Ebla 13, 2006 (Oromiyaa) – Barattaa Yaassiin Mohaammad Suufii anaa Haaroomaayaatti Jiraataa araddaa daammootaa, umrii 18, barataa kutaa 9ffaa kan turee Alaabaa OPDO gubdee jedhamuudhaan galgala Bitootteessa 23, 2006tti, kamiisa, Bulchaa araddaa Dammootaa kan Abdallaa Haassan jedhamun rasaasaan rukutame wareegameera. Suraan isaa kana.
Awwaalcha isaa guyyaa bitoteessa 24 sirna ho'aa fi bifa fincilaatin gaggeefamee wayyaane waliin walitti bu'un niyaadatama.

**********
Ebla 11-2006 akka lakkoofsa habashaatti ganama sa'aa 11:30 irraa kaasee hanga sa`aa 2:00 tti Baratoota Oromoo fi Tigree kanneen Yuniv. Hara Mayaa jiran iddutti waldiddaan dhalateen ulee fi dhagaan walittibu'anii barattoonni ammaaf lakkosaan hin beekamin madaawanii jiru. poolisiin feediraalaa mooraa marsanii dhukaasaa jiran akka jirutti barattoota tigree cinaa dhaabbachuun ijoollee Oromoo miidhaa oolan.
Noamoota hiduuniis itti fufee jira. Akka kanaan yuniv. Hara Maayaa fi D/dhawaa warri hidhame: Amaanu'eel Tesfayee, Hayluu kiflee fi Anwaar Johar faa dha. yuniv. H/maayaa rraa Lataa qindeysaa, Dalee Abdiisaa, Baayyisaa, Galataa, Girmaa Tasfayee, Dirribaa Fiqree warra gar malee tumamee mana haakimaa seenani dha.
Hirna irraa warri hidhame ammo: Musxafaa, Aammee shankoor, Abrahim Yusuf, Aammaduu faa dha.
*************
Fincilli diddaa gabrummaa Amboo fi naannoo ammas itti fufee jira. Akka kanaan torban darbe Ebla 5-2006 gaafa Roobii boombii harkaa M/B sad.1ffaa carii irratti polisootaan darbatameen barattoonni lama madaa’uun nuuf gabaafamee jira. Sababa kanaan barattoonni hedduun mana hidhaatti guuramaa jiru. Barsiisotni tokko tokko barattoota hiisisaa jiru.
Poolisoonni feederaalaa haaraa Amboo seenanii fi duraan achi turan Kibxata dheengaddaa walitti bu’uun beekameera. Sababni isaas, isin ABO dha maaliif barattoota irratti tarkaanfii hin fudhattan jedhanii kanneen haaraa dhufan kanneen duraan turan yommuu doorsisuu yaalanitti dha. Yeroo ammaa kana magaalli Amboo poolisii feederaalaan marfamtee jirti.
Koollejjii qonnaa Asoosaa keessatti diddaan ka’een barattoonni hedduun hidhamuu isaanii oduun achii nu gahe ni hima.
Dhumarratti Barattoonni Oromoo Yuuniversiitii adda addaa Ebla 15, 2006 guyyaa guutuu nyaata dhaabuudhaanii fi halkan keessaa saa’atii 2:00 irratti dungoo ibsuudhaan akkasumas uffata gaddaa uffachuudhaan kabajuuf qophoofnee jirra. Kana irratti ibsa bal’aan kan isinii ergamu ta’uu hubachiisna.
Injifannoo Ummata Oromoof!
Gadaan gadaa bilisummaa ti!