Ebla 18, 2006 (Oromiyaa) - Godina Lixa Shawaa Magaalan Amboo kaleessa Waraanan Guutamtee oolun dhaga`ame. Odeeffannoon achii nu ga`e akka ibsetti Mana baruumsa sadarkaa 1 ffaa Carii keessatti Boobin tokko namoota hin beekamneen kan dho`e yoo ta`u balaa dho`iinsaa kanaan baratoonni heddu mada`uun beekkame. Hanga ammatti namni du`e kan hin beekkamne yoo ta`u. poolisoonni magaalaa guutanii akka jiranii fi barattoota heddu uleefii rasaasan akka madeessan beekkamee jira. Baratoota Maada`an keessa
- Tasfaayee Fiixee
- Skur Cimdii
- Leensaa Hayiluu uleedhan reebamanii kan mada`an yoo ta`u Fida Jabeessaa barataan jedhamu Rasaasan luka isaa irra rukutamuun beekkame. baratoonni mada`an marti amma hospitaala Ambootti yaalamaa akka jiran barame.
Injifnnoon Ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!!
|