Ebla 15, 2006 (Oromiyaa) - Fincila diddaa gabrummaa ummanni Oromoo hadheeffatee goloolee Oromiyaa keessatti gaggeessaa jiru fashalsuuf tattaaffiin gama diina qubataa Wayyaaneetiin godhamaa jiru akkaan cimaa dhufee haala yaachisaa irra gahuun ifatti mul’ataa dhufeera. Kanarraa kan ka’e Oromiyaa keessa bakkoota heddutti tooftaan Wayyaaneen hordofaa jirtu tooftaa ummata saamuu, ajjeesuu, tumuu, biyyarraa arihuu, dubartoota gudeeduu fi kan kana fakkaatnuun ummata jiilchanii qabsoorraa gugachiisuu dha. Haalli kuni bal’inaan Harargee Dhihaa fi bahaa keessatti deemaa jira. Waraanni lakkoofsaan guddaa tahee fi kan naannoolee biraa irraa dhufe qubsiifamuudhaan ummata roorrisuun bal’inaan itti jira. Harargee Dhihaa keessa Bordoddee bakka Ija Odaa jedhamtu irraa namoota hedduu guuranii Gubbaa Qorichaatti hidhanii jiru. Akkasuma Hirna, Ciro, Baddeeysaa, Galamso, Machaaraa, Miicata, Bordoddee fi Harawaaca, Mieessoo fi Asabootittiis kan deemaa jiru kanuma.
Yeroo ummanni Oromoo ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo kabajuuf of qopheessaa jiru kanatti Wayyaaneen ummanni baadiyyaa osoo hin hafin nama karaa deemu hunda odeessa sochii FDG nuu himtan malee isin hin dhiifnu jechudhaan qabanii manneen hidhaa mooraa waraanaatti guuraa jiran. Bifa kanaan namoonni Aammee Shankoor, Abrahim Yusuf, Msxafaa, fi Aammaduu kan jedhamanfaan magaalaa Hirnaa keessaa hidhamnii jiru. Haala kanaan wayyaaneen ummanni keenya baadiyyaa akka oomisharratti hin fuulleeffanne taasisuun beela biraatiif saaxilaa jirti.
University Haramaayaa
FDG university kana keessatti hanga guyyaa kaleessaa itti fufee finiinaa jira. Gara tokkoon Wayyaaneen barattoota ilmaan Tigray hidhannoo guutuu itti kennuudhaan hidhachiiftee humna Wayyaanee cinaa hiriirsuudhaan barattoota Oromoo irratti akka duulan taasisaa jirti. Barattoonni ilmaan Tigray kuni hanga barattoota Oromoo basaasuu irraa jalqabanii hanga hidhannoon itti duuluutti farra QBO tahanii durummaan hiriiranii hojjataa jiru. Karaa kaaniin barattoonni Oromoo ummata Oromoo bal’aa waliin tahanii hidhannoo aadaa; dhagaa, ulee, mancaa fi kan kana fakkaatuun ibidda diinaa dura murannoodhaan dhaabbatanii ofirraa qolataa jiru. Haal kanaan barattoonni Oromoo mooraa university haramaayaa jiran mooraa gad dhiisuun ummataan walitti dabalamanii falmaa gaggeessaa jiru-Wayyaaneeniis osoo gandeen hin hafin barattoota Oromoo alloolaa jirti. Dameelee university kanaa kan magaalaa Hararii fi Dirree Dhawaatti argaman keessattiis sochiin bifuma kanaan adeemsifamaa jira.
Kuni osoo kanaan jiruu sababii jal-bultii ayyaana Gootota Oromootiin sochiin wal dhura dhaabbatuu kuni cimaa dhufe. Wayyaaneen ayyaanni kuni sochii bal’aa uumuu dandaha kan jedhuun qophii sochii cal’isiisuu godhaa yeroo jirtu ummanni Oromoo ammoo ayyaana kana bal’inaan ayyaaneffatuuf bal’inaan sochii argisiisaa jira. Haala kanaan guyyaa kaleessaa barattoonni Oromoo humna diinaa kana ofirraa deebisuu keessatti barattoota ilmaan Tigrayi fi humna waraana Wayyaanee irraa hedduu madeessan. Humni diinaas karaa isaatiin university Haramaayaa keessaa barattoota Oromoo Lataa Qindeysaa, Dalee Abdiisaa, fi barattoota Baayyisaa, Galataa, Girmaa, Tasfayee, Dirribaa, Fiqree jedhaman gar malee tumuudhaanmiidhanii ambulansiin gara hospitaala Harar geeffamaniiru. Universituma kana Damee Dirree Dhawaa irraa barattoonni Oromoo Amaanu'eel Tesfayee, Hayluu Kiflee fi Anwaar Johar jedhamanii fi kan biraas hidhaman.
Haalli kuni osoo kanaan jiruu barattoonni naannoo univ. Haramaayaa iran kan university fi sadarkaa biraas ayyaana Guyyaa Gootota Oromoo awwaalcha barataa Eliyaas Mohammad Suufii irratti, ona Daamootaatti kabajachuuf qophii irra jiraatuun beekame. Waan mudatee fi itti aanu yeroo biraa isinii dhaamna.
Magaalota Finfinnee fi Ambo
Magaalota kana keessatti manneen sabboontota Oromoo sakata’uu fi qabeenya adda addaa saamuun itti fufee jira. Karaa biraatiin hojjattootni Biiroolee adda addaa galii isaaniirraa % hanga tokko akka kutan ajajni kennamee guyyaa sadan dabran Biiroon Barnootaa kutaa turte. Biiroon Bishaanii amoo kaleessa 14/4/2006 irraa jalqabanii itti jiru.
Karaa biraatiin magaalaa Amboo keessatti FDG torban guutuu finiinaa akka jiru hubatamaa dha. Poolisoonni Federaalaa guyyaa kaleessaa 14/4/2006 sochii kana dhaabuuf mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Ambootti bobbahee barattoota ulee fi rasaasaan tumaa oole. Weerara kana keessatti barataan Shukkaa Cimdii jedhamu rasaasa Wayyaaneetiin rukutamee wareegameera.
Injifannoo ummata oromoof!!