Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Ebla 18, 2006 (Oromiyaa) - Eebla 15 Ummanni Oromoo guyyaa kana hamma dandayametti kabajatanii jiru. Mani barumsa sadrka 2ffaa Gimbii jala Bultti gototaa jedhan Eebla 14 mana Barnoota osoo hin dhaqin olaniiru dinas gara gubbanii jiru.

Manni barumsa sadrka 1ffaa Adiveentistii Gimbii Eebla 14 jalaa bulttii goototaa jedhanii dungoo qabattani dalaa mana Barnootaa keessaa naana’anii goottaa faarsaa olaniiru. Yeroo dhuma sana poolisiin kameeraa Vidi’oo  yeroo fidee warabuufi jedhuu dhaqan of irraa ariyaniiru.

Eebala 15 Dargaggooti saboono magaalaa  Gimbii walitti qabamuudhan gorsa tokko tokko walii gorsaa waddaa ijjarsa walii gala namoota hidhaman  dubisuu mattii isaanii gargaaruu irratti erga walii galanii booda bakka taa’anii sanatti faru gottota Eerga farfatanii dunggoo qabsifatanii kabajattaniiru.

Yeroo amma barattota idhaan dorsisa jiru haluma kanan Eebilaa 13 Alkan iddoo shammaran itti hidhaman jiran dhaqanii osoo isaa  hindhaga’in balbala bananii utuu seenanii damaqanii of irrati qabataniiru issa booda akka isaan in dhorkineef Baattirii ijjati qabanii  yaada olirra  hin beekamneen midhuu (gudedu fi dhaqan) kan gochaa kana raawataniis: 1. Ajjaja dhibba Galataa Warquu,

2. Ajjaja dhibba Taraqeenyi, 3. Ajjaja dhibba Biraanuu /Abba kassaraa/ kan jedman dha. Midhan kun barattota Oromoo irraa akka ga’a jiru hubbatee Lammin Oromoo martti gochaa isaanii kana akka balaleffatuf gura nu buusa. Maqaa baratootaa mana hidhaa jirani:

Maqaa/umurii

1. Keeriyaa Ebrahim 18

2. Fooziyaa Daani’el 18

3. Marga Tamanee 15

4. Caala Eebbaa 14

5. Awalii  Mahamad 16

6. Isra’el Fufa 16

7. Heenook Silashii 18

8.Efirem Mokonon 18

9. Banttii Wakanee 13

10. adanee Mosisa 16

11.Shibruu 18

12.Tasfayee Fufa 17

13.Oromiyaa Haayilee 13

14. Yeetinayeet Tadfaayee 17

15. Darara Tamanee 17

 Barattota kana umurin isaanii ulaagaa addunyaatti mana hidhaa kan galuu malan miti kana seera fi heera addunyaan alatti  barattoota rakkisaa jiru.

*******

Guyyaan gootota Oromoo sirna o`aan kabajame!

Biyya keessaa fi ala bakkeewwan adda addaatti guyyaan goototaa, Ebla 15,2006, Oromoota maraan akkuma kabajame, Yuniversiitii kibbaa jalatti kan argamtu koolejji ‘main campus’ keessattis barattoonni Oromoo guyya kana haala hoo’aa dhaan kabajatanii jiru. Guyyaa kana galgala keessaa sa’aatii 1:00(akka itoophiyaatti)irraa jalqabanii barattoonni kumaatamaan lakkaawaman haala addaatiin kabajatanii jiru. Barattoonni kunis jaalala  gootota wareegamaniif qabanii fi fedhii jaallewwan itti wareegamaniif haala hoo’aa fi nama gaddisiisuun yaadannoo godhanii jiru.

Barattoonni kun uffata alaabaa ABOn faayame uffattanii mooricha keessatti bakka tokkotti erga walitti qabamanii booda haala armaan gadiitiin saganticha jalqaban.

Barrattoonni hundi ka’anii (dhaabatanii) duungoo fi ibsaa adda addaa erga qabsiifatanii booda  daqiiqa muraasaaf yaadannoo gootota bilisummaa uummata Oromoof wareegamaniif godhaniiru.

Itti ansuunis alaabaa ABO qabatanii hiriiraan mooraa koollejjichaa keessa naana’aa faaruu jaallewwan qabsootti kufan faarsu fi seenessu akkasumas ABO faarsu farfatanii jiru. Dhumarrattis bakka tokkotti walitti qabamanii taa’anii alaabaa ABO gidduu isaanii dhaabuun seenaan guyyaa goototaa fi jaallewwan wareeggamanii  dubbifamee ibsaa fi hubannoo walii gumaachanii jiru. Itti ansuu dhaanis barattoonni hundi dhaabatanii harka wal qabachuun tokkummaan kaayyoo jaallewwan wareegamanii galmaan ga’uuf maqaa wareegamtootatiin  waadaa seenanii, dhiiga jaallewwaniitiin amaanaa fudhatanii jiru.

******* 

Damee universitii kanaa kan ta’e Mooraa Qonnaa keessati haala gaarii ta’een akka lakkofsa habashaati halkan keessa sa’a lamaa hanga torbaati bakka tokkoti ilmaan Oromoo mooraa kanaa kabajjanneera. Ayyana kanarrati daqiiqaa tokkoof yadannoon wareegamtootaaf godhame booda akkuma aadaa Oromootti  eeba maanguddootiin (baarattoota akka maanguddooti filatamaniin ) eegale. Eebbaan booda sirbootaa fi walaloo waliin kan deegarame ibsa ayyaanichaa jechuun maaliif akka kabajamuu qabu fi haala gootota wareegamanii yeroo sana waliif ibsa keenineera. Miidhagina ayyaanichaa fi kabajaa ABOf qabnu ibsuu dhaaf duungoo diimaa magariisa diimaa tartiibaan ibsuu dhaan jiddu jidduu sagantaa qabnu kessati sirboota qabsoo leelisanii fi nama kakaasan wareegamtoota keenya yaadachaa turreera. Haaluma kanaan sagantaa keenya keesati walaloo, diraamaa isin yaamti harmeen jedhu fi baacoo gagabaabdu qabsoo dabarsan walii dabarsineera. Ayyaan kun erga faarulee goototaa, Oromiyaa, sirba qabsoo jajjabesan, walaloo gootota faarsani fi Alaabaa ABOtiin deegaramee, miidhagee barumsa adda addaa walii goone booda akkuma eebbaan eegale eebbaan xumuramee.

Ayyaana kana haala kaan erga kabajnee booda tokkummaan ibsa ejjennoo baafatani jiru.

Injifannoo Ummata oromoof!

Gadaan gadaa!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net