Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
News

Fincila diddaa gabrummaa

Caamsaa 12, 2006 (Oromiyaa) - God ina Arsii Ona shaashamannee magaalaa Kuyyaara keessatti Fincilli Diddaa gabrummaa jabaatee itti fufee jira Guyyaa kibxataa 11-04-2006 ti barattoonni mana baruum saaad.2ffaa kuyyaraa, barattoonni mana baruumsa sad.1ffaa Karaaraa Eeddoo, barattoonni  Kolleejii Saayinsii Fayyaa Kuyyaraa, barattoonni mana baruumsa sad.2ffaa shaashamannee fi uummanni  naannoo kuyyaaraa Hiriira nagayaa bahuun Mootummaa gabroonfataa Wayyaanee balaaleffataa oolanii jiru. Hirira kana irrattii Alaabaa Gabroonfataa Buusanii gubuudhaan  bakka isaa kan A.B.O saa`aa shaniif walakkaa irraa hanga saa`aa torbaaf walakkaatti bahee turuun isaa beekkame. Barattootaa fi uummanni Oromoo naannoo kuyyaraa irraa walittibahe kun Alaabaa A.B.O. kaan baasuun kaan immoo kallattii gara garaatiin qabatanii Dhaadannoo isaanii dhageessisaa Oolanii jiru. Dhaadannoowwan isaan dhageessisaa turan keessaa

1. Miri hiree murteeffannaa ummata Oromoo haakabajamu!, 2. W.M.T. haa banamu miseensonni isaas hatanatamaan hiikkamanii hujii isaanii haa jalqaban!, 3. Sabboontonni Oromoo badii tokko malee mana Hidhaa Wayyaanee keessatti Dararamaa jiran hatattamaan haa hiikkaman!, 4. A.B.O. nu haa bulchu!, 5. Oromoon Alagaan Hin bultu!, 6. Mataan Wayyaanee Minaasee W/g Dandeetti waan hinqabneef nu hinbulchu!, 7. Nuti kan buluu barbaannu A.B.Otiini!

Dhumarrattis hanga Gaaffiin uummata Oromoo deebii gayaa argatuutti Barataa Falmanna, Falmataa Baranna! Gumaa barattoota Oromoo Guutuu Oromiyaa keessatti Waraana Agaaziitiin ajjeefamaa jiran ni baafna! Jechuu dhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa oolanii jiru. Hirira kana dhaamsuu dhaaf Poolisiin Ona Shaashamannee irraa dhaqan barattoonni Gootmmaa dhaan afoo dhaabbatanii ufirraa ittisaa olanii jiru. Lukkee Diinaa kan ta.e Waardiyaa mana baruumsa sad.2ffaa Kuyyara fi Poolisii Baratoota irratti dhukaasaa ture tokko battalumatti uummataa fi barattootaan Caccabanii yeroo ammaa kana Du`aaf jiruu edduu jiru Poolisoonnis akkuma Hiriirri ummataa kun huumna isaaniiti oli ta`uu hubataniin W.F.shaashamannee fi Awaasaa irraa waamatanii uummata Nagayaa ganda keessa deemaa tumaa fi hidhaadhaan rakkisaa jiru.

******

Yuniversitii Hara Maayaa keessa guyyaa Kiphxataa(11/4/2005) ijoollee keenyaa fi kan tigree giddutti walitti bu`iinsa uumameen ijoolleen jaraa human ittisaa makachuun kaaffee caccabsanii ijoollees baayyee tokko rukutanii hanga ammaa baruumsi akka hin Jalqabne. sababiin isaas ijoolleen kan gaaf duraa hidhaman maaf hiikaman kan jedhuu fi shamarreen teenya tan mana barnoota dirree dawaatti barattu humnaan dirqisiifamtee gudeedamte kan jedhuun ijoolleen warraa dubbii kaasaniin dha. Har`a akka dhagahetti ijoolleen kan keenyaa fi amaaraa walitti ida`amanii akka of irraa faccisaaranitti. ********* Barattooiri Oromoo yuniverstiy bahirdar warra OPDOf fi ABO hojjetan walii galanii waraqaa eenyummaa OPDOn isaanii raabstte walitti sassaabanii gubanii wal wajjiin ta`anii hojjachuu jalqabuun beekkameera. ****** Fincilli diddaa gabrummaa shaambuu fi naannoo isheetti jajjabaatee itti fufee jira! FDGn eegalee akka harayaatti ka`uun shaambuu fi baadiyyaa naannoo sanaa keessaatti  lubbuu hedduun baheera  namoonni  muraasni keessatuu barattoonni  bosona seenaniiru  kana malees erga torbee kanaa asii barumsi  dhaabbatee  barattoonni FDG itti fufani jiru.

