Ebla 17, 2006 (oromiyaa) - 1/ Godina shawaa lixaa magaalaa Geedoo keessatti gaafa guyyaa 15/ 04/2006 darggaggoota Oromoo guyyaa goototaa kabajatanitti kan aaran jaladeemtonni wayyaanee isaan miidhuuf jecha boombii gabaatti darbachuudhaan namoonni sadi battalumatti yoo du’an namoonni jaatamaa (60) ol ta’an immoo madaa’anii gariin isanii hospitaala AMBOOTTI yaallamaa jiru gochaa ofii raawwate kana isintu raawate jechuudhaan sabboontota Oromoo hiraarsaa jirti. Kun ta’us sabboontonni magaalaa geedoo fi naannoo ishii guyyaa goototaa haala ajaayibsiisaaa ta’een kabajataniiru .
2/ Guyyaan goootota Oromoo areegamanii magaalaa AMBOOTTIS haala hoo’aan kabajamee oolera.
Humni addaa waraana wayyaane barattotaa fi ummata irrati bobba’ee yoo jiraate iyyuu kabajni guyyaa goototaa wareegamanii hafuu hin dandeenye. Haluma kanaan karaa irratti ba’uun yoo dadhabame iyuu mana manatti naanoo naanoon walitti qabamanii dungoo diimaa fi magariisuu bifa alaabaatiin erga hojjataniin booda waaqa kadhachuun dhaamsa fi kaayyoo wareegama walitti himuun gargar galaniiru kabajni kunis kan ta’e barattonni koolleejjii amboo uummanni naannoo sanaa ganda 01 keessati, barattonni sad. 2faa ganda fi sad. 1faa akkasuma koolleejjii dhuunfaa warri baratan gandoota 02, 03, 04, 05, fi 06 tti haala hoo’aan kabajamee oolera waan ta’e kana yoo dhaga’an jaleen wayyaanee otoo hin beekkamiin mo’amaa jirra jechuun dubbataniiru.
3/ Kana malees asuma shawaa lixaa aanaa xuqur hincinii kessattis guyyaan goototaa Oromoo Wareegamanii haala hoo’aan kabajameera. Kabajuma kanarratti Mandheen maqaan damee isaa BIQILTUU DHUGAA JEDHAMUUN beekamu qar . 75.oo qabsoo uummata oromoo tiif erga gumaachanii booda ibsa ejannoo armaan gadii baafataniiru;
- Qaawwa gootota wareeggamanii niguunna, 2. Hidhaa, reebich, mallatteesuunii fi doorsifni garagaarsa qabsoo keenya irraa duubatti nu hin deebisu, 3. Barattooni hidhamanii fi mana barumsaa irraa ari’aman atattamaan nuuf haa lakkifaman!, 4. Lukkeewwan wayyaanee dhiiga lammii isaanitiin harka dhiqachaa jiran atattamaan murtii seeraatti haa dhiyaatan, gochaa isaanii fokkotaa kana irraa haa dhaabbatan! 5. Qabsoon fi gumaachi keenya hanga bilisummaatti itti fufa. Jechuu dhaan guzyaa gototaa Oromoo wareegamanii sirna o`aan kabajataniiru.
********
Godina Iluu A/Booraa Ona Yaayyoo Hurrumuu magaalaa fi mana barumsichaatti fincilli Ummataa itti fufeera. Akka kanaan gaafa guyyaa 4/8/98 A L Htti mana barumsaa sadrkaa 2ffaa fi Waajjira Bulchiinsaa Ona kanaatti Alaabaan OPDO erga bu’ee ciccirameen booda kan A B O hidhamee guyyaa 3 ( sadiif ) oolee buleera; magaalattii keessatti illee alaabaan bakka hundatti akka hidhamaa jiru madden achiirraa hubatamuu danda’eera. Fincilli kun kan adeemfame ummata naannoo fi barattootaani. Akkuma walii galaatti namoonni hidhamuunii fi reebamuun illee naannoo kanarratti guddaa hammaateera; magaalattiin waraanaa fi poolisaan hammatamtee jirti. Gara biraan Magaalaa Mattuu naannoo riqicha jedhamutti (karaa magaalaatti gara Finfinnee geessu ) kanarratti halkan edaa Alaabaan A B O baayyinaan hidhamee buleera; akkasumas waraqaan adda addaa faca’ee buleera. Kanarraa kan ka’e sa-boontota naannoo waaraanni fi polisni naannoo ademsaa jira. Walumaa galatti magaalattiinii fi naannoon ishee humna waraanaatiin marfamtee jirti; ummanni magaalaa kanaa gad bahee ol galuudhaaf soda guddaa keessa jira.
