Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News


Fincila diddaa gtabrummaa

Ebla 19, 2006 (Oromiyaa) - Zoonii Arsii Ona Dodolaa keessatti maqaa Konfaransiitiin walgayiin Lukkeewwan Diinaa O.P.D.On waamte osoo hin milkaayin hafuun dhagahame uummata
ganda adda addaa irraa walitti waamanii ammaan booda uf sirreessinaa koottaa nu wajjiin hojjadhaa jedhanii sobuuf yaalii godhanis uummanni ganda Carcar, Qacamaa, Tulluu fi Bariisaa jedhaman yemmuu ta`u dhugaadhaan yoo uf sirreessitan Diina jala deemuu dhiisaatii gaaffii yeroo ammaa uummanni Oromoo Guutuu Oromiyaa keessatti gaafataa jiru uummata waliin hiriiraa gaafadhaa jechuudhaan deebisaniifii jiru.

Godinuma Arsii kana keessatti Ona Gadab Asaasaa keessatti uummanni Oromoo fi Baratoonni Oromoo Guyyaa Ebla 15 Guyyaa yaadannoo Jaallan Wareegamanii yaadatuu dhaan Waraqaa O.P.D.O dhaan gara qabsoo Oromoo Koottaa jedhuu fi Yoo Diddan Tarkaanfii Isinirratti Fudhatamuuf itti gaafatamaan matuma keessani jedhu Waajjiroota isaaniitii fi mana isaanii irratti waan maxxansaniif yeroo ammaa Ona Asaasaa keessatti barattoonni Jahaatamaa oli Hidhamanii mana hidhaa keessatti Dararamaa jiru kanniin keessa barattoonni maqaan isaanii nu dhaqqabe 1. barataa Jamaal Immiyyuu, 2. Roobaa Immiyyuu, 3. Jamaal Jaarsoo, 4. Gammaada Huseen, 5. Kaliil Jeyilaan, 6. Huseen Abdallaa, 7. Shamsaddiin  Muhaammad , 8. Jamaal Wattichaa, 9. Abdurrahmaan Kadiir, 10. Muhaammad Jiloo
11. Baamud Kojii, 12. Gammadaa kadiir, 13. Gazzal Ayyaanoo, 14. Xaahir Tukulii, 15. Ahmad Turaa
16. A.qaadir Jullee, 17. Abdurroo Goobanaa, 18. Jamaal Jawwaaroo yemmuu ta.an.

Waardiyoota mana baruumsa sad.2ffaa keessa immoo: 1. Jeyilaan Battisaa, 2. Turaa Bakaree
3. Shimallis Ganamoo jedhamu.

Haaluma kanaan kan walfakkaatu Ona Qoree keessattis eblla 14 galgala keessa saa`aa tokko irraa eegalee jiraattonni Ona Qoree barattoota waliin ta`uudhaan yaadannoo Jaallawwan wareegamanii Duungoo qabsiisuudhaan saa.aa dheeraadhaaf magaalaa Qoree keessa Deemaa jaallawwan wareegaman faarfataa bulanii jiru haaluma kana irraa kan ka`e yeroo ammaa magaalaa Qoree keessatti namoota bay`innaan hidhuun itti fufee jira.

Gama biraatiin Ona Adaabbaa ganda Haqoo Karraa keessatti Sabboonticha Oromoo kan ta`e Obboo Addunyee Gabruu kan jedhaman uummata Oromoo situu nurratti kakaasa jechuudhaan Waraqaa sobaa Ufumaa isaaniitii barreessanii mana isaa kaayuudhaan yeroo ammaa mana Hidhaa keessatti Dararaa
jiru Obboo Addunyee Gabruu Abbaa Qabeenyaa yemmuu ta`an uummata Oromoo biratti hedduu kan jaalataman ta`uunis sabboontota naannoo Haqoo Karraa jiraatan irraa dhagahame gama Ona dodolaa keessattis jaarsa H/Waayyuu Weebanoo jedhaman hidhanii akka dararaa jiran oduun nu dhaqqabee jira.


*******

Godina Kibba dhiha Oromiya Zoonii Jimmaa. Guyyaan kun guyyaa gootonni Oromoo Uummata isaanii hacuuccaa hadhaawwaa keessa ture waanjoo garbummaa jalaa baasuuf qabsoo itti jalqabanii fi gama kamiin iyyu kan wareegama  turanii fi amma illee kan wareegamaa jiram ta'uu  eenyu jalaa iyyu kan okate miti.Haala  kabajjii ayyaanichaa magaala jimmaatii fi naannoo isheetti godhame akkaataa armaan gadiin dhiyaata.

  1. Ummanni Oromoo naannoo magaala jimmaa jiran, Qarsaa, Maannaa, Saqqaa coqorsaa fi xiroo afataati Ayyaanichi haalaan kabajamee jira.
  2. Baratoota Yuuniversiiti Jimmaa fi Kolleejjii Barsiistota Jimmaa  ebla 15, guyyaa gootonni Oromoo biliisummaa saba isaniif jecha lubbuu isaaniin wareegaman yaadachaa  ganama  sa'a  9:00 jalqabanii  – 12:00tti waliin ta'uun Doormii fi mana baratoota Kollejjii Barsiisota jimmaatti  wayaa alaabaa ABO qabu uffachuunii fi  mataa haaddachuun gootota Oromoo qabsoo uummata isaaniif lubbuu isaanii kennan yaadachaa ayyaanicha kabajuu itti fufani, Halkan keessaa sa'a 1:00tti bartoonni kun duungoo diimaa – magariisa – diimaa ibsachaa garaa daandiitti ba'uunii fi magaala jimmaa keesssa olii-gad deemuun kabaja gootota oromoo gabsoo uummata isaaniif qaban ibsuu caalaaiyyu isaanis karaa kamiyyu qabsoo isaan jalqaban bakkaan akka ga'anii fi garaa kuteenyaan Dhaaba Keenya jaalatamaa ABO cinaa hiriiruun gabsoo uummata isaan akka bakkaan ga'an ibsanii jiru.

Haalumma kana wajjin wal-qabsiisaniis Ibsa ejjennoo armaan gadii baafatanii jiruu.

  1. Qabsoo Gootonni keenya Jalqaban Fiitaan baasuuf yoomiyyu gara boodaatti hin jennu!
  2. Fincilla diddaa garbummaa sadaasa 9,2005 Uummata Oromoo tiin guutummaa Oromiyaa keessatti finiinaa jiru daraan akka itti cimuuf gana kamiin iyyu cinaa dhaabanna!
  3. hanga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummata Oromoo mirkanaa'utti Qabsoo keenya itti fufna!
  4. Dararaamnii fi ajjeechaa uummata keenya irratti gaggeeffamu haadhabatu! namoonni kana raawwatanis seeratti nuuf haadhiyaatan!
  5. ABO'n Dhaba dhugaa kabsoo uummata Oromoof dhaabate waan ta'eef haal duree tokko malee biyyatti deebi'ee uummata isaa isa jaallatu haabilchu!
  6. OPDO'n dhaaba uummata oromoo bulchuuf dandeetii fi haalmee waan hin qabneef dafee ABOf bakka haa gad lakkistu!

 Tokkummaa Baratoota Oromoo Yuniversiitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiistota Jimmaa.

Injifanoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Biliisummaati!

 

 

Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net