uummata oromoo bulchuuf dandeetii fi haalmee waan hin qabneef dafee ABOf bakka haa gad lakkistu!

Tokkummaa Baratoota Oromoo Yuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiistota Jimmaa.

Injifannoon Ummata Oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net