*********
Magaalaa jimmaa, Ona Qarsaa, magaalaa Asandaaboo, Omoo Naaddaa, Dedoo, Saqqaa Coqorsaa, Maannaa, Shabee Sonboo fi Aggaarootti magaalaa baadiyyaatti guyyaan gootoota Oromoo Ebela 15 guyyaa kaleessaa haala ho’aan kabajamee ooluu isaa bilbilaan bakkoolee kanarraa nagheera. Haalli ayyaanni kun itti kabajames bakka Odaan jirutti barattoonni Araddaa Araddaarraa wal-waamanii, miseesonni maadhelee fi kkfn walaloo ABO faarsuu fi gootowwan kaayyoo kanarratti wareegaman faarsu qopheessuun walii dubbisuu dhaan ayyaaneffatanii oolaniiru. Akkasumas daqiiqaa 10f jaallan darbaniif gaddasaanii ibsaniitu jiru. Keesumattuuyyuu Ona Qarsaarratti magaalaa baadiyyaarratti haala ho’aan kabajamee ooleera. Gara biraan mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Jireen ( Ajiippii ) tti walgayii gaafa guyyaa 14/04/2006 guyyaa keessaa sa’aa 8.00 – sa’aa 11.00tti walgayii dabballoota wayyaaneetiin adeemsifameen otuu hin milkaa’in ooleera. Akka kanaan dura taa’aa ministeera barnootaa zoonii jimmaa Abdallaa Ahimad, qindeessaa dabballootaa zoonii jimmaa Abdurrazzaaq, itti aanaa kantiibaa magaalaa jimmaa Ismaa’il, dura bu’aa mana barumsaa Jireen Mahammad-nuur fi itti aanaa mana barumsichaa Keeruu jedhamanuun walgayichi adeemsifameera. Abdallaa Ahimad barattootaan “ isin beekna A B O tu duuba keessan jira; yaada harcaatuu fi haftuu akkanaa yaada A B Oti; anuu yaroo tokko dogongoraan keessatti hirmaadheen ture; yaada hafaa dha. Inni akka mana barumsaa Amboo fi Booranaa guban Jimmaa hin jiru; kan kana yaadduu yoo jiraatte lafa kaayadhu. A B On yaada dhiphummaa, sabaaf saba adda qooduuf inni godhu yoomuu hin milkaa’u jedhee barattootti xibaaruu yaalee turullee gootowwan barattoota oromootiin harkatti %100tti fashaleessaniiru. Barattoonni nuti kan walgayii dhufneef sagantaa opdo akka nutti xibaartaniif miti; gaaffii keenyaaf deebii argachuu dhaaf malee akka isin kaayyoo yaroon itti dhume nu barsiiftanuu miti; jechuun walgayicha otuu nam tokko hin hafin harkatti dhiitanii yaa’aniiru. Jaruma ergamtoota wayyaanee qofatu galma mana barumsichaa keessatti hafanii qaanii dhaan achii deeman. Dabalata mana barumsaa Saxoo sadarkaa 2ffaa irratti gaafa guyyaa 15/04/2006 diddaan ooleera; ammallee mana barumsaa lameen kana keessatti diddaan barattootaa hin dhaabbanne.