Gaafa guyyaa 11/04/2006 ykn gaafa kibxataa baratrooni Amuruu sochii godhaniin barattoonni sadi (3) lubbuun yoo du’an heduun madaa’aniiru kanuma irraa ka’uun  barattoonii Shambuu fi naannoo ishee nuti kanaan booda hanga bilisummaati  du’a otoo hin sodaatiin  gumaa  jaalleewanii  baasuf duubatti hin deebinu  jechuun murannoo isaanii  beeksifataniiruu kana malees  mandheen erga ijaarramaniin booda  marii kana akka duubatti hin deebfneef  waadaa  waliif seenaniiru manneelleen gumaachan  kanneen armaan gadiiti

******** 

Bordoddee bakka ija odaa ja,ammtuu namoota guuranii gubbaa qorichaatti hidhan badiyyoota keysaas akkasumatti nama lakkoysaan hedduu hidhaa jiran,yuniver. haramaayaa kaleysa hokkara cimaan tigrootaan wal lolanii joolleen tenya mooraa gad lakkiftee hawaasatti laaqamte,kanneen hafan waraanni baratoota tigree cinaa dhaabbatee uleen teenya tumanii ambulance laman madoo adare tti guuran, taanis ganda keysa barbaadatti jiran.

Dameen d/dhawaa tigrootaa tu mooraa kaleysa gadi dhiisee mi’a isaanii qabatanii.dameen adaree ammoo asrii kaleysa tii kaasee wal loluun joolleen Oromo tigroota hedduu madeysite. Haatahuu malee, shuguxii itti hidhan tan isaanii durumaanuu, kanaafuu haalli nagayaa biyya hin jiru.namoota magaalaa hundatti karaa qabanii waaanu garsiiftan malee isin gadi hin dhiifnu jachaa jiran.

Hidhaan akkanaa tun keysaa huu ,Hirna , Ciro, Badeeysaa , Galamso, Machaaraa , Miicata ,Bordodde, Gubbaa Qorichaa yo tahan bakkoonni biraa akka Harawaacaa faa niis danuu dha. Amma garuu haalli yuniver. Haramaayaa fii Damoota isii lameen D/dhawaa fi Adaree dhaa finiinaa jira. Yeroo ammatti warri isiin akka basaasaatti itti dhimma bahaa jirtu Amaaraa fii Adareedha bakka mailii fii ganda keessattiis.

************

Godina iluu keessatti wayyaanoonni mana jiraattotaa Sakkatta`uu itti jiru. Jiraattoota zoonii sanaa haga onaatti Mana jiraattota ajaja mana murtii ala mana isaanii ni sakitta’aaru; sodaan isaan qaban jaraa ABO fi WBO biyya keessa galeera sababa jedhuuni. Ummanni sababa kanaan Akka dhaabbatu sabboonstooni Oromoo dhaamu! Gochaa kana kan lukkee wayyaanee waliin ta’ee akka manni sab-boontootaa sakitta’amu godhaa jiru Kaasahuun Fidaa hojiin isaa Rifeensa sirreessuu fi Darajjee Atoomsaa jedhamutu kana raawwachaa jira. Namoonni kun yeroo baayyee qabsaa’ota dhugaa isaaniif qabsaa’anu irratti dhiibbaa hangana hin jedhamne raawwataa jiru. Waan ta’aniif jarreen kun gochaa isaanii fokkisaa kana irraa yoo deebihuu baatan tarkaanfiin keessa deebii hin qabne kan irratti fudhatamu ta`uu haa hubatan! Yoo kanaan of sirreessuu dadhaban tarkaanfiin keessa deebii hin qabne akka irratti fudhatanu sab-boontonni ciminaan hubachiisu. Injifannoo Ummata Oromoof! Gadaan gadaa Bilisummaa ti!!

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net