*******
Godina Jimmaa Ona Qarsaa keessatti fincilli ummataa waan jabaataa deemee fi ololli cimaan waan ona kana keessatti deemaa jiruuf gandoota Ona kana keessatti argaman hundarratti namni tokko tokko filatamee akka bulchiinsa onaa kanaaf akka dhiyaatu walgayii dura bu’aan gandaa qofti gaafa guyyaa 4/8/98 A L H tti guyyaa keessaa sa’aa 6.00 irratti waajjira bulchiinsa onaa kanatti waamamanii akka yaroo gabaabaa keessa kaadhimtanii nuu fiddan jechuun ajajni darbeera. Ajaja kana kan dabarse dame bulchiinsaa keessa lukkee wayyaanee A/Jihaad A/Bulguu nama jedhamuudha; akkasumas walgayicha kan gaggeesses namichuma kana. Namoonni kaadhimaman kunis nama duraan caasaa OPDO keessa seenee hin beekne, kan ummanni maalummaa isaa hin beeyne ta’uu qaba jedhu. Sababni isaas akka otuu namni tokko irra hin gahin caasaa A B O qeexee bira gahee nuuf bulchiisa qofaaf gabaasa kennuu nama danda’u ta’uu qaba. Egaa akkuma walii galaatti kaayyoon kaadhimamtoota kanaa ummata Oromoo basaasuu fi sa-boontota bakka bakkarra jiran basaasanii akka bulchiinsa onaa qofaaf akka odeeffannoo laatanii dha; quunnamtiin jaraas bulchiinsa onichaa qofaaf ta’a. Kana waanta’eef sa-boontonni ganda adda addaa keessa jirtanuu fi ummanni Oromoo hunduu shira diinaa kana bartanii akka of eeggannoo gootan keessa beektonni cimininaan hubachiisu. Achuma Ona Oomoo Naaddaa ganda qotee bulaa Waaq-tolaa jedhamu keessatti gaafa guyyaa 6/8/98 A L H tti walgayiin ganda kana keessatti dabballee wayyaanee kan ta’e Salamoon Ejeree jedhamuun walitti qabamee akka Reedi’oo Amerkaa, Jaarmaanii, Eertiraa fi sbo hin dhaggeeffanne gorfamaa oolee jira. Namni kana didee reedi’oo kana dhaggeeffate adabbiin seeraa cimaan akka irratti fudhatamu ummatatti dhaadataa biraa ooleera. Haata’u malee ummanni akkas jedhe “ alana mootummaa dinqii argine; kan reedi’oo hin dhaggeefatinaa jedhu “ Kana seenee hojii keenya dhiifnee hin dhufne jedheenii deebisaniifii walgayicha otuu hin xumurin dhiisanii akka ya’an madden achii naa ibsanii jirani.
*****
Lukkeeni fi poolisoonni wayyanee sakatta’a fakkeessanii uummata samuu itti fufaniiru. Gaafa guyyaa 16/04/2006 ganda goosuu qooraa jedhamutti mana obboo Damisee Birruu sakatta’uuf deemanii uffata jiru kiisii haka kaa’uun ifaan ifatti qarshii ummataa saamuun isaanii beekkame kana malees namoota nagaa reebanii hidhaniiru warra hidhaman keessa
- Mulgeeta Dassalenyi, 2. Darajjee Margaa, 3. obbo Sarbeessa Damisee 4. Alaminaa Araarso, 5. Sisaayi Araarsoo
Yakka tokko malee hidhamanii reebamaniiru kana malees iddirii naannoo jiru gamtaa farraati jedhanii galmee saanii fi qabeenya waldichaa saamaniiru.
polisii Shimallis Mitikkuu jedhamu tokoo immo FDG DEEGARTEETTA JECHUUN HIDHANII Rakkisaa jiru.
Lukkeen kana hunda godhu fi gochisiisu basaatuu maqaa sadi qabu tokko ta’uun bira ga’ame innis maqaan isaa: Guddisaa Qana’aa ti. Gaddisa Qana’aaHayiluu Qana’aa jechuun maqaa isaa jijijjiiree socho`uun ummata saamu saamsisu, ajjesuu fi ajjeesisaa jiru dha, nama kana yoo gochaa isaa irraa deebihuu baate tarkaanfiin sirreessaa akka irratti fudhatamu akeekkachiifameera.
Injifannoon ummata Oